Wantii hundi gaarummaadhafi


Qotee bulaa hiyyeessa tokkotu ture. Guyyaa tokko fardi inni qabu tokkittiin jalaa baddi. Guyyaa sana olloonni isaa marti isa jajjabeessuf gara mana isaa dhufan. "Fardi kee baduu isaa dhageenye. Kun wanta hedduu laphee namaa cabsudha" jedhaniin. Innis deebisee "Hundumtuu gaarummaafi" jedheen. Borumtii isaa fardi bade fardeen bosonaa 7 of duuba yaasee dhufe. Kana kan dhaga'an olloonni isaa ammas gara mana isaa dhufuun "Baga gammadde! Amma abbaa farda 8ti taate jechuudha. Ati akkam nama carroomadha" jedhaniin. Inni akkuma barame hundumtuu gaarummaafi jedhaan.

Yeroo biraa ilmi qotee bulaa kanaa farda tokko leenjisuuf jedhee otuu gulufuu kufee lukni isaa caba. "Ooo maali carraan akkanaa? Ilma kee waan hamaatu isa muudate" jedhanii olloonni isaa. Qotee bulichi deebii gaarummaafi jedhuun ala hin laanneef. Guyyaa itti aanu mootummaan biyyattii dargaggoota waraanaf guuruu eegale. Mucaa qotee bulaa kanaas lukni isaa cabaa waan tureef isa dhiisanii dargaggoota mandarichaa hunda sassaabanii deema. Olloonni namicha kanaa har'as mana isaa dhufan. "Mucaan kee akkam carroomadha. Waan lukni isaa cabeef waraana deemuu jala darbe" Jedhaniin. Deebiin qotee bulaa kanaa beekkamaa ture. Innis "Gaarummaafi" 

Egaa yaa nama koo seenaa kana irraa waan xinnoo tokko hubachuun kee hin oolu. Wanta ta'e irratti dhiphachuun ceepha'uu dhiistee isa gochuu dandeessu qofa irratti xiyyeeffadhu. Isa ta'e homaa gochuu hin dandeessu. Inni ta'uuf jiru garuu harka kee keessa jira. 


No comments:

GAAFAN DU'EE SIIDAA KOO IRRATTI MAAL JETTANI BARREESSITU?

Guyyaa tokko namicha tokkotu daw’iidhaaf gara Amerikaa deeme jedhama. Biyyicha keessa olii fi gad deemee erga daw’atee booda dhuma irratti s...