Itti faayadamufi faayadamu dhiisuu

 


Lamarck saayinsistii waa'ee tirannaatiin beekamudha.

Tiyooriisaa keessaa yaadi rimee "use and disuse" jedhu akkas jedha. "Mormi Saatawwaa sababni dheerateefii, yeroo hedduu baala mukaa kutachuuf waan ol hiixattuufi "(Use) Ammas dabalee, "Koochoon Penguin garmalee kan gabaabbate, ittiin waan hin barriisneefi"(Disuse) jedha. Sammuun dhalaa namaa koorteesii bal'aa qabaachuudhaan, kan uumama biroo dursa. Amala kottonfachuufi dhiisamuus ni qaba. Yoo beekumsa itti funaanne, gaarummaa yaadne, itti dubbisne, gammanne, ilaalcha gaarii yoo qabaanne, Abdataa(Optimist) yoo taane, yaada ijaarsaa yoo maddisiinsne ni dhisama; yeroo kana amala morma Saawwataaa sanaa goonfata jechaadha.(Use) Faallaa kanaan, ilaalchi badaa, amalli gadhiisii, dhiphinni, dhibaa'ummaan, Corgoggee(pessimist) ta'uun, dubbisuu dhabuun fi kkf sammuun keenya amala kottonfatuu akka qabaatu taasisa.(Disuse)

Mee kam filatta?

No comments:

GAAFAN DU'EE SIIDAA KOO IRRATTI MAAL JETTANI BARREESSITU?

Guyyaa tokko namicha tokkotu daw’iidhaaf gara Amerikaa deeme jedhama. Biyyicha keessa olii fi gad deemee erga daw’atee booda dhuma irratti s...