Akkuma asii olitti argine hundi keennayyuu akkaataa waan tokko ittiin hubannu qabna. Garaagarummaan akkanaa kuni rakkoo tokkos hin qabu. Garaagarummaa jiru kana
garuu akka ciminaatti walitti finnee, iftoominaafi garaa qulqulluudhaan waan waliif nu galchurratti cichinee galma waliinii tokko bira gahuu ni dandeenna. Gaafas wanti nuti tokko tokkoon fiignee milkeessuf yeroo dheeraa nutti fudhatu yeroo gabaabaa keessatti akka xumurru nu dandeessisa. Dalga walirratti duulufii faallaa walii dhaabbachurraas waliin taanee rakkoo waliinii furachuudhaaf carraa guddaa nuuf uuma. Gaafa namoonni ilaalcha akkanaa horatan inni tokko isa kan biroo karaa walakkaa caala deemee hubatuuf yaalii godha, ija nama kaanitiin miira nama/qaama sanaa hubachuuf yaala. Gaafas waldhibdeef garaagarummaan jidduu lameen jirtu dhiphatti. Gaafa sun dhugoomu irree walii ta’uudhaan waan nu hunda rakkisu irra aanna jechuudha.
Kutaa 7ffaa Ilaali Kutaa 5ffaa Ilaali
No comments:
Post a Comment