Showing posts with label obboroo. Show all posts
Showing posts with label obboroo. Show all posts

Faayidaa wal qunnamtii saalaa


🔥 Walqunnamtiin saalaa gammachuu miira keenyaa qofaaf osoo hin taane fayyummaa qaama keenyatiifis murteessadha. Mukaa'uu irra jalqabee hanga kaanseriif saaxilamuu hir'isuu danda'a. Jaalalleewwan lama warra walqunnamtii saalaa hin raawwanne caala warra raawwatan jidduu hariiroo cimaatu jira. Kabajaa fi jaalalli isaan walii qaban kan addaati. Qaamni keenya dhukkuba ofirraa akka ittisuu fi hirriba bareedaa akka rafnu nu taasisa. 

☑️ Qorraaf saxilamuu ni hir'isa. Dhukkuba biraa akka dandamannu ni taasisa. Walqunnamtii saalaa baayisuun yeroo dhukkubaaf saaxilamuu ni xiqqeessa. Akka qaamni bacteria, virus fi germ garagaraa of irraa ittisu godha. Dhiibbaa dhiigaa hir'isuuf ni fayyada. Kana jechuun immoo halkanii guyyaa walqunnamtii saalaa waan raawwattuuf  dhibeen gonkuma si hin qabu jechuu miti.

☑️ Fedhiin keenya akka hin hir'anneef walqunnamtii saalaa baayisuun ni gorfama. Yeroo walqunnamtii saalaa dubaraa irratti dhukkubbii dhaga'amuu fi gogiinsa nafsaalaa xiqqeessuf walqunnamtii saalatti jabaachun gaaruma. Yaa'insa dhiigaa gara nafsaalatti taasisuun akka yeroo hunda naaf saalli dubaraa lallaafu taasisa. 

☑️ Walqunnamtii saalaa yeroo hunda raawwachuun akka dubartoonni fincaan isaanii to'ataniif ni gargaara. Yeroo walqunnamtiin saalaa raawwatamu miiran dubartiin yeroo fiixerraa geessu maashawwan naannoo gadameessaa jiran waan kottoofataniif dhiibbaa kana dandamachuu ni danda'u. Jabeenyi yeroo gadameessi isaanii kottoonfatanii kunis humna fincaan too'achuuf fayyadu akka oomishaniif ni gargaara. Akka sochii qaamatti tajaajiluu ni danda'a.  Sa'aatii walakkaatti nyaata kaalorii heedduu bulleessuu danda'a. 

☑️ Dhukkubbii yeroo laguu ni ittisa/hir'isa. Dubartiin walqunnamtii saalaa yeroo hunda taasistu warra hin taasisne caala dhukkubbii yeroo laguu dandamatu. Walqunnamtii saalaa yeroo laguu raawwachuunis dhukkubbii nutti dhaga'amu ni xiqqeeessa. Laguunis dafee akka nurraa dhaabbatu ni godha.

☑️ Dhukkubbii ni xiqqeessa. Walqunnamtiin saalaa akka ajjeeftuu dhukkubaa gargaaruu waan danda'uuf yeroo raawwaannu miira fiixee xummuraa (orgasm) irra ga'uun akka of wallaallee dhukkubbii nutti dhaga'amu san dagannu nu godha.

☑️ Dhiibbaa garaagaraa irraa nama baraara. Walqunnamtiin saalaa keemikaala oxytocin madduuf, keemikaalli kun immoo cinqii fi muukii garaagaraa ittisuuf ni fayyada. Dabalees waa dafanii irraanfachuu irraa nama baraara.  

☑️ Hirriibaf ni fayyada. Yeroo walqunnamtii saalaa keemikaalli melatonin jedhamu waan maddisiifamuuf, keemikaalli kunimmoo hirriiba sirnaan rafuufii miira gaarii keessa akka dabarsinuuf nu fayyaduu danda'a.

☑️ Umurii namaa dheeressa. Yeroo walqunnamtii saalaa keemikaalli ispermidine waan madduuf, keemikaalli kun immoo  umuriin namaa akka suuta tiratu godha. Namoonni yeroo ammaa kana umuriin fagaatan dur walqunnamtii saalatti jaboo turan.

☑️  Bifa gaarii qabaachudhaaf walqunnamtiin saalaa ni tajaajila. Dubartoonni yeroo hunda walqunnamtii saalaa raawwatan warra hin raawwanne caala bifa nama hawwatu qabu. Dhaabbii bareeda akka qabaatan godha. Dubartiin walqunnamtii saalaa hin goone qaamni ishii dadhabaa deema, akka jaartitti boca fokkisaa horachaa deemti. Dubartiin walqunnamtii saalaa baay'istu boca dubartii durbummaa qabdu fakkaatu qabaatti.

Ati maal akka tatee beeknan inni kan maal jedha hin aariin


Guyyaa tokko Simbirroon tokkoo fi kanniisni haasaa godhu ture.

Simbirroon sun gaaffii akkas jedhu kanniisa sana gaafate. "Erga itti dadhabdee, baay'ee dhamaatee, damma dammeesitee booda namni damma kee si jala hatee nyaata. Kun miira keessa si galchee sin aarsu?" jettee gaafatte.

Kannisni sunis akkas jechuun deebisteef "Waan tokkoyyuu nan aarsu. Sababiin isaa, namni damma koo hatuu danda'a malee ogummaan ittiin damma dammeessu hatuu hin danda'u" jettee deebisteef.

Kanaaf;

➥ Namni waan si keessa jiru, ogummaa Waaqni si keessa kaa'e argee itti fayyadamuu danda'u si qofa dha. Namni biraan gahuumsa dhokataa keessa kee jiru baasee fayyadamuu danda'u hin jiru.

➥ Namni waan ati of keessaa baastee hojjette, itti fayyadamuu danda'a malee, waan ati of keessatti ukkaamsitee irra teesse irraa fayyadamuu hin danda'u.

➥ Kanaafuu, ogummaa keessa kee jiru, gahuumsa dhokataa keessa kee jiru, isa eenyumtuu si jalaa hatuu hin dandeenye kanaan hojjedhu ofiif, dhalootaf bu'aa ta'i!

Naaf jiraadhu harmee koo Sumaadha anteen koo


Riqicha too mootii 

Biiftuu too ganamaa 

Oolmaan kee ayyoo koo 

Maaliin  madaalamaa?


Jiruu  koo jiraatta 

Saggoo kee cabsitee 

Midhaan na nyaachisuuf 

Dhiiga kee cobsite 


Daawwitii jiruu  koo 

Ogeettii hundumaa

Naaf jiraadhu harmee  

Waggaa kuma kuma

Yoo Waaqayyoo jedhe


Gugeen wucoolii ishee waliin baaxii manaa irra jiraatti. Mijateeraaf. Galgala tokko abbaan manaa "Ijoolle bor ganama ka'een baaxii mana kanaa diigee haaressa!" otuu jedhuu dhageesse. Isheef oduu yaaddessaa ture. "Yaa Waaqayyo ilaalikaa! Namichi ganama ka'een baaxii diiga jedhaa! Anii fi wucooliin koo eessa lixna?" jettee Waaqa kadhatte. "Namichi, 'Yoo Waaqayyo jedhe!' jedheeraa?" jedhee gaafate Waaqni! "Lakki hin jenne!" jettee deebisteef. "Yoos homaa hin sodaatiin!" jedhe. Ganama obboroo hiriyyaan isaa dhufee du'a firaa itti himee boo'icha waliin deeman. Manni hin diigamiin hafe.

Ji'a tokko booda ammas namichi waanuma dura jedhe sana dubbate. Gugeenis Waaqatti iyyatte. "'Yoo Waaqayyo jedhe nan diiga!" jedheeraa?" jedhee gaafannaan, "Hin jenne!" jette. Deebiin Waaqaa isuma duraa ture. "Yoos hin sodaatiin!" Ganama barii dhimma atattamaa hojii isaan wal qabatutu isa mudate. Mana diiguuf mitii fuula dhiqachuufuu yeroo hin arganne. Ni qajeele!

Ji'a tokko booda ammas galgala lafaa, "Ijoolle yoo Waaqayyo jedhe barii ka'een baaxii mana kanaa diigee haaressa!" jedhe. Gugeen ni rifatte. Akkuma amala ishee gara Waaqaatti iyyatte. "Ammas kunoo baaxii manaa diiguuf yeroo sadaffaa dhaadataa jira. Yaa Waaqayyo maal nuuf malta?" jette. Waaqni ammas gaaffii isuma dura gaafate irra deebi'ee gaafate. Isheenis, "Miilanahoo 'Yoo Waaqayyo jedhe nan diiga!' jedhe jettee deebisteef. 

Waaqayyo deebii kenneef. "Amma egaa namichi ni diiga. Baaxiin isaa dulloomee waan jiruuf diigee haareffachuu qaba. Namichi kun diiguuf erga karoorsee bubbuleera. Atuu kunoo yeroo sadaffaa na kadhataa jirta. Yeroon siif kenname ga'aa ture. Bakka biroo barbaaddattee man'ee keessa jiraattu ijaarrachuu dandeessa

 turte. Garuu, dhibaa'ummaa kee irraa kan ka'e yerootti hin fayyadamne! Dhibaa'ummaa keef gatii baasuuf jirta!"

Dhibaa'ummaan gatii nama baasisa jechuufan

GAAFAN DU'EE SIIDAA KOO IRRATTI MAAL JETTANI BARREESSITU?

Guyyaa tokko namicha tokkotu daw’iidhaaf gara Amerikaa deeme jedhama. Biyyicha keessa olii fi gad deemee erga daw’atee booda dhuma irratti s...