Namaaf, meeshaa hunda caalu, kan uumama hundaayyu ittin to'atu, sammuu kenne


Uumaan, uumama adda addaaf kennaa addaa arjoomeera; Adurreef qeensa kenne; ittiin moccorti! Gafarsaaf gaafa kenne; diina ittiin horfa! Kennaasaa, hundumaaf hin waakkanne. Kaan, yeroo gaabaabaa keessatti fageenya ajaa'ibaa kaata. Kaanis, uffata malee cabbii keessa jiraata; Kaanimmoo, xiyyaara mataasaatiin samiirra barrisa; sanuu boba'aa osoo hin bitiin! Kaaniif jagnummaa; kaaniif gamnummaa; kaaniif humna.....kaman himee fixaa?

Walumaa galatti kan lubbuu qabu kamuu, yoo ofjalaa dhoksees, kennaa dhabe hin qabu! Namaafoo? kan jedhu gaaffii hundaa ta'uu qaba.

Namaaf, meeshaa hunda caalu, kan uumama hundaayyu ittin to'atu, sammuu kenne. Sammuun namaa kun neuroonii Biliyoona dhibba(100,000,000,000) akkasumas narvii gargaartuu(glial cells) Tiriliyoona kudhan(1000,000,000,000) kan qabuu fi Diyaamenshiinii 1450cm³ qabaachuun, uumama "uggum" nama jechisiisudha; Uggum! Ammas baay'ee sinin ajaa'ibiin malee, saammuun namaa gurra lamaan gidduu jiru sun, yaadannoo( memory) miliyoona 2.5GB ol kuusuu kan danda'uu fi Aangoonsaa(power) 20W dha.

Kun ta'ee osoo jiruu, haa ta'u malee, namni meeshaasaa kana walqixa itti hin fayyadamne; Gareen tokko sammuusatti fayyadamuun argannoo addaa uumee, waan amanuufuu nama rakkisu kalaqee, addunyaan kun namaaf mijattu akka taatuuf gaheesaa bahe; biyyasaas jijjiire. Faallaa kanaan, gareen biraammoo kutaa sammuusaa kana keessatti maal akka hojjetu erga taa'ee xinxalee booda, yaadaafi qaamaan olii gadi gulufee, jibba, tuffii, hinaaffaa gadaantummaa, haaloo, hin danda'uu, dhibaa'ummaa, dhiphina, tuffii, hamii fi kkf walitti fuunaanuun gara sammuusaa geessee, mana hidhaa guddaa tokko ittiin ijaare. Balbalas itti tolchuun, olseenee marmaratee keessa taa'e.

Kutaa mana hidhichaa keessa barreeffamni inni barreesse, baay'eetu jiru. Barreeffamoota sana keessaa gariin akkana jedhu:

..." Maafan gabaabadhee?, dheeradhee?

... har'a abalu maal naan jedhee? 

... nama hundumaa gammiichuu wayya.

.. Har'a sa'aatii koo eessattan gubaa? 

....Ciisi, ka'i, nyaadhu;

kanuma sadan irra deddeebi'aa jiraadhu"...  kan jedhuu fi kkf argitu!

Mee of haa ilaallu! meeshaa rabbi nuuf kenne kana, mana hidhaa gochuu dhiisnee, mana kalaqaa haa taasisnu; ILaamee,

Bakkuma jirturraa ka'ii kutaannoo horadhu; kutannoo dhaabbataa! Beekumsa dheebodhu; Dubbisii dhugi! dhugi, ammas hin quufiin dhugi; 

karoorsi hojiitti hiiki; yoo kufe irra deebi'ii yaali; irra deddeebi'ii yaali. Yoo kufte awwaara kee hurgufadhuu ka'i; fulduratti deemi.

Mudannoonkee muuxannoo malee gaabbii akka siif hin taane dursii toobbadhu! Na amani, ati shaakaluu hin nuffin malee, guyyaa tokko isa sitti ulfaate sana, qullaa dhaabda. Yoom akka kuftu beektaa yaale? gaafa yaaluu dhiisteedha. Kutannoon kaanaan, bakka hin yaadamne ni geessa! Eeyyeen, ni dandeessa!

No comments:

GAAFAN DU'EE SIIDAA KOO IRRATTI MAAL JETTANI BARREESSITU?

Guyyaa tokko namicha tokkotu daw’iidhaaf gara Amerikaa deeme jedhama. Biyyicha keessa olii fi gad deemee erga daw’atee booda dhuma irratti s...