Gaafa lubbuun jirtu gaafa ati fayyaa
Akka itti kuftuuf siif qota hallayyaa
Erga ati duutee hobbaafatte mara
Waan addunyaa xumurtee gaariis tahee yaraa
Siif booya gadoodee buusee imimmaan dharaa!
Innoo sin fayyadu yeroonsaa dur taree
Gaafa itti duultu uummatteetoo garee
Of booda deebi'ee har'an tahu kalee!
Gaafa san bineensa gootee itti duultee
Maqaa isaatirra kosii meeqa tuultee
Akka itti kufuuf qotaa boolla meeqa
Irratti darbachaa daangaa malee qeeqa
Waan wal him fakkaanneen balleesita maqaa
Galmee hayyootaarraa qalama keen haqaa
Arrabsoo barbaada ganda meeqa dhaqaa
Turte gaafas yeroo jirtu kan saa lubbuun
Waliim walit hidhaa maqaa isaa cubbuun
Har'a inni deemee boqochuu saa barraan
Jaalala ummanni isaaf qabu garraan
Eegalte fakkeessuu quuqamaa akka malee
Osoo hin saalfatin wanta jette kalee
Booya sobaa boocha godhattee hamilee
No comments:
Post a Comment