GAAFA ANI DHUKKUBA ONNEEN QABAMEE NI DU'A JEDHANII


Gaafa ani dhukkuba onneen qabamee'Operation' ta'uu in du’a naan jedhan!”kiristaan Roonaldoo

Kanin Ayyaana wajjin kabajullee hin qabun ture Maatii deegaa gidduuttin dhaladhe. Abbaan koo mooraa dhaabbata xiqqaa tokko keessatti qacaramee biqiltuu kunuusaa (Gardener) ture. Qarshii xiqqaa argata. Kanuma iyyu dhugduu/machaa’aadha.Booda keessaa dhukkuba hin fayyamneen qabamee narraa boqote.

Haati koo qulqulleessitudha.

Kana hojjettee nu nyaachiifti. Dhugaa dubbachuuf baayyee rakkataa turre. Haala nama gaddisiisu keessattiin guddadhe. Kanaaf jireenyi ani dabarse jireenya wallansoon guute ture.

Qofa-jiraataadha. Naman waliin taphadhu hin qabu. Kanin waliin ayyaana kabaju hin qabu. Walumagala sababa hiyyummaa koo irraa kan ka’e namni waan anatti hin dhiyaanneef; hiriyyaa hin qabu.

Obbolaan koo sadan; Obboleessa koo dhiira tokkof obbolaan koo durbaa lamaan waliin kutaa tokko keessa bulla.

Barumsaan nama ga’aa hin turre. Barsiisaa koo ta’umsaan rukkuteen Man Barumsaa irraa ari’aamee beeka. Daa’imummaa koo kaasee kubbaa miilaa taphachuun jaalladha.Kanaaf yeroo hundumaa ganama ka’een shaakala. Kubbaan anaaf taphaa qofaa hin turre. Hiriyyaa kooti. Gadda koo na irraanfachiisa. Nan boqodha. Na booharsa. Waantan keessa jiru dhiisee fulduree koo akkan yaadu na godha ture. kanaaf kubbaan miilaa anaaf waan hundumaa kooti.

Umrii koo waggaa 8ttin ‘kilabii’ seene taphachuu eegale. Daandeettin koo dabalaa, Namoonniif hiriyyoonni koos tapha kootti gammadaa,anis beekamaan deeme. Umrii koo waggaa 11 tti maatii irraa adda ba’een kilabii 'Island' seene. Ilaalaga umrii kanaan qofaa jiraachuun ammam akka ulfaatu.

Ijoollee kilabichaa keessaa ani xiqqaaf qallaan ture. Namoonni “qallaa waan ta’eef humna hin qabu”…nan jedhu turan.

Ani garuu akkasiin ofiin jedhan ture,Eeyyee ani hundumaarraa qallaadha,Hiriyyoota koo keessaa ani xiqqaadha,Namoota kana keessaa ani hiyyeessa

Garuu guyyaa tokko:

 Ani taphataa beekamaa adduyaan ta’a

 Soreessaa ofirraa hafuun ta’aa

 Milkaa’inni guddinaa qaama osoo hin taane guddina sammuu irratti hundaa’aan…ofiin jedha ture.

Umrii koo waggaa 15 tiin dhukkuba onneen qabame. Natti ulfaacha dhufe. Mee yaadaga! fiigee dafqee kubbaa taphachuu dhiisaatii taa’eeyyu baayyee na dhukkuba. Bakka bakkatti socho’uu hin danda’u.

Yeroo kun na mudatu; inni namoonni “mucaan kun fagoo hin ga’uu!” nan jedhan waan milkaa’eef natti fakkaate. Garuu abdii hin kutne. Booda yaaliin baqaqsanii hodhuu naaf taassifamee nan fayye. Gara shaakala koottin deebi’e. Akka garaa koo fiige taphachuun danda’e. Oole bulee, darbaa dhufaa…ittuman fufe.

 Mucaan hiyyeessi: Abbaan isaa biqiltuu namaaf soqaa, haati immoo xurii namaa qulleessaa guddistee, kan hiriyaa hin qabne kun:

 Bara 2003 qarshii doolaraa miliyeena 15niin kilabii beekamaaf guddaa biyya Ingiliz, 'Manchester United' seene.

 Bara 2009 qarshii yuuroo miliyeena 94niin kilabii beekamaaf guddaa biyya Ispeen, 'Real Madrid' seene.

 Bara 2018 qarshii Yuuroo miliyeena 100n kilebii beekamaaf guddaa biyya xaliyaanii, juventus seene.

 Akka kilabiif akka biyyaa tti Badhaasa geebaa 30 ol argateera: dhuunfaa isaatiin dhaabbataa mootummaa, miti-mootummaa, kilabiif biyyaa irraa badhaasaa heedduu fudhateera.

Dhaamsa koo:

Har’a tarii gidiraa, dhiphinaaf rakkina guddaa keessaa jiraachuu dandeenya.Dhugumasimmoo jirra

Garuu sitti himu! Abdii hin kutiin! Fulduraatti deemi! Hasaassaa hin dhageeffatiin! Situ mo’aa situ irra aana! Guyyaa tokko lafa yaadde, galmaa kee ni geessa!

Guyyaa ati lafa yaadde geessu ni dhufa.

Waaqayyoo karooraan ala nama uume tokkoyyuu hinqabu!

No comments:

GAAFAN DU'EE SIIDAA KOO IRRATTI MAAL JETTANI BARREESSITU?

Guyyaa tokko namicha tokkotu daw’iidhaaf gara Amerikaa deeme jedhama. Biyyicha keessa olii fi gad deemee erga daw’atee booda dhuma irratti s...