Showing posts with label amnataa. Show all posts
Showing posts with label amnataa. Show all posts

DHUGAAWWAN WALQUNNAMTII SAALAA { SEX}

 


➥  Dhiirri tokko yeroo ispeermii dhangalaasu seeliwwan buuphaa cabsan miliyoona 300 ol gara qaama dubartii seena, garuu tokko qofatu buuphaa cabsa.

➥  Dhiirri tokko yeroo ispeermii isaa dhangalaasu qixa nyaata isaa guyyaa afurii balleessetti lakka'ama.

➥  Waanuma warri dulloome waa'ee sex hin yaanne sinitti fakkaachuu danda'a, garuu dhugaan jiru akka himutti jaartiwwan addunyaa kanarra jiran sadi keessa tokko guyyaatti waa'ee sex ni yaaddi, ni hawwitis.

➥  Uummata addunyaa kanarra jiru keessaa parsantii 5% qofatu guyyaa guyyaan sex godha; parsantiin 20% guyyaa lama lamaan sex akka godhan ragaan arganne ni mul'isa.

➥ Addunyaa kanarraa biyyi sex yeroo baay'ee godhuun beekkamtu Giriiki( Greece).

➥  Dhiirri kamiyyuu jiddugaleessan yeroo 50 ol abjuudhan yeroo sex raawwatu ni arga.

➥ Dhiironni fufurdaan dhiira qal'aa caala dachaa sadi sex gochuu irra ni turu.

➥ Dhiirota lafarra jiran keessa parsantiin 95% ol masturbation(fedhii ofiin ofbaasuu) ni raawwatu; Dubartoonni immoo parsantiin 75% ol masturbation ni rukutatu.

➥ Biyya Ameerikaatti warri wal fuudhan sireetti aansee konkolaataa isaani keessatti sex raawwatu.

➥  Ummanni Itoophiyaa(anaaf si dabalatee) iddoo 'google search' jedhutti jecha 'sex' jedhu yeroo baay'ee search gochuun biyya isaani addunyaa irraa sadarkaa arfaffaa qabachiisaniiru.

➥  Dhiirri fiilmii sex normal kan ta'e qofa yoo laale  fedhiin isaa ka'uu danda'a; Dubartoonni garuu waanuma fedheen itti dhaabbachuu danda'a, fakkeenyaf yeroo goodatti  sareen walgootu, harreen walkortu fi k.k.f yeroo argan shamarran fedhiin isaanii itti ka'uu danda'a.

➥  Dubartiin kamiyyuu jireenya ishii guutuu dhiira durbummaa ishii galaafate hin irranfattu. Kan nama aja'ibummoo nama biraatti heerumtuyyuu isa durbummaa ishii fudhate gaafa inni ishii waame kan hin dinne ta'uu ishiiti.

Jaarsan itti ergadha



Sirraa fagoo taa'ee

Amman si dharrahuu

Guyyaaf halkan  deemee 

Ganda  keessan  gahuu ?


Otoon jaarsa  ergee hoo  

Abbaan kee ni didaa 

Moo si naaf  kennee 

Walitti nu fida  


Dhuka lafee kootii  

Intala baadiyyaa 

Safuu sabaa guuteen 

Si godhadhee kiyya

HARKA KEETTI DU'EE


Angafa durbootaa

Mootii bareedinaa

Waardiyyaa onnee koo

Ati naaf ulfina


Bareedina taanaan

Maaltu siin wal gita

Sinboon kee alaalaa

Eenyummaa koo bita


Walgeettin nyaara kee

 Konkonni funyaanii

Qallinni mudhii kee

Addeenyi ilkaanii


Ijji kee gurguddaa

Mudhiin kee kan sonsaa

Ijjannaan koomee kee

Miira kan koo onsaa


Faaya kennaa addaan

 Uumaan tolchee uume

Otoon akka shaamaa

Sumaaf baqee dhume


Otoo siif eegduu tahee

Si na eegsisanii

Otoo cinaa kan kee

Ana teessisani


Otoon carroometoo

Duukaa kan kee buhe

Harka keetti qorree

Harka keetti du'e

Waanuma irra deddeebitu taatee argamta


Fixaan ba'insi jijjiirama ta'ii tokkeen mul'atu osoo hintaane, walitti idaa'ama amaleeffannaa guyyaa guyyaati. Galmi bu'aa waan argachuu barbaaddeeti; tooftaan garuu, adeemsa gara bu'aa sanatti geessudha. Bu'aa har'aa irra daandii imalaa gara bu'aa sanatti geessutti xiyyeeffachuu wayya. 

Akkuma ulfaatinnikee amaleeffaannoo nyaataa ati qabdu mul'isu, beekumsikee idaa'ama hammam barachuukee agarsiisu, haala mataaf miilla hinqabne keessa jiraachuunkee waa'ee amaleeffannaa qulqullinakee waa himu, bu'aankee yeroo tokkoo walitti qabaa amalootakee guyyaa guyyaa madaallii yeroo sanaan duraati.  Waanuma irra deddeebitu taatee argamta. Amalli gaariin yeroo gargaaraakee godha. Amalli badaan garuu yeroo diina sitti taasisa.

#Amallikee har'aa eenyummaakee boruuti waan ta'eef, bu'aan waan taatee argamtuu tolee akka argamuuf deemsakee guyyaa guyyaa sirreessi.

Yaa carraakoo kanaa

 


Carraakoo barbaacha

Fiigee gaara yaabee

Aduun natti dhiinaan

Karaa bu'aan dhabee


Bohee fala dhabee

Waan falu wallaalee

Agartuunkoos tiifee

Lolaatti na dabalee


Gaara konkoladhe 

Ergan laga bu'ee

Harkumakoon daakeen

Qarqaratti bahe


Huccuukoo qoorfadhee

Ka'ee ol dhaabadhee

Mucaccadhee kufeen bishaan habbuuqadhee


Utuu carraa eeguu

Carraan na dabarsee

Bishaan baay'ee dhugeen

Garaa na bokoksee


Naachi na gototee 

Galaanaa na baasee

Qeensaan na moccoree

Hirribaa na kaasee


Boruukoo abdadhee

Har'a utuun daaddisuu

Mul'atakoo arguuf

Utuu abjuun qaxxisuu

Boruun booruu ta'ee

Borutti na dabarsee

Carraan naf qajeelee

Ganda irra na joorsee

Kosii gandaaf baadheen

Saggookoo na cabsee


Aduu keessa taa'ee

Garaa waaqaa ilaalee

Carariin waaqarra gad na mil'attee

Ifakoo fudhattee dukkana naaf laattee

Ilaaluu hin danda'u

Yaadan nan leela'a

Agartuukoo dhabus

Sammuun na raata'aa


Dukkanicha dheessuuf

Duubatti baqadhee

Namummaakoo dheessuuf

Utaleen naafadhee

Carraan naaf qajeellee

Golatti na galchee

Ani nama hin amanu ~ I do not believe others


Ana qofa miti waan kun nama baay'ee ilaallatti. Maal wangeelliyyuu "Nama jaaladhu malee hin amaniin" jedha mitii?

Hin jedhu wangeelli. Kana namumatu ofii makmaakee dhugoomfachuuf wangeela fakkeessa. Qoyi, mee akkamitti nama hin amanne jaalachuu dandeessa? Yoo amante jaalatta bar. Nama hin amantu taanan nama hin jaalattu jechuudha. Jireenyimmoo jaalala malee duwwaadha😭. Kun rakkookeeti. Silaas ati utuu ofiikee ofiif hin amanamiin namni biraan akka siif amanamu feetaa? Nama dinqitam! Ugaa. "Haati hattuu intala hin amantu" jedhan. Ofiifuu of shakkita anaan akkamitti na amanta jedheen si abdadharee? Sin abdadhu! 

πŸ‘Amanamuun waada waliin karoorsanirratti ejjennoo dhaabbataa qabaachuudha.❤️ Atimmoo silaa ofiifis ejjennoo hin qabdu. Boru lafa bituuf karoorsitee finyoo bitta. Hojiitti qajeeltee mana bunaa oolta. Mallaqa qusachuun qaba jette qisaasessita. Hin dhugu jettee #qaradadda. Hin sobu jettee sobda. Yoom ofiif amanamtee beektaa? Ofiikee waadaa diigdee, namni hin amanamu jetta.

Waan gaarii gochuun abbuma fayyada. Ofiif jettu na amani. Bu'aan walshakkuu wal of dhiphisuufi mataa dhukkubbiidhaπŸ™ˆπŸ˜±. Filannoon ati qabdu gammaduu yoo feete na amanuu qofa. 

Atis ofiif amanamuu yaalii; #Anis_nan_yaala. Waliif amanamuu ofiif amanamuutu dursa. "Naaf_amanamtaa?" Jettee nan gaafatiin!

Nagaatti.

Yaadannoo warra namas ofis hin amanneef haa ta'u

GAAFAN DU'EE SIIDAA KOO IRRATTI MAAL JETTANI BARREESSITU?

Guyyaa tokko namicha tokkotu daw’iidhaaf gara Amerikaa deeme jedhama. Biyyicha keessa olii fi gad deemee erga daw’atee booda dhuma irratti s...