Kufuu hin soddaattin, yaallu dhiisuu garuu sodaadhu.

Gaafa galmaaf baatu, gufuu hedduun si mudachuu mala. Yeroo kana egaa, gufuu kufinsaa kana gara daandii ce'umsaatti jijjiiruu qabda. Nama callisee eeggatus osoo hintaane, kan galmaaf tattaafatu ta'uutu sirra jiraata. Wanti sireerraa sireetti tola siif dhufu hirriba malee hinjiru. Abjuunis kan galmaa osoo hintaane, kan hirriba keessaatu tola argama. Kanaaf, kufinsa baqachuu osoo hintaane, hambisuu danda'uu yookaan moo'achuu, akkanuma akka carraa ce'umsaatti fayyadamuutu furmaata.

Tooftaa hori! Dhagaa rukuttaaf sitti darbamu kallattii isa si miidhu qofaa hin ilaaliin; dhagaa sana walitti qabattee diinakee ittiin ofirraa daangessuunis nijira. Gimbii jabaa eenyuu cabsee hinseenne ykn irra qaari'uu hindandeenye ittiin ijaarrachuu nidandeessa. Kun immoo, tooftaa gaafata. Eeyyeen beekumsa nama irraa fedha. Beekumsa ittiin isa nama daangessuu gara kan nama deeggarutti jijjiirratan, beekumsa waan nama arii'u isa namaaf arii'uu godhan.

Wanti har'a si dhaabe muuxanno yoo si ta'e, boru sin daangessu. Akka salphaatti irra gulufta.  Gufuu si gufachiisu of jalaa buqqisuudhas malee, yeroo biraas si gufachiisa. Yoo buqqistee irbaata ibiddaa gootu, si gufachiisuuf humna dhabuurra darbee, ifa siif ta'a. Anniisaan ho'a achirraa argamuu gara fuulduraatti si buta.

Yeroo ati mudhiikee hidhattee kufinsa gara carraa ce'umsaatti jijjiiirrattu, garaagarummaa guddaatu jira. Si dhaaburraa gara siif dhaabachuutti tarkaanfata. Keessikee durarra jabaataa ta'a. Eeyyeen, muuxannoon hundeen si dhaaba. Kan si kuffisu irratti haaboo qabaachuuf of qopheessuun isa hangafaati beeki. Hin sodaatiinis!

Fakkeenyaaf- riqicha baay'ee dheeraa bishaan ciisaarra diriireeru tokko irra deemuuf kaate haajennu. Riqicha gabaabaa nuyi beeknu osoo hintaane, riqichi dheeraa, yoo irra ejjetan hundee lamaan irraa namaan raafamu, ol kan nama darbatu sanadha. Baay'ee nama sodaachisa. 'Ce'iifi hince'iin!' dabaree naqatanii sitti odeessuu malu. Yeroo kanatti sagalee huursa bishaanii yookan bishaanicha ciishee jiru gadi fageenya isaa dhaabattee tilmaamuurra, waan ta'uu qabu yaaduutu si oolcha. Waan ijoo lamatus jira; ce'uu yookaan keessatti kufuu! Keessatti kufuun filaannoo sodaakee gargaaruuf kaa'ame osoo hintaane, filannooma ati sammuukee keessaa qabdu sanadha. Osoo kun hinjiru ta'ee, ce'uu iyyuu hinsodaattu ture. Kana baattee riqichaa yaabdeemmoo, yoo akka tasaa bishaan seente, jireenyi nagaa sitti dhaammachuu danda'a. 

Humnikee kufa akka si oolchu edda beektee sodaa malee imaluun kufa si oolchuu danda'a. Kun hir'annaan immoo, bishaan seenuun dirqama. Yoo ta'eef immoo waan tokkoof of qopheessuu qabda. Waan kamiif? Bishaan daakuu beekuu sirra jiraata. Bishaan kana daaktee akka keessaa baatuuf of qopheessuun sirraa eegama. Dursitee qophaa'aa ta'uun du'a si oolcha. Akkanaan keessa kuttee gamaan ceeta.

Galmaaf kufuun waanuma jiru. Garuu kufanii hafuun bu'aan ala nama taasisa. Moo'amuudhas! Yoo achii ka'an, yoo akka muuxannootti fayyadaman kufinsi jabina gara fuulduraa ta'a. Nama humneessuu keessatti gahee guddaa qaba. Ati itti fayyadamnaan daandiikee fuulduraa sii bareecha. Akkuma fiixaan ba'insi xumura hintaane, kufinsis isa dhumaa miti. Kan kufee iddooma kufetti dhumateefii miti. Kufinsi ta'ii yeroo muraasaati malee, harka nama hinkennisiisu. Barataan kutaa irraa gara kutaatti darbuuf qabxiin isa hir'ate tokko, "Nan kufe!" jedhee harka maratee taa'uurra, yoo dareema keessatti kufe keessa deebi'ee bilcheeffate jijjiirama addaa uumuu danda'a. Garuu achumaan addunyaa barnootaa keessaa baanaan, isa qabxiin guutuufii dhabe osoo hintaane, isa deemsa dhaabe kanadha kufinsi isaa. Kufinsi deemsa irratti gufachuu miti; sababa gufachiisa tokkoon walitti dhufaniin dorgee jireenyaa keessaa bahuudha. 

Kufinsa qofaas osoo hintaane, kufanii hafuus balaaleffachuu qabna. Yoos, kufinsatu kufa. Kufinsi haa kufu!

No comments:

GAAFAN DU'EE SIIDAA KOO IRRATTI MAAL JETTANI BARREESSITU?

Guyyaa tokko namicha tokkotu daw’iidhaaf gara Amerikaa deeme jedhama. Biyyicha keessa olii fi gad deemee erga daw’atee booda dhuma irratti s...