Akka ogeeyyiin haasaa (communication experts) jedhanitti jechoonni ati afaan kee keessaa baafattu haasaa guutuu ati taasistu keessaa %10 qofa fudhatu. Sagaleen kee
30%, haasaan qaamaa ( body language ) keenna %60 fudhata. Kanaaf jecha afaan keenna keessaa baasnu qofa osoo hin ta’in wanti hundi walitti ida’amee dhaamsa nuti
feenu dabarsuu isaa mirkaneeffachuu dandahuu qabna. Haaluma walfakkaatuun namni biroos yoo nutti haasa’u waan afaan isatii bahu qofa osoo hin ta’in waan hunda waliin
xiinxallinee hubachuun barbaachisaadha. Namni tokko osoo Imimmaan ija isaa keessaa dhangala’u har’aa baay’ee gammadeera osoo jedhee hammam dhugaadha? Dhugooma
hin qabu. Kanaafuu akkuma waan onnee keessa jiruufi miira keenna isa haqaa namni akka nu hubatu feenu nama kan birootis akkasitti hubachuun barbaachisaa tahuu isaa
hubachuun murteessaadha;
Kutaa 4ffaa Ilaali Kutaa 6ffaa Ilaali
No comments:
Post a Comment