Kan onnee irraa madduu keessa marimaan koo
Daree koo Simboo koo ati midhagduu kan koo
Ottumaan si egguu baroo darbee tokkoo
Ottumร an si jaalladhu bahee hafuuf anoo
Akkaamin si dhisuu maalinnis si jibbuu dhabee mala anoo
Biiftuunis baatee dhitee yoo barituu
An ammaas sin eggaa maalif nan hin birmattuu?
Nyaadhe dhuguu hundaa takkaallee hin gabbaadhu
Yaadni sii aradaa ati qubbaa na hin qabduu
Bahee galuu hundaa an sumaan akkekkaa
Ta'ee ka'uu hundaa waa'ee keetan seeqaa
Gammaachuu dhabuun koo rakkaadhettan miti
Jร alalaa keettin gubbaadhettanidhaa
DAREE KOO
Bari'ee yoo dhihees dhufee yoo darbees
Wantii dhufuu hin jiruu yaadni koo yeroo huddaa summaattin eggaa jedheen yoon sitti himuus ati nan hubbattuu nas hin qalbeeffattu nas hin yaadattu.
Maal si jaalachuu koo cubbuu ta'ee jedheen yoon of gaafadhe gonkummร a gonkummaa jaalachuun cubbuu miti, garuu kan jaalattamuu qabuu jaalachuu dhisuun cubbuu ta'uu hin oluu jedhee yaada koottin busee basaa wajjiin kufee kassaa. Kun hundii yoo ta'uu at qubaa hin qabduu qabaa jechuu malee rakkaachuu koo hin beektu
Sif jedhee dhiphaachuu namaan arrabsamuu
Kabalaafi gatamuu
Gonkummaa hin hubbaattu yeroon werrarammuu
Namootta ormattis dabarsee kennammuu
Siif ta'uu dhisuun ormaan garaffaamuu.
Yoomirree guyyaan tokkoo tannuu
Jireenyaa qofummaa irraanfannee bannuu
Bultii ijaarachuun ilmaniis horaannuu
Anoo isaan egaa ati maaf naa gattaa???
DAREE wantaan jedhuu hin qabuu baasee sitti himuuf hedduu naa nuffittaa
Olkaa'aadhe dhisuuf garaan na muffattaa
Ormatii himachuuf iccitti koo gaatta
Qulaa koo mul'isuun onnee koo na nyaata
Akkam godhurree egaa ato na jibbittee
Jaalalaan sif ladhees qileetti darbittee
Kan biraattif ta'uuf ofii kee jiraattee
Jaalalaa koo hundaa qofaatti darbittee.
Anis kanaaf jechaa yoo argittee ilaalii yoo dhabdee hooma miti jechuun yaada keessa koo karaa XALAAYA JAALALAA kana akka si bira ga'uuf yaade. Ammaas taannan an sin hin dhisuu SIN JAALADHA jechuun Waalalloo armaan gadii siif barreessaa.
Osummaan baradhuu ati ofii kee dhuftee
Osummaa hin turinniis nagaa naa gaafattee
Furtuu si harkaa fudheen balbalaa siif bannee
Olee osoo hin bubulliin walliinis taphannee
Yaada garaa keenyas wallummaan qoodannee.
Osoon si jaaladhuu kunoo har'aa as ga'ee
Si wajjiin jiraachuuf hidhadheettaan ka'ee
Kannaf si jaaladhe hundaarraan si filaadhee
Har'aas akkan si hin dhisnee sirrittaan hidhadhee
Jabbaadhee dhabbaadhee,
Si walliin jiraachuuf muradhee hidhadhee!!!
No comments:
Post a Comment