Showing posts with label Fayyummaa. Show all posts
Showing posts with label Fayyummaa. Show all posts

WAAN GAARII YAADU AMALEEFFADHU


Namoonni waan gaarii yaadan jireenya isaanii keessatti bu'a gaarii argatu.  Guyyoota jireenya isaani keessa jiraan hundumaaf ilaalcha gaarii qabu."Guyyaan har'aa badaadha"jedhanii hojii hin dhiisan. Guyyoonni hundumtu gaarii akka ta'anitti ilaalu.Guyyoota hundumaa of kennani hojjetu. Sabaaba kana irran kan ka'e guyyaa guyyatti gara galmaa isaanitti tarkaanfatu.

Waan nama ajaa'ibu guyyaan har'aa kanumaa keeti.Kanaaf guyyaa har'aa maal hojjechuu feeta? Deebiin gaaffii kana salphadha. Galmaa kee milkeessuf hojjetta.Waan gaarii yaannaa taanaan,gufuuf kufaatin kamu yoo nu mudatan milkaa'ina irra nu deebisu hin danda'an.Sabaabinsa,namni waan gaarii yaadu wayita raakkon isa mudatu, furmaata barbaadu irratti xiyyeeffata malee raakkinicha yaade hin dhiiphatu. Wayita raakko nu mudate sana injifannu gara milkaa'inatti tarkaanfachu keenyatti dabalee,keessi keenyas gammaachuudhan guutama.Waan hundaa caalaa immoo amantin nutti mataa keenya irratti qabnu ni dabala.Kun immoo fuulduraattis jabaanne akka hojjennuf nu onnaachiisa.

 Jireenya keenya yoo jaallanne,jireenyis waan nu jaallatuf gaarii nutti barbaadnu nuuf kenna.Kanaafuu,yaadni gaariinif waan gaarii yaadun burqituu dhandhamaa gaariin galaana booru guddaa calaalchiisu danda'udha. Yaadni keenya haalaaf akkata gaarii gubbaa yoo jiraate,waantootni hundinuu akkata sirriif gaariin nuuf hubataamu.

    

CIRRACHA HADHOOFTUU Gall Stone/Cholelithiasis


Baattuun hadhooftuu qaamota bullaayinna nyaataaf gargaaran keessaa tokko yoo taatu, kan argamtus garaa keenya gara mirgaatiin tiruu jalatti argamti. Hadhooftuun/baattuun hadhooftuu/ hammii fi bocni ishii abukaadoo xiqqaa kan ga'u ta'ee dhangala'aa bullaa'iinsa Lipiidii (coomaa, dhadhaa, buuphaa fa'aaf) tajaajilu kan tiruun oomishite erga bishaan keessaa dhimbiibdee tottolchitee booda ujummoo hadhooftuutiin gara mar'umaan xiqqaa dabarsiti. 

Cirrachi hadhooftuu keessatti uumamu hammaan gumaa xaafii kan gahuu kaase hanga kubbaa teenisii gahuu danda'a. Cirrachi kunis lakkofsaan gumaa tokko ykn gumaa hedduu ta'uu danda'a. 

Cirrachi baattuu hadhooftuu keessatti uumamu akaakuu lama qaba:

I- Cirracha Koolestirooli: Inni kun yeroo hedduu haalluu boora kan qabu yoo ta'u cirracha akaakuu lammataa caalaa kan yeroo hedduu muldhatuudha. Akkuma maqaan isaa addeessu cirrachi kun Koolestirool baay'inaan qaba.

II- Cirracha Piigimantii: kun ammoo halluu gurraacha cilee ykn xiqqoo daalachayu kan qabu yoo ta'u innis piigimantii bilirubin jedhamu irraa uumama. Bilirubin kun irra jireessan seelii dhiiga diimaa (umrii isaa fixatee diigamu) irraa argama.

Cirracha Hadhooftuutiif wontoota nama saaxilan keessaa:

▪︎ Nyaata Koolestirool hedduu qabu kana akka coomaa fa'a fayyadamuu.

▪︎ Fuduraaf kuduraa nyaachuu dhabuu.

▪︎ Dhiira irra dubara irratti heddumaata. Keessahuu dubartii heddu deesse irratti.

▪︎ Dhukkuba Sukkaaraa qabaachuu

▪︎ Furdinna qaamaa gar-malee guddaa ta'e qabaachuu.

▪︎ Yeroo kaan caalaa yeroo ulfaa irra heddumaata.

▪︎ Dhukkuba dhiigaa (akka bilirubinin jenne sun baay'atu godhan) tokko tokko qabaachun wontoota cirracha hadhooftuutiif nama saaxilan keessaa ijoo kan ta'anii dha.

Mallatoolee dhukkuba Cirracha Hadhooftuu: 

* Yeroo hedduu cirrachi hadhooftuu mallatoo dhukkuba kan hin agarsiifne yoo ta'u; namoota tokko tokko irratti carrachi/cirrachoonni baattuu hadhooftuu keessa jiran ujummoo hadhooftuu daddabarsitu kessaatti cuqqalamuu danda'u. 

Yeroo kana:

▪︎ Garaa keenya gara harka mirgaa ykn laphee irratti dhukkubbiin namatti dhagahamu.  

▪︎ Dhukkubbiin kunis sa'aa muraasaaf ture kan badu ta'uu isaafi yeroo biraas dhukkubbiin akkasii namatti deebi'ee dhagahamu. 

▪︎ Yeroma kana ceekuu gara mirgaa/ dugda keenya gara gubbaa jechuun lafee ceekuu lamaan jidduutti dhukkubbiin namatti dhagahamu.

▪︎ Nama lolloojjessuu ykn haqqisiisuu.

▪︎ Nyaata zayitiin itti baay'ate, foon, kallee, coomaa yoo nyaannu dhukkubbiin armaan olitti ibsamee jiraachuu ykn erga nyaanne booda miirri akkasii namatti dhagahamuu. 

* Amma dura cirracha hadhooftuu qabaachuu keenya beeknee:

☆ Garaa kenyaa gara mirgaatti ykn laphee irratti dhukkubbiin hamaan yoo nutti dhagahame.

☆ Hoo'i qaamaa fi dadhabiin dhukkubbii kana wojjiin yoo jiraate

☆ Akkasumas ijji keenya ykn gogaan keenya yoo boora ta'e  hatattamaan gara mana yaalaa deemuun barbaachisaa dha.

Maal haa goonu?

*Dhukkubbiin/mallatoolee armaan olitti eeraman yoo of irratti agarre mana yaalaa deemnee qorannoo adda addaa kan Doktorri kenyaa nuuf ajaje (kan akka Altiraasawuundii fa'a) gochu.

* Cirrachi hadhooftuu tasa dhukkuba biraa ilaaluuf jiraachuun isaa beekame kan dhukkubbii/ mallatoo dhukkuba sanaa hin qabne yaala hatattamaas ta'e ykn guutumaan gutuutti yaala kan hin barbaanne dha. Haa ta'u malee namoota dhukkuba sukkaaraa qaban akkasumas kan doktoriin otoo dhukkubni hin jiraatin yaalamuu qaba jedhe qofatu yaalama jechu dha. 

* Yaalli cirracha hadhooftuu dhukkuba qabuuf taasifamu baqaqsanii, muranii baasuu baattuu hadhooftu (Cholecystectomy) ta'uu mala. Qorichoonni yeroo dheeraaf fudhatamanii Ji'oota/Woggotta hedduu booda cirracha san bulbulan ni jiru. Garuu Qorichoonni kunniin  bulbuluu dhabuu danda'u kanaaf yaalli bu'a qabeessa ta'e kan Opereeshiinin baafamu san jechudha. 


KAROORA DHABUUN MO'AMUU FIDA.


Namoota lama ta'anii qurxummii qabuuf,laga deeman. Achi ga'anii kiyyoo isaanii darbachuu eegalan. Akkuma beekamu kiyyoon isaanii qurxummii qabee fiduu jalqabe. Inni tokko qurxummii kiyyoon isaa qabee fidu hunda keessaa baafachuun qodaa isaa keessa kaa'uu jalqabe. Inni isa wajjin jirummoo yeroo kiyyoon isaa qurxummii gurguddaa qabee fidutti; qurxummiilee ishee xixiqqoo keessaa fudhachuun warra gurguddaa keessatti deebisa. 

Hiriyaa isaa sun,"maaliif qurxummii isa gurguddaa keessatti deebistee ishee xixiqqoo qofa fudhatta? Kaayyoon nuti dhufneef iyyuu yoo akka carraa argannee qurxummiilee isa gurguddaa qabachuudha mitii?" Jechuun gaafate. Namichis akkas jechuun deebiseef.

"Utuun qurxummiilee warra gurguddaa kana akkuma-kee fudhadhee galee baay'ee namatti tola ture. Garuu,mana kootii eeleen irratti bilcheeffannu xinnoo waan taateef qurxummiilee gurguddaan na hin barbaachisan" jedhee deebiseef. Hiriyaan isaa sun gadduun akkas jedhee deebiseef," Qurxummiilee gurguddaa dhiistee galuu moo galtee eelee kee ishee xiqqoo jijjiiruutu wayya ture?" Jedheen jedhama.

Ergaan koo gabaabinaan, "karooran dhabuun mo'amuu fida. Namichi sun osoo eelee guddaa qabaateetii qurxummii guddaa qabata ture;garuu inni eelee isaa bal'ifachuu dhiisee lagattis qurxummii xiqqaa qabachuutti gadi taa'e."

Namichi sun bara baraan,qurxummii xixiqqoo qabee nyaachuura;karoora ittiin eelee manasaa bal'ifatu yaadee,qurxummii gurguddaa qabatee nyaachuu isaaf wayya. 

Warri chaayinaa yoo dubbatan akkas jedhu, "Nama tokko tokko umurii isaa guutuu qabanii qurxummii nyaachisuurraa, guyyaa tokko laga buusanii akkaataa itti qurxummii qaba barsiisuutu salphata!" Jedhu.

Deemsi itti fufaa dhaabbatte hin eegiin!


ISTIROOKII – Stroke


Hammi isaan barbaadaniifi dhabanii turuu danda’an/dandamatan garagara ta’ullee, qaamoleen keenya dalagaa isaanii hojjachuuf ‘Glucose (fi wontoota dalagaa qaamaaf barbaachisan)’ fi ‘Oxygen’ barbaadu. Gulukoosiif oksijiinii ammo karaa dhiigaatiin argatu. Dhiiga ammoo karaa hidda dhiiigatiin argatu. Dhiigaa argachuu dhabuun Sammuu: hiddi dhiigaa gara sammuu deemu cufamuu, hudhamuu fi sababa dhiigni sammuu keessatti jigeef dhiiga gahaa ykn dhiiga aragachuu dhabuun, akkasumas dhiibbaan kana irraa qaama sammuutti dhufu kun ISTIROOK jedhama.

ISTIROOKIIN dhiiga ititeen ykn cooma hidda dhiigaa irraa fottoquun cufamuu fi haalaan dhiphachuun (hudhamuun) hidda dhiigaa gara sammuu ykn qaamaa sammuu deemu (Ischemic Stroke) fi hiddi dhiigaa sammuu cituun ykn jigsuun dhiigni sammuu kessatti dhangala’uu (Hemorrhagic Stroke) irra ta’uu danda’a. Gosti ISTIROOKII lamaan kun yaalli isaanii garagara (faalla wolii) fi akkasumas wontootni isaaniif nama saaxilanis gargaruma haga tokkoo qabu. 

Dhiigni gara sammuu ykn kutaa sammuu deemuu yeroo xiqqoof ykn yeroo gabaabduuf irraa dhaabatee deebi’uun (Transient Ischemic Attack) ammoo mallatoo sa’aa muraasa keeessatti mul’ate badu mul’isuu danda’a. 

Mallatoolee ISTIROOKII:

* Dubbachuu dadhabuu. Arrabni nama hihidhamuu.

* Wanta namni biraa jedhu hubachuu dhabuu.

* Tasa qaamnii cinaa tokkoo: fuula, harkaa, fi luka sochosuu dadhabuu.Cinaan sun guutuun guututti laamshayuu (Paralyze) ta’uu. 

* Ijji Cinaa tokko ykn lachuu ilaalu dadhabuu, itti dimimmisuu ykn guutuun guututti arguu dhabu. 

* Bowwoo hamaa ta’e tasa namatti dhagahamuu. Keessattu mallatoolee armaan olitti eeraman wojjiin haqqeen, lafti namaan maruun, fi yeroo muraasa booda of wollaaluun. 

* Deemuu dadhabu. Tasa madaala ofi eegu dadhabuu. 

Maatii,fira fi hiriyyaan keenya ISTIROOKII qabate/godhate jenne yoo shakkine:

*Akka seeqatu gaafachuun,ciinaan fuula tokko kaan wajjiin seequu dhabuu ykn gadi bu’uu ilaaluu.

*Harka lachuu akka olfuudhu/ol kaasu gaafachuun, harki ciinaa tokko olfudhuu dadhabuu ykn olfuudhee gubbaa irratti qabuu dadhabuu isaa ilaaluu.

*Akka jecha tokko irra deddebi’e jedhuu gaafachuun,jijjirama fi sirritti jechicha jechuu dhabuu isaa ilaaluu.

*Yoo mallatoo sadan kana mul’ise hatattamaan otoo turtii kamuu hin godhin dafanii mana yaalaa (Hospitaala) fiduu. 

Wontoota carraa ISTIROOKIIn qabamuu ol kaasan:

- Ulfaatinna gar malee guddaa ta’e qabaachuu

- Sochii qaamaa gochuu dhabuu

- Alkoolii haalaa ol baay’isanii dhuguu

- Dawaa nama si’eessu, hadoochu ykn mirqaansu kan akka Cocaine (Kokeyinii fa’a fayyadamuu

- Dhiibbaa dhiigaa haalaan ol ka’aa ta’e

- Sigaaraa aarsuu

- Haammi Koolestiroolii ol ka’e ta’e qabaachu

- Dukkuba Sukkaraa haalaan to’achuu dhabuu

- Dhukkuba Onnee (Dadhabuu Onnee ykn dhahannaa Onne wolhinsimne ykn sirri hin taane) qaabachuu

- Amma dura ISTIROOKII qabachuu ykn maatiin dhiihoo keenya isaan hubamuun

- Dubara caalaa dhiira irratti hedduminaan mul’ata.

- Keessattu Umriin keenya woggaa/ ganna 55 ol ta’uun

Wontootaa carraa ISTIROOKIIN qabamuu ol kaasaniidha.

Xaxawwan ISTIROOKII irraa dhufan:

Mallatooleenifi Xaxawwan ISTIROOKIIn fiidu qaama Sammuu miidhame irratti hunda’a. Akkasumas sadarkaa miidhama qaama Sammuu san irratti hunda’a.Xaxawwan kanniin keessaa:

* Qaamni cinaa tokkoo: fuulli, harkii fi lukti laamshayee (paralyzed) ta’e hafuu.

* Dubbachuu dadabuu. Nyaata liqimsuu dadhabuu. Barreessuuf dubbisuu dadhabuu. Waan dubbatame hubachuu dhabuu. 

* Waan amma dura ture guutun guutuutti ykn irra jireessaan irranfachuu ykn dagachuu. 

* Waa hubachuu, qaayyabachuu, madaaluufi dandeetii yaadaa fi murtee sirri qabaachuu/ dabarasuu dhabuu.

* Siree irratti hafuu. Qaama dhiqaachuuf, uffata jijjirachuuf, nyaata nyaachufii kan kana fakkaataniif deggarsa nama biraa barbaaduu. 

* Wontoota/xaxawwan kanaan wolqabatee yaada’uu fi cinqamuu irraa Muukuu sammuuf(Depresion)saaxilamuu.

ISTIROOKII akkamiin ofi irraa ittisna ykn carraa isaan qabamuu hirdhifna: 

* Wontoota carraa ISTIROOKII dabalan keessaa tokko dhiibbaa dhiigaa ol ka’aa ta’edha. Hordooffii gahaa gochuun dhiibbaa dhiigaa keenya to’achuun carraa ISTIROOKIIn hubamuu haalaan xiqqeessa.

*Hamma Koolestiroolii fi coomaa qaamaa keenya hirdhisuu. Kana gochuuf nyaata akka coomaa, foon diimaa, dhadhaa, kallee, fi nyata haphefamanii gurguraman kan koolestiroolii qaban yeroo hunda/ baay’isanii nyaachuu dhabuu/dhaabuu. 

*Sigaaraa aarsuu dhabuu/dhaabuu.

*Dhukkuba Sukkara yoo qabaanne hordoffii gahaa gochuun to’achuu.

*Ulfaatinna garmalee guddaa ta’e yoo qabaanne hirdhisuu. Ulfaatinna hojja keenyaan wol madaalu qabaachuu.

*Fuduraaleef kuduraalee gara garaa nyaachuu

*Sochii qaamaa hargansuu barbaadan/nama hargansiisan haala idile ta’een hojjachuu. 

*Hamma Alkoolii dhugnu xiqqeessu (Biiraa lamati) ykn guutumaan gutuutti dhiisuu.

*Dawaa nama si’eessan,hadoochaan ykn mirqaansan Ashiishii,Cocaine fa’a fayyadamuu dhabuu.

Horaa bulaa deebanaa!


WANTOOTA BU'UURA JAALALA DHUGAA TA'AN MURAASA

 


1,Amanamummaa

2,Obsaa

3,Dhugaa dubbachuu

4,Waliif hubachuu

5,Yeroo waliif kennuu

6,Nama of jidduu galchuu dhiisuu

7,Ejjannoo qabaachuu

8,Boriif yaaduu

9,Fedhii walii eeguu

10,Keessaa walii beekuu

11,Iccitii walii eeguu

12,Dubbattee amansiisuu

13,Uumaa ofii sodaachuu

14,Wal kabajuu

15,Yeroo hundaa walittii gammaduu

Yeroo jaalattuu yeroo kamuu onnee lama qabaadhuu maaliif yoo jattee tokkon yoo kuftee kan hafeen dhaabbattee kaataa garuu amanamaa tahii

Yeroo kamuu ofii kee ol nama hin jaalatiin maaliif yoo jattee namni jaalattee yoo si dhiisee deemee ofii keef dandamachuu dadhabdaa.

Jaalala keessaattii yeroo kamuu amanamaa tahii maaliif yoo jattee dhugaan kee guyyaa tokko ifa baatii

Jaalalaan nama tokko illee hin midhiin maaliif yoo jattee garagaltoo tahee boruu midhamtaa

Jaalalaan fayadamtee nama hin sobin maaliif yoo jattee boruu of duuba deebi'ee ati sobamtaa

Osoo hin jaalatiin siin jaaladha hin jedhiinin maaliif yoo jattee umriin nama bakka tokko hin dhaabbatuu yeroo duraa hin gubiin.

Sobaan jaalalaan siifin du'aa hin jedhiniin maaliif yoo jattee sobaa si fakkeessaa.

Dubartii kammiyyuu wanta tokkon illeen hin midhiin maaliif yoo jattee haatii tee dubartii dha.

Garaan osoo hin taanee onneen nama jaaladhuu maaliif yoo jattee jaalallii garaa deemee galma hin gahuu

Jaaladhuu jaaladhuu jaaladhuu jaaladhuu jaaladhuu jaaladhuu jaaladhuu hunda nama garuu onnee tee tokko qofaaf kennii.


DHALA DHABUU - INFERTILITY


Wal qunnamtii saalaa hin ittifamne kan gahaa ta'e qabaatanii haatiifi abbaan worraa tokko woggaa tokko keessatti otoo hin ulfaa'in yoo hafan 'dhala dhabuu' jedhamuu danda'a. Haa ta'u malee kanneen woggaa jalqaba keessatti hin milkaayin keessaa wolakkaan isaanii (Parsantii 50) kan ta'an woggaa itti aanu /woggaa lamataa irratti ni ulfaa'u. 

Dhala dhabuun iddoo lamatti qoodamuu danda'a: 

-Gonkumaa dhala argatanii (ulfaa'ani) kan hin beekne (Primary Infertility) fi

-Isaan yoo xiqqaate yeroo tokko ulfaa'anii/dhala argatanii achi booda argachuu dhaban (Secondary Infertility) jedhamee iddoo lamatti qoodama. 

Dandeetiin ulfaa'uu/qabachuu (fecundebility) shamara tokkoo marsaa xurii laguu tokkoon parsantii 25, ji'a sadihii keessatti ammoo parsantii 50, Ji'a Jahatti parsantii 75 fi woggaa tokko keessatti isaan parsantii 85 ol ta'an ni qabatu ykn ulfaa'uu danda'u. 

Kanneen hafan parsantii 10- 15% kan ta'an woggaa jalqabaatiin ulfaa'uu dhabuu danda'u. Haa ta'u malee isaan kanniiniin jala sararree dhala-dhaban jechu keenyaan dura yeroo gahaa ta'e (woggaa dabalata tokko) fi qorannoo gahaa  ta'e dalagsiisuun barbaachisaa ta'a. 

Dhala dhabuun rakkinna shamaraa irraa qofa ta'uu dhabuu danda'a. Akkuma woliigalaatti cimdiiwwan dhala dhaban keessaa parsantii 25 kan ta'an rakkina dhiiraa/abbaa worraa irraa yoo ta'u, parsantii 15-20 kan ta'u ammoo sababa hin beekamneen/ adda bahuu hin dandeenyeen, kan hafe ammoo (% 60) sababa rakkinna shamaraa/haadha worraa irraa ta'uu danda'a. Kanaaf yeroo mana yaalaa qorannoo dhala dhabuutiif deeman isaan lachuu (abbaan worraatiif haati worraallee) argamuu qabu jechuu dha.

Gabaabumatti shamarri takka ulfaayuuf Oovaariin Oovuleeshiiniidhaan killee oomishitee, killeen sun ammoo ujummoo gadaamessaatiin ufiti fudhatamee, achitti (ujummoo gadaameessaa keessatti) isparmiidhaan wolitti dhufee fartilaayizeeshiini godhee, achi booda makaan isparmiif kille (Zaayigootiin) gara gadaameessa deemee, kessaa gadamessaa irratti biqilee, san boodaa  gadaameessa keessatti guddachuu qaba jechuudha. Kanaaf dhala dhabuun rakkinna ta'iiwaan (taatewwan) kanneen armaan olitti kaasne keessaa tokko irraatti mudatuun/uumamuun ta'uu danda'a.

Kanaaf

*Ovariin Ovuleeshiinii/ killee oomishuu dhabuu ykn otoo umriin hin geenye dhaabuu.

*Ujummoon Gadaamessaa (kan Ovariif gadamessa jiddutti argamu) sababa garagaratin (fkn Infeekshinii gadaamessaa yeroo dheeraaf turen, TB qaamaa hormaataa hubeen, Opireeshiinii naannoo saniif taasifame fa'aan) cufamuun killeen akka isa keessa darbee isparmiin wolitti hin dhufne gochuun.

*Zaayigootiin (ida'amni isparmiif killee) sun sababa gara garaatiin keessa gadameessaa irratti biqiluu dhabuun (Fkn haxawamuu gadamessaa yeroo ulfi dhanagala'u godhamuun, ulfa gadaamessa keessa baasuuf yeroo gadaamessa haxawan gadameessi sun godaannisa uumuu, uumamaan halli uumaa gadaameesaa sirrii ta'uu dhabuun, iitaan biraa keessa ykn gadaameessa irratti bahee  jiraachuun).

*Akkasumas dhiira irratti ammoo dhangala'aan dhiiraa sun seelii isparmii dhabuun, seelii isparmii gahaa ykn sirrii ta'e of keessaa qabaachuu dhabuun (sochiin isaa, bocni isaa, hammi isaa, baay'inni ykn laakkofsi isparmii sun gahaa ta'uu dhabuun) sababalee dhala dhabuu dhiiraa keessaa isaan ijoo ta'aniidha. 

Kanaaf jaalalleewwan lama woggaa tokkoo oliif wolqunnamtii saalaa gahaa ta'e (yeroo marsaa xuriin laguu dhufu irraa laakkayanii guyyoota ulfaayuu carraan jiru san irratti salqunnamtii saalaa godhanii) otoo hin ulfaayin yoo hafan isaan lameenuu mana yaalaa deemanii qorannoolee barbaachisoo ta'an garagaraa hojjisiifachuu qabu. 

Haa ta'uu malee kanneen armaan olitti ibsaman ijoo sababa dhala dhabuu ta'anillee, sigaaraa ykn kan biroo aarsuun, Alkoolii heddummeessuun, dhiphinnaaf cinqaan hamaan jiraachuun, wolqunnamtii saalaa gahaa ta'e gochuu dhabuun, ulfaatinna garmalee guddaa ta'e qabaachuun, ispoortii garmalew heddummeessuu irraa cooma qama dhabu (fkn isaan atleetiksi heddummessan), marsaa xurii laguu guyyaa isaa hin eegganne, akkasumas dhukkuboota sirni ittisa qaamaa keenya qaamuma keenya rukutu tokko tokko (autoimmune diseases) hubamuun carraa dhala dhabuu dubartii takkaa kan olkaasaniidha. Kanaaf wontoota as gubbatti eeraman kanaaf jijjirra amalaa gochuufi qoratamanii yaala argachuunis barbaachisaadha.


MIIDHAA SIGAARAA AARSUUN QABU


Sigaaraa aarsuun qaamoota(Orgaanota) keenya hunda miidhuu danda'a. Dhukkuboota garagaraatiifis nama saaxila. Wolumaa galatti sigaaraa aarsuun fayyaa keenya irratti miidhaa guddaa fida. 

Sigaaraa aarsuun:

* Carraa dhukkuba hidda dhiiga onnee ykn dhukkuba onnee akka tasaa dachaa lamaa hanga afurii ol kaasa.

* Carraa Istirookii (dhigni sammuu keessatti jiguu/ hiddi dhiigaa sammuu keessa jiru cufamu) dachaa lamaa hanga afurii dabala.

* Carraa Kaansarii Sombaatiin qabamuu dachaa digdamii shaniin dabala.

* Hiddi dhiigaa akka dhiphatu fi jabaatu gochuun dhahannaan onneefi dhiibaan dhiigaa akka ol ka'u gochuu danda'a. Carraa dhiigni hidda dhiigaa keessatti itituus ni dabala. Kun ammoo carraa dhiigni sammuu fi miila keenya keessatti itituu ol kaasa.

* Nama dhukkuba Asmii qabu irrattis dhukkubni kun akka itti ka'uufi yoo itti Ka'ee jiraatees dhukkubni kun akka itti cimu gochuu danda'a.

* Dhukkuba sombaa- Ujummoo qilleensaa fi qaamaa sombaa yeroo dheeraaf miidhu (Chronic Obstructive Pulmonary Disease -COPD) jedhamuun qabuumiifi sababa dhukkuba kana irraa du'uu dachaa Kudha lamaa hanga Kudha sadihii dabala.

* Carraa Dhukkuba Sukkaraa Gosa Lammata(Type-II DM)tiin qabamu worra hin aarsineen wol bira qabamee yoo ilaalamu isaan sigaaraa aarsan irratti carraan dhukkuba kanaan qabamuu parsantii 30-40% ni dabala.

Sigaaraa aarsuun:

▪︎Kaansarii Afuuffee Fincaanii

▪︎ Kaansarii Dhiigaa

▪︎Kaansarii Fiixxee/ulaa Gadaameessaa

▪︎Kaansarii mar'umaan guddaa

▪︎Kaansarii ujummoo nyaata afaani hanga garaachaa gadi dabarsu (Esophagus)

▪︎Kaansarii Kalee

▪︎Kaansarii Tiruu

▪︎Kaansarii qaamoota keessa afaan keenya fi kokkee irraa ka'an

▪︎ Kaansarii Rajiijii

▪︎Kaansariii Garaachaafi

▪︎Kaansarii Ujummoo qilleensatiin qabamuufi sababa kansarii kanninitin du'uu haalaan dabala.

Sigaaraa aarsuun:

• Dubartiin takka ulfaayuuf akka yeroo dheeraa itti fudhatuufi yoo ulfooftes:-

• Otoo yeroon hin gahin cinniinsuun akka jalqabuufi daa'imni otoo yeroon hin gahin akka dhalatu

• Daa'ima lubbuun hin jirre akka deessu

• Daa'ima ulfaatinna Xiqqaa qabu akka deessu

• Carraa daa'imni dhalate tasa du'uu

• Carraa ulfi dhanagala'uu/jiguu/nama irraa bahuu (Miscarriage) fi

• Carraa ulfa gadaamessa alatti ulfaayu (Ectopic Pregnancy) ni dabala.

* Sigaaraa aarsuun jabinna Lafee fi fayyumaa ilkaniifi Irga keenyaa irrattis miidhaa ni qabaata.

* Dandeettii qaamni keenyaa dhukkuba ittisuus gadi buusa.

* Moora ijaatiifis carraa saaxilamuu ni dabala. Akkamusamas qaama ija keenya "Retina" jedhamu irrattis miidha guddaa fiduu danda'a.

Sigaaraa aarsuu dhaabuu ykn addaan kutuun:

▪︎Woggaa jalqabaa addaan kunne keessatti carraa dhukkuba onnee akka tasaa fi dhukkuboota sirna marsaa dhiigaatiin (Cardiovascular Disease) qabamu haalaan xiqqeessa.

▪︎Aarsuu addaan kunnee/dhaabnee woggaa 2-5 kessatti carraa "Stroke" (dhigni sammuu keessatti jiguu/ hiddi dhiigaa sammuu keessa jiru cufamu) kan nama hin aarsiineen qixaatti deebi'a.

▪︎Sigaaraa dhaaabne/ addaan kunnee woggaa Shan keessatti carraa Kaansarii Afuuffee Fincaanii, Kansarii qaamota keessa Afaan keenya irraa ka'an fi Kaansarii ujummoo nyaata afaani hanga garaachaa gadi dabarsu(Esophagus)walakkaadhaan gadi bu'a .

▪︎Woggoota kudhaniif yoo aarsuu addaan kutne carraa kaansarii Sombaatiin qabamuu wolakkaadhaan gadi buusa.

Sigaaraa aarsuun qaamoota(Orgaanota) keenya hunda miidhuu danda'a. Dhukkuboota garagaraatiifis nama saaxila. Wolumaa galatti sigaaraa aarsuun fayyaa keenya irratti miidhaa guddaa fida. 

Sigaaraa aarsuun:

* Carraa dhukkuba hidda dhiiga onnee ykn dhukkuba onnee akka tasaa dachaa lamaa hanga afurii ol kaasa.

* Carraa Istirookii (dhigni sammuu keessatti jiguu/ hiddi dhiigaa sammuu keessa jiru cufamu) dachaa lamaa hanga afurii dabala.

* Carraa Kaansarii Sombaatiin qabamuu dachaa digdamii shaniin dabala.

* Hiddi dhiigaa akka dhiphatu fi jabaatu gochuun dhahannaan onneefi dhiibaan dhiigaa akka ol ka'u gochuu danda'a. Carraa dhiigni hidda dhiigaa keessatti itituus ni dabala. Kun ammoo carraa dhiigni sammuu fi miila keenya keessatti itituu ol kaasa.

* Nama dhukkuba Asmii qabu irrattis dhukkubni kun akka itti ka'uufi yoo itti Ka'ee jiraatees dhukkubni kun akka itti cimu gochuu danda'a.

* Dhukkuba sombaa- Ujummoo qilleensaa fi qaamaa sombaa yeroo dheeraaf miidhu (Chronic Obstructive Pulmonary Disease -COPD) jedhamuun qabuumiifi sababa dhukkuba kana irraa du'uu dachaa Kudha lamaa hanga Kudha sadihii dabala.

* Carraa Dhukkuba Sukkaraa Gosa Lammata(Type-II DM)tiin qabamu worra hin aarsineen wol bira qabamee yoo ilaalamu isaan sigaaraa aarsan irratti carraan dhukkuba kanaan qabamuu parsantii 30-40% ni dabala.

Sigaaraa aarsuun:

▪︎Kaansarii Afuuffee Fincaanii

▪︎ Kaansarii Dhiigaa

▪︎Kaansarii Fiixxee/ulaa Gadaameessaa

▪︎Kaansarii mar'umaan guddaa

▪︎Kaansarii ujummoo nyaata afaani hanga garaachaa gadi dabarsu (Esophagus)

▪︎Kaansarii Kalee

▪︎Kaansarii Tiruu

▪︎Kaansarii qaamoota keessa afaan keenya fi kokkee irraa ka'an

▪︎ Kaansarii Rajiijii

▪︎Kaansariii Garaachaafi

▪︎Kaansarii Ujummoo qilleensatiin qabamuufi sababa kansarii kanninitin du'uu haalaan dabala.

Sigaaraa aarsuun:

• Dubartiin takka ulfaayuuf akka yeroo dheeraa itti fudhatuufi yoo ulfooftes:-

• Otoo yeroon hin gahin cinniinsuun akka jalqabuufi daa'imni otoo yeroon hin gahin akka dhalatu

• Daa'ima lubbuun hin jirre akka deessu

• Daa'ima ulfaatinna Xiqqaa qabu akka deessu

• Carraa daa'imni dhalate tasa du'uu

• Carraa ulfi dhanagala'uu/jiguu/nama irraa bahuu (Miscarriage) fi

• Carraa ulfa gadaamessa alatti ulfaayu (Ectopic Pregnancy) ni dabala.

* Sigaaraa aarsuun jabinna Lafee fi fayyumaa ilkaniifi Irga keenyaa irrattis miidhaa ni qabaata.

* Dandeettii qaamni keenyaa dhukkuba ittisuus gadi buusa.

* Moora ijaatiifis carraa saaxilamuu ni dabala. Akkamusamas qaama ija keenya "Retina" jedhamu irrattis miidha guddaa fiduu danda'a.

Sigaaraa aarsuu dhaabuu ykn addaan kutuun:

▪︎Woggaa jalqabaa addaan kunne keessatti carraa dhukkuba onnee akka tasaa fi dhukkuboota sirna marsaa dhiigaatiin (Cardiovascular Disease) qabamu haalaan xiqqeessa.

▪︎Aarsuu addaan kunnee/dhaabnee woggaa 2-5 kessatti carraa "Stroke" (dhigni sammuu keessatti jiguu/ hiddi dhiigaa sammuu keessa jiru cufamu) kan nama hin aarsiineen qixaatti deebi'a.

▪︎Sigaaraa dhaaabne/ addaan kunnee woggaa Shan keessatti carraa Kaansarii Afuuffee Fincaanii, Kansarii qaamota keessa Afaan keenya irraa ka'an fi Kaansarii ujummoo nyaata afaani hanga garaachaa gadi dabarsu(Esophagus)walakkaadhaan gadi bu'a .

▪︎Woggoota kudhaniif yoo aarsuu addaan kutne carraa kaansarii Sombaatiin qabamuu wolakkaadhaan gadi buusa.

FAAYIDAA SHAAYII DHUGUUN QABU


Qorannooleen hedduun akka mul'isanitti shaayii dhuguun fayyummaa qaama keenyaaf faayidaa ol'aanaa ta'e qaba. Shaayiin (diimaaf magariisni) wontoota carraa dhukkuba onnee, kaansarii fi dhukkuba sukkaaraan qabamuu hirdhisan of keessaa qaba. 

Shaayii dhuguun:

● Carraa dhukkuba onnee akka tasaa (Heart Attack) fi Istirookii (dhiigni sammuu keessatti jiguu/hiddi dhiigaa sammuu keessa jiru dhiiga kantareen ykn cooma hidda dhiigaa keessaa fottoqeen cufamuu) daran xiqqeessa.

● Lafeen keenya akka jabaatu godha.

● Koolestiroolii qaama keessa jiru hirdhisuu danda'a

● Dhiibbaa dhiigaa ol ka'aa ta'e gadi buusuu irratti faayidaa qaba

● Muraa garaa/ garaan yoo nama cinine namarraa laaffisu danda'a

● Nyaata booda shaayii dhuguun gaazii (qilleensa) garaacha keessa jiru salphisuun nyaanni nyaanne akka salphaan nuuf bullaayuuf ni gargaara. Haa ta'u malee nyaata booda shaayi dhuguun albuudni aayiranii jedhamu kan hemoglobin dhiigaa tolchuu gargaaru akka haala barbaadamuun qamatti hin fudhatamne godha. Kanaaf namootni hirdhinna dhiigaa qaban nyaata booda shaayii dhuguu hin qaban.

● Fayyuuma fi jabinna ilkanii irrattis gahee guddaa qaba

● Foolii badaa afaaniis ni hirdhisa

● Sirni ittisa qaamaa akka jabaatu godha

● Qorannooleen tokko tokko akka agarsiisannitti carraa kaansarii sombaa, harmaa, fi piroosteetiitiin qabamuu ni hirdhisa

● Carraa dhukkuba Sukkaraa gosa lammeessoo (Type-II DM) tiin qabamu gadi buusa. Garuu namoonni dhukkuba sukkaaraa qaban shaayii sukkara qabu haa fudhatanii hin gorfamu.

● Dandeettii yaadachuu, qalbeeffachuu fi fulleffachuu ni dabala


SIRBA LUBBUU NAMOOTA HEDDUU GALAAFATE


Seenaa keessatti Sirbi balaafamaan tokko mul'ateera. Sirba kanaan yoo xiqqaate amma guyyaa hardhaatti namoonni 8,000 (Kuma saddetii) ol of ajjeesaniiru. Yeroodhuma jalqaba gadhiifameyyuu namoota 100 olitu sababa sirba kanaaf of galaafate. Sirbi kun sirba mata dureen isaa Gloomy_Sunday jedhu kan namoota Haangarii Bolkarmar 1935 Laszlo Javor yeroo duraaf waraabamee qopheesse garuu hangas mara fudhatama hin argane ture.kanaan 1941 gara Afaan Ingiliffaatti jijjiramuun Billiholiday koopiin isaa dhageeffatoota hedduu argachuu danda'eera.   Namoonni kun lamaan bara 1933 A.L.A tti sirba kana kopheessan. Maqaan jara kanaa  Rezso Seress fi Laszlo Javor dha. Jarri kun lama tahanii Waanta kana akka kopheessantu himama. Inni tokko walaloo sirba kana yeroo qopheessu, inni tokko immoo sirba kana taphachuudhaan addunyaatti gadi bahani. Haa tahu iyyuu malee kophaa isaanii waanta namoota hedduu fixe kana hin hojjenne. Abbaan dukkanaa suni Seexanni akka harka keessaa qabu hojii sirbi kuni hojjetetu agarsiisa.Walaloo sirba kanaas kan barreesseefi daarekteeri Rezso Seressdha.hojii isaa adda ta'ee kanas bara Faranjoota 1933 maxxansiisees ture.walaloon muuziqaa kana jalqaba  irratti dhagahamuu :"VEEGEE A VELANYAK "hiikni isaas Addunyaaf dhumateeraa.walaloon kunis qabiyyeen isaa abdii kutannaa lolaan dhufeef cubbuu dhala namaaf kadhannaa kan of keessatti qabatedha.

Isaan keessaa  Reszo Seress fi jaalalleen isaa illee sirba kanaan akka of ajjeesantu himama. Rezso Seress abbaadhumti sirba kana sirbe jechuudha. Namichi kuni bara 1968 sababa sirba kanaatiin gamoo mana amantaa Budapest Magaalaa jedhamtu keessatti waggaa 30 boodaa gamoo  irraa of darbatee du'e. Jaalalleen isaas sababa sirba kanaa of ajjeefte. Sirbi kuni sirba balaafamaa warra sirba kana qopheessan illee osoo hin mararsiifatiin du'atti kennedha. Sirbi kun yeroo nama ajjeesuutiin beekametti, maqaa  Sirba Nama Ajjeesu jedhamutu kennameefii. Yeroodhaaf akka qilleensa irra hin oolleefi namni kamuu hin dhaggeeffanne jedhamuun biyya Hangarii keessatti ugguramee ture. Haa ta'u malee Yeroosuma biyyoota dhihaa (Ameerikaattis) darbee dhaggeeffatamuu eegale. Achittis akkuma amala isaa yeroo gabaabaa keessatti namoota 200 of ajjeesisee gara Gahaannamitti erge. Amma addunyaa kamirrattuu yoo dhaggeeffatame dandeettii nama of ajjeesisuu qaba.kanaafuu qoratootni Ameerikaa sadii Isteven,Karolina fi Devid jedhaman qorannoo taasisaniin muuziqaan kun akka inni ofiin dhiibbaa uumee of nama ajjeesisuus mirkaneessaniruu.

     SIRBI KUN MAALIIF NAMA OF AJJEESISAA? 

Macaafa Qulqulluu waabeffamee waa'een sirba kanaa waan tokko ilaala.Jalqabuma mata duree sirba kanaa irraa yoo kaane.Gloomy Sunday jechuun (Sambata guddaa Dukkanaahaa, Sambata guddaa nama lafafu,Sambata guddaa abdii nama kutachiisu) jechuudha. Jarri kun maal jechuu barbaadanii? Sambanni (Dilbanni) ilmoo namaa lafafu isa kamidhaa? Nuyi Sambata guddaa nama lafafu, kan abdii nama kutachiisus hin qabnu. Sambata guddaa abdii namatti horu malee.

Sambanni guddaan Kiristiyaanaafis biyya lafaa kanaafis guyyaa akkamiitii? Sambanni guddaan Seera uumamaa irratti guyyaa jalqaba torbaniiti. Guyyaa itti torbaan lakkaahamuu jalqabuufi guyyaa itti Waaqayyo uumama uumuu eegaledha. Tokko jedhee guyyaan jalqaba torbanii Sambatadha guddaadha. Waaqayyo guyyaa jalqabaa (Gaafa Sambata guddaa) uumama uumuu isaa eegale. Guyyaa sana Waaqayyo #Ifa uume. Gaafa guyyaa jalqabaa kan dukkana ariihu ifatu uumame. Ifni immoo abdiidha, nagaadha, gammachuudha, kan abdii namatti horudha malee, kan abdii nama kutachiisu miti. Kakuu haaraa keessattis, Kakuu moofaa keessattis guyyaa abdiidhaan guutedha guyyaan Sambataa guddaa.

Yesuus Yeroo biyya lafaa kana irra ture, Sambanni Waaqayyoo isa amma nuyi Itti mana sagadaa deemnu kana miti. Sambanni inni Yihuudonni Macaafa Qulqulluu keessaa kabajani, guyyaa isa amma sambata xiqqaa '(Qidaamee') jennudha. Sambanni erga isa tahee maaliif hardha amantoonni gaafa  Sambata isa guddaa mana Waaqeffannaa deemuree? Inni kunis gaaffii gara biraadha. Waahee geeddaramuu guyyaa Sambataa gara sambata guddaattii yoo Waanti isiniif hin galle jiraate yeroo biraa isiniifan barreessa. 

Haa tahuyyuu malee, kan nuyi Sambata guddaa itti mana Waaqeffannaa deemnuufii sababa mootichi Constantine I geeddareef qofa miti. sababoota gurguddaa lamatu jira.Tokkoffaa: Gaafa Sambata guddaa Iyyesuus Gooftichatu humna du'aa golgoleessee ka'ee, du'aa ka'uun akka jiruufi Kiristiyaanni Warra du'a booda jiraatan akka tahan addunyaatti agarsiise, Mat 28:1-2. Kuni sababa guddaa itti nuyi Sambata guddaa akka guyyaa Waaqeffannaatti fudhannu nu godhedha. Lammaffaa immoo:Hafuura Qulqulluutu guyyaa Sambata guddaa kana namoota 120 irratti bu'ee waadaa Iyyesuus Kiristoos galee deeme dhugoomse.Hafuurri Qulqulluun gaafa guyyaa Shantamaffaa(Isa Pheenxeqoosxee)jedhamuu bu'e. Guyyaan kun immoo akka Lew 23:16 tti guyyaa Sambata guddaati. Sababoota kana lamaaniin Sambanni guddaan amantoota  kakuu haaraa biratti guyyaa kabajamaa tahe. Dabalataan immoo sababni biraan tokko in jira. Innis Sambanni guddaan guyyaa itti Waaqayyo uumama uumuu eegaledha, Uma 1:3. Guyyaa itti Waaqayyo Ifaan uumama saaqedha. Guyyaa itti Waaqayyo ifa uumuu isaa jaalatedha. Guyyaa itti yeroo jalqabaaf Pilaaneetiin keenya kuni ifa waliin wal bartedha. Kanaafidha kan jarri Sunday jettuufii. Iyyesuus Kiristoosis guyyaadhuma jalqabaa kana Wantoota lama raawwate. Tokkoffaa gaafuma kana du'aa ka'ee duuni du'uusaa lallabe. Abbaa Dukkanaa sana gad darbachuudhaan boqonnaa #Ifaa kan biraa lafa kanarratti eegalsiise. Lammaffaa immoo akkuma "Hafuura Qulqulluun isiniif erga" jedhetti guyyaadhuma jalqaba torbanii kana hafuura qulqulluudhaan namoota macheesse, Hoe 2:1...!Wantootni gurguddaan sadan kuni Sambata guddaa  amma jiru kanaaf ulfina akka kenninu nu taasisaniiru. 

Iyyesuus Kiristoos kan dukkanaafi Mootummaa isaa darbate guyyaa jimaataa dirree fannoorratti tahu iyyuu, dhugumaan du'aa ka'uun akka jiru barattoota isaafi duukaa buutota isaatti, akkasumas biyya lafaatti kan agarsiisemmoo gaafa Sambata guddaa kanaati. Guyyaa itti Namoonni akka du'aa ka'uun jiru amananidha. Guyyaa osoo sodaatanii taa'anii "Nagaan isiniif haa tahu!" Jedhamanidha. Sambanni guddaan, Kiristiyaanotaafis biyya lafaa kanaafis guyyaa akkasiin hiika olaanaa qabudha. Hardha namni hedduun maaliif akka sambanni guddaan kuni guyyaa kabajamaa tahe illee osuma hin beekiin mana Waaqeffannaa deema.

Seexanni garuu nu dursee Sambata guddaa (Sunday)kana hubachudhaan,hojii Waaqayyo gaafa sambataa guddaa karaa ilmasaa nuuf hojjete dhoksuudhaaf Sambata guddaa kana Gloomy Sunday jechaa jira. Sambata guddaa itti ifni uumame, Sambata guddaa guyyaa jalqabaa, Sambata guddaa hangafa guyyootaa, Sambata guddaa itti mootichi du'aa ka'uu agarsiise, Sambata guddaa itti Hafuurri Qulqulluun bu'e sana xureessuuf ijoollee isaatiin gadi bahee dubbate. Inumaayyuu ittiin namoota hedduu ajjeesee mootummaa isaatti dabale.Seexanni in dubbata, dhaggeeffachuuf dhiisuun garuu fedha dhalootaati.Laphee isa dhagahu argannaan waan hedduu dubbata. Kan nama aarsu garuu; dubbii Seexanni dubbatu miiliyoona tokko keessayyuu jireenyi amma gumaa  Xaafii geessu illee hin jirtu. Dubbiisaa keessa matumaa kan Waaqayyoon ulfeessuuf dhaloota fayyadu hin jiru. 

Nuyi Sambata guddaa du'aa ka'uun akka jiru nu barsiise,Sambata guddaa hafuura abdii nuuf kennu sana waliin wal nu barsiise malee,Sambata guddaaa abaaramaa jiraachuuf abdii nama kutachiisu, Sambata guddaa dukkanahaafi Sambata guddaa nama lafafu hin qabnu. Sirbi kuni kan dhaloota hedduu fixeefii faallaa sagalee Waaqayyoo waan taheefi. Akkasuma immoo kallattiidhumaan dubbii Seexanni dubbatedha waan taheefi. Macaafni Qulqulluun hojii qulqullaahaa gaafa guyyaa Sambata guddaa nuuf hojjetame yeroo nu hubachiisu, Seexanni immoo yeroo hundumaa faallaa sagalee Waaqayyoo waan taheef sambata guddaa kana abaaraa jira."Sambanni guddaan (Dilbanni) guyyaa abdii qabu miti!" Jechaa jira. Abdiin keenya guyyaa irra miti. Waaqayyorradha malee. Haa tahu malee guyyaa Waaqayyo itti waan gaarii nuuf godhe garuu abaaruu hin dandeenyu. 

Akkaataa  jalqabbii Muuziqaa irratti yeroo darbe isiniif barreesseen ture. Muraasni keessan karaa keessaa dhufuudhaan waaheen sirbaa  akka dhaloota rakkisaa jiruufi amantoota  illee dabalatee akkanni miidhama  irraan gahaa  jiru erga naaf eertanii, amma illee dabalee miidhaa sirbi dhaloota irraan gahe akka hubattaniifan isiniif barreessuu  jaaladhe. Sirba  dhaggeeffachuun  jalqaba irratti hafuura namaa ajjeesa. Namni yeroo sirba dhaggeeffatu  waahee Waaqayyoofi waa'ee ulfina isaa yaaduun raawwateedhuma isa keessaa bada.Sababni isaa maaliidha beektuu? Yeroo faarfannu akkuma Hafuura Qulqulluu gammachiifnee laphee keenya baqsuudhaan  Waaqayyotti siiqnu, Yeroo sirba dhaggeeffannuufi sirbinu immoo, laphee keenya Seexanaaf baqsinee  isa Waaqessaa waan jirruufidha. Kanaafidha yaanni Waaqayyoo kaninni yeroo sirba dhaggeeffannuufi sirbinu cirumaa nu keessaa badu. Namoonni yeroo hundaa sirba dhaggeeffachuu jaalatan: hariiroon isaan nama waliin, hiriyoota isaaniif maatii isaanii waliin illee qabani hedduu xiqqoodha. Isaan sirba sanaan Seexana waliin wal argaa waan oolaniif, nama waliin hariiroo barbaachisaa hin qabani.Namoonni akkasii mukaa'ummaa (Depression) hamaa keessa bu'uudhaan, jireenya lafa kanarraas jibbuudhaan namas abaaraa ofis abaaranii yeroo dadhaban, akkaatti jireenya isaanii dhokatanii jiraatan barbaaduudhaan  Araada hin taane keessa dhokatanii jiraachuu filatu. Sirba dhaggeeffachuu baay'ifta taanaan; dhuma irratti badhaafni kee jireenya kee abaaraa jiraachuu siif taha. Achumaan immoo funcaa hamaa sanaan qabamtee, hafuuraan duutee biyya bara hundumaa dhagaan keessaa bobahu sana keessa gubachaa jiraatta.


FOOLII QAAMAA BADAA FI DAFQA BOBAA HAMAA( BROMHIDROSIS)


Namoota tokko tokko irratti dafqi qaamaa, keessattuu kan bobaa jalaa, ni baay'ata. Dafqi baay'atu kun ammoo qaamni keenya foolii badaa akka qabaatuuf sababa ta'uu mala.Kun ammoo ofitti amantummaa keenya gadi buusuun hariiroo nuti qaamaan namootatti dhihaannee goonu irratti akka of shakkinu godha.

Mee hardha, wontoota foolii qaamaatiif nama saaxilaniif haala foolii kan Ittiin hirdhisuu ykn balleessuu dandeenyu tokko tokko ilaalla:

Qaamni keenya xannachoota xixiqqoo dafqa maddisiisan(sweat glands)miliyoona sadihii hanga afurii ta'an gogaa keenya irraa qaba. Isaanis akaakuu lama qabu. Inni tokko(Eccrine glands)gogaa qaama keenya uffisee argamu hunda irratti kan argamuufi hoo'a qaama keenyaa to'achuuf dafqa haphii akka bishaanii kan maddisiisu dha.Inni lamataa(Apocrine glands)ammoo gogaa naannoo qaccee harmaa, bobaa, qaama saalaa fi naannoo gurraatti kan argamu dha. Xannachi kun harmaa irratti aanan maddisiisa,gurra keessaatti ammoo guurii gurraa kan maddisiisu yoo ta'u,gogaa akka bobaa jiraniif ammoo dafqa yabbuu ta'e kan pirootiiniif keemikaalota biraa qabu maddisiisa. 

Dafqi yabbuun inni xannacha akaakuu lammataatiin maddisiifamu kun pirootiinii inni qabu baakteeriyoota gogaa keenya irra jiraataniin gara Aasidii ykn keemikaala foolii badaa qabuutti jijjiirama.Sababa kanaaf qamnii naanno bobaa foolii badaa qabaatu danda'a.

Namoota foolii badaa qaamaatiif yeroo hedduu saaxilaman:

• Namoota furdinna garmalee guddaa ta'e qaban.

• Namoota yeroo baay'ee nyaata zayitiin,qullubbiin,shunkurtiin,itti baay'ate fayyadaman 

• Alkoolii, buna, sigaaraa baay'isanii fayyadamuu

• Namoota hedduminnaan foon diimaa,killee/buuphaa nyaachuu guddisan

• Namoota dhukkuba Sukkaaraa qaban fa'a.

□ Kanneen armaan olitti ibsaman isaan kaan irra saaxilamoodha malee, isaan qofatu rakkoo dafqaaf foolii kana qabu jechuu miti.

Karaalee foolii qaamaa ittiin hirdhifnu yookin balleesinu:

Qulqullina dhuunfaa keenya eeguun:

* Qaama keenya bishaan hoo'aa dhaan dhiqachuu. Bishaan hoo'aan dhiqachuun baakiteeriyoota gogaa keenya irratti argaman kan dafqi keenya akka foolii badaa qabaatuuf sababa ta'an xiqqeessa.

* Yeroo yeroodhaan rifeensa bobaa keenya haaddachuu. Kana gochuu dhabuun dafqi keenya akka dafee hin hurkine gochuun baakiteeriyootaaf saaxila.

* Saamunaa mana qorichaatti gurguraman Kan baakteeriya hirdhiisuuf fayyadan kan Akka MEDICAM fa'a fayyadamuu.

* Nyaata zayitiin itti baay'ate yeroo hedduu fayyadamuu dhabuu.Foon diimaas, buphaas baay'isuu dhabuu. Kuduraaleef fuduraalee fayyadamuu.

* Erga bobaa keenya qulqulleesine booda shittoo ykn "deodorant" adda adda fayyadamuu.Otoo hin qulqulleessin dibachuun foolii bada biraaf nama saxiluu mala.

* Yoo tooftaalee armaan olitti eerameen baduu ykn hirdhachuu dide mana yaalaa dhiheenyatti argamu deemuun Doktora ykn ogeessa yaalaa mari'achiisuun "anti perspirant" fayyadamuun barbaachisaa ta'a. 


BOKOKA GARAA


Uumamaan adeemsa sirna bullaa'insa nyaataa keenya keessatti qilleensi ykn gaaziin ni uumama. Qilleensi kunis, akka inni rakkoo hin uumne bifa dhuufuutiin ykn deeffutiin ni baha. Yaa ta'u malee,sababa garagaraatiin qilleensi humnaa ol oomishamee ykn haala olitti jedhame kanaan yoo bahuu baate garaa keessatti kuufamee Bokoka garaa fi dhukkubbii garaa fiduu danda'a.

Wantoota Bokoka Garaa Fidan

Qilleensi ykn gaaziin bokoka garaa fidu harki caalaan kan garaa keenya seenu gaafa nyaannuufi wanta dhugamu immoo dhugnuudha. Innis, yeroo baay'ee bifa deeffutiin baha.Haalli biraa immoo nyaata qilleensa uumamaan uuman nyaachuudhaani. Inni kunis,yeroo baay'ee bifa dhuufuutiin ni baha. Nyaatawwan qilleensa uuman keessaa muraasni :-

*Baaqelaafi bu'aalee isaa

*Ataraafi bu'aalee isaa

*Hanqaaquu nyaachuu

*Fuduraa fi kuduraa tokko tokko,fknf Qullubbii adii,appilii,goommana(raafuu) fkkf

*Qamadiifi bu'aalee qamadii

*Aannanii fi bu'aalee aannanii 

*Dhugaatiiwwan akka kookaa, biiraa, farsoo fa'a

*Maastikaa alanfachuu

*Karameellaa xuuxuu fi kkf. 

Akkasumas, dafanii dafanii nyaachuufi dhuguu, gaafa nyaatan haasa'aa nyaachuu faanti illee qilleensi baay'een akka gara garaa seenuu godhu.

Bokokni garaa dabalataan, mallattoo dhukkubaas ta'uu danda'a. Fknf, mallattoo Gogiinsa garaa,dhukkuba garaachaa, dhiphina garmalee ta'e,dandeettii nyaata tokko tokko bulleessuu dadhabuu,Rakkoo mar'immaanii fa'a ta'uus danda'a. 

Akkamitti Of Gargaaruun Danda'ama?

Bokoka garaa sababa dhukkubootatiin dhufe, dhukkuboota sanniin ogeessa fayyaa mariisiisuudhaan yaalamuun barbaachisaadha. Yaa ta'u malee, bokokni garaa yeroo baay'ee gargaarsa nuti ofii goonuun salphaatti nu dhiisuu danda'a. Gargaarsi kunniinis :-

Nyaatawwan olitti jenne keessaa kamtu akka rakkoo kanaaf nu saaxilu adda baafannee nyaata san hir'isuu ykn dhiisuu. Haalli kun,obsa waan barbaaduuf suuta jedhanii obsaan bira gahuu 

*Bishaan sirriitti dhuguu (guyyaatti liitira 2-3)

*Suuta suuta nyaachuufi dhuguu

*Dhiphinafi yaaddoo hir'isuu

*Maastikaa alanfachuu ykn Karameellaa xuuxuu dhiisuu ykn xiqqeessuu

*Sigaaraa xuuxuu dhiisuu

*Suuta suuta garaa susukkuumuu 

*Sochii qaamaa guyyaatti yoo xiqqaate daqiiqaa 30f,torbanitti guyyaa 5f gochuu

Yoom Mana Yaalaa Deemuun Barbaachisa?

*Bobbaa dhiiga makate yoo nama teessise

*Baasaan yoo jiraate

*Ulfaatinni qaamaa garmalee yoo hir'ate

*Olguuraafi haqqeen yoo jiraate

*Hoo'i qaamaa dabalee jira yoo ta'e 

*Gogiinsi garaa yoo jiraate 

*Dhukkubbiin garaa nama irra yoo ture

Dhukkubbiin qomaa ykn gubaan laphee yoo jiraateefi haala olitti jenneen of gargaaruudhaan yoo nama dhiisuu baate mana yaalaa deemuudhaan ogeessa fayyaa mariisiisuun barbaachisaadha.


FAYYAA SAMMUU FI BUNA DHUGUU


Buna dhuguun biyya keenya keessatti dhugaatii isaa irra darbee faayidaalee hawaasummaa hedduuf akka oolu beekamaa dha. Qorannoo baayyeen biyyoota guddataniin as ba’aa ture yeroo baayyeef miidhaa isaa irratti kan xiyyeeffate ture. Yeroo ammaa kana faayidaalee bunni fayyaa namaatiif keessattuu fayyaa sammuutiif godhu qorannoo hedduun as ba’aa jiru.Mee isaan keessaa muraasa haa ilaallu:

FAAYIDAA

1.Dammaqina (alertness) namaaf kennuu isaatiin kan beekamu bunni barattootaa fi namoota hojii halkanii hojjetaniin baayyinaan dhugama. Kanas kan godhu bunni kemikaala Sammuu keessatti argamu adinoosaayinii (adenosine) jedhamu kan nama dadhabsiisuu fi hirriba namatti fidu hir’isuuniidha. Bunni gaafa dhugamu qofa utuu hin ta’in foolii isaatiin illee faayidaa dammaqina namaa kennuu akka qabu himamaa. Kanaaf natti fakkaata namootni tokko tokko gaaf bunni akaawamuu aara isaa fuunfatan kaan immoo borsaa ykn kisii isaaniitti baatanii deemaniif.

2.Kuusaa yaadannoo gaarii akka qabaatan nama godha.Bunni kemikaala assetaayilkooliin (acetylecholin) jedhamu akka baayyinaan burqu gochuu danda’a. keemikaalli kun faayidaa baayyee inni qabu keessa tokko Sammuu keessa yaadannoo (memory) kuusuu dha. Kanaaf yeroo dheeraaf namootni buna dhugan dandeettii yaadachuu isaanii cimsuu irra darbee dullumaan walqbatee dhibee dagachuu (alzhemer) irraa akka ittifaman gochuu akka danda’u bu’aan qorannoo ni agarsiisa .

3.Dhibee mukuu (depression) ittisuu. Namootni yeroo hunda buna dhugan carraan dhibee mukuutiin qabamuu isaanii kanneen hin dhugne iraa dhibbeentaa 15(15%) ni hir’ata.

4.Carraa of ajjeesuu (suicide) hir’isuu. Namootni of ajjeesan baayyeen isaanii sababa dhibee mukuutiin (depression) akka ta’e ni beekama. Egaa dhibee mukuu hir’suun carraa of ajjeesuu namaas 50% ni hir’isa.

5.Lafa hojiitti milkaa’ina akka qabaatan nama godha. Qorannoo haaraan akka agarsiisutti namootni buna dhugan carraan guddina argachuu isaanii ni dabala. Kun kan ta’u bunni dammaqina waan isaanii kennuuf hojii isaaniitti dammaqoo ta’u,darbees carraa namoota baayyee wajjin walii galuu waan argataniif . Kun immoo dhiphuu fi yaaddoo diinagdee hir’isuun fayyaa Sammuu isaanii eega.

6.Harkisa jaalalaa dabaluu. Namootni gaafa buna dhugaa taphatan dammaqinni isaanii fi simboon isaanii waan dabaluuf harkisi jaalalaa isaan gidduu jiraatu ni dabala.

7.Cooma garaa (borcii) irraa hir’isuun ilaalchi namootni ofiif qaban akka dabalu ni taasisa.

MIIDHAA

Bunni yoo garmalee dhugame miidhaalee Sammuu/qor-qalbii armaan gadii fiduu danda’a

1.Garmalee nama dammaqsuun (hyperactive) xiyyeeffannoo nama dhorka. Kun immoo hojii harka ofii irraa sirriitti raawwachuu nama dadhabsiisuu danda’a. Miira nama sossodaachisuu waan namatti fiduuf qormaata(exam) irratti nama miidhuu danda’a.

2.Gara galgalaa yoo dhugame,nama rafuu barbaadu hirriba dhorkuun,qulqullina hirriba namaa jeequu danda’a.

3.Namni dhibee yaaddoo (anxiety) qabu yoo buna garmalee dhuge dhibee kana itti hammeessuu danda’a.

4.Nama dhibee miira gar-lamee (bipolar disorder) qabu akka sadarkaan maaniyaa (mania) isaa itti ka’u gochuun miidhaa biraaf illee saaxiluu danda’a.

Miidhaaleen kun namoota guyyaatti buna minjaala/

siinii 4 ol dhuganitti akka baayyatu hima qorannoon dhiyeenya biyyaa Ingiliziitii ba’e. Ta’us waanti hubatmuu qabu carraan nama mudachuu miidhaalee armaan olii namaa namatti gara gara. kanaaf qaama ofii dhaggeeffachuun madaala ofii argachuun haala fayyaa qabeessa ta’een buna dhuguun firii isaa irraa baayyee,miidhaa isaa irraa xiqqoo makaruu dandeessu.

ASHABOO BAAY'ISANII NYAACHUU DHIBEE FAYYAAF NAMA SAAXILA


 ASHABOO BAAY'ISANII nyaachuun dhibee fayyaaf nama saaxila!

Ashaboon hagi xiqqaan qaamni keenya akka fayyaa ta'ee dalaguuf akka barbaachisu beekamaadha. Ashaboon yoo haga barbaadamu irra darbe hoo maal nama irraan ga'aa? 

1.Dhiibbaan dhiigaa akka olka'u taasisa. 

2.Qorichoota dhiibbaa dhiigaaf kennaman tokko tokko akka isaan dhiibbaa dhiigaa hin to'anne taasisa.

3. Dhukkuba onnee kan sababa garaagaraan dhufuuf nama saaxila.

4. Namoota dhukkuboota biroo akka dhukkuba kalee qabanitti akka itti jabaatu taasisa.

5. Bishaan qaama keessatti akka kuufamu taasisuun guutummaa qaamaa dhiitessuu danda'a.

Ashaboon yoo hagam nyaatan kan dhibee fayyaaf nama saaxila jennu?

1. Akka Waldaan Fayyaa Onnee Ameerikaa (AHA) jedhutti namni fayyaalessi tokko guyyaatti ashaboo giraama 2.5 ol soorachuu hin qabu. Kunis ashaboo fal'aana tokko jechuudha. Haa ta'u malee yeroo ammaa kana waantonni nyaataaf hojjetamanii dhiyaatan biyya keenya keessatti kan akka barbaree, daabboo fi kkf durumaan ashaboon itti dabalamee akka dhiyaatan beekamaadha. Kanaaf kana yaada keessa galchuudhaan tarii ashaboo alaa nyaatatti dabaluun barbaachisuu dhiisuu mala. Akasumas nyaatonni qophaa'anii gabaarraa bitaman, akka hin aloofne ittisuuf jecha ashaboo hedduutu itti dabalama. Kanaaf of eeggannoo taasisuun dirqama.

2.Namoota dhibee dhiibbaa diigaa, dhukkuba onnee fi dhukkuba kaleen dadhabuu qaban ammoo haga armaan olitti ibsinee kanaa gadi kan nyaachuu qaban.



NAMNI NAMA FAYYADUUF MALEE MIIDHUUF HIN UUMAMNE


Yoon isarraa adda ba'e inni ni miidhama ykn yoon isheerraa adda ba'e isheen ni miidhamti jettee jaalala akka itti hin fufne utuu beektuu jaalallee kee waliin jiraachuunkee miidhuu dha malee fayyaduu miti. Utuu jaalalleenkee hin beekiin yeroo dhaaf waliin gammadeen gaafan barbaade irraa adda ba'a jettee yoo yaadde ta'e, yaada sana dhiistee utuu jaalalleekee hin miidhiin akka armaan gadii kanatti karaa nagaa irraa adda ba'i.

1.Guyyaa jaalalli keenya itti fufuu hin danda'u jettee MURTEESSITEE (utuu hin murteessiin itti yaaduun akkuma jirutti ta'ee) kaasii irraa adda ba'i.

2.Yeroo irraa adda baatu QAAMAAN argii irraa adda ba'i. Textiidhaan, bilbilaan, chatiidhaan si dhiiseera jettee itti hin himiin.

3.Yeroo irraa adda baatu waan kana gooteef, waan haalli naaf hin mijanneef, takka adda baanee ilaalla jedheeni fi kkf jettee sababa sobaa fi haalatti hin qabatiin. Maaliif irraa akka adda ba'uu barbaadde sirriitti itti himi. 

4.Yeroo itti himtu, utuu hin dheekkamiin gaaffii isheen/inni si gaafate/tte hunda deebisiif. Deebiikees ifaa godhi, hin dhoksiin!

5.Maaliif akka adda baate, yoomiif akkamitti akka adda baatee, maaltu akka isin muudate namoota biraatti haasa'iin.

6.Erga irraa adda baatee, hin bilbiliiniif, jajjabeessuu hin dhama'iin, jaalala dhaabneerra garuu hiriyyaa gaariin sii ta'a jettee itti hin dhiyatiin. Namni takkaa wal jaallatee ka'ee waldhiisee deebee jaalallee malee hiriyyaa waliif ta'uun soba.

7.Waa'ee nama irraa adda baate sana hir'inasaaa/shee, hammeenya fi rakkoo isaa/ishee hin haasa'iin.Nama gaarii akka siif turte/ture haasa'i.

MURTEESSUUF HIN ARIIFATIIN(HIN JARJARIIN)


Dookterii waamichi hatattamaa waan isa ga'eef hatattamaan gara hospitaalaa dhufuun uffata isaa geeddarachuun(jijjiirachuun)gara kutaa baqaqsanii hodhuutti utuu fiiguu namicha mucaan isaa daran dhibamee kutaa hatattamaa seene tokko utuu inni taa'ee boo'uu arga.Namichis akkuma doktericha argeen fiigaa dhaqee qabee dhaabuun"ati maal ta'uu keeti? mucaan koo du'aaf jireenya gidduu utuu jiruu ati eessa deemte? Maali namni itti gaafatamummaan isaa itti hin dhaga'amne nama akkamiiti ati?"jedheen.

❏ Dokterichis "dhiifama ani as hin turre. Akkuma naaf bilbilameen kanan fiigaa dhufe,amma obsa godhadhaatii Waaqayyoon kadhadhaafi!" jedhan.

❏ Namichis "maal jechuu keeti,utuu mucaan koo du'ee hoo? Akkamitti mucaan koo du'uuf utuu jedhuu obsa,Utuu mucaa keetu du'e ta'ee ati maal jetta? jedheen.Dokterichis, akka seequu ta'ee"Lubbuu waaqatu kenne isumatu fudhate,maqaan Waaqayyoo haa eebbifamun jedha" jedhee ariitii dhaan kutaa baqaqsanii hodhuutti seene.

❏ Abbaan mucichaas"gubii singiggoo isa irra ga'ee beekutu namaaf beeka"jedhee gungume.Sa'aatii muraasa booda dokterichi kutichaa seeqaa ba'uun,abbaa

mucichaatiin Waaqayyoof galanni haa ta'u mucaan kee ooleera, kana booda yoo gargaarsa barbaadde narsoota haasofsisuu dandeessa, Jechuun boo'aa fiigee bira darbe. Daqiiqaa muraasa booda narsiin tokko dhufte. Abbaan mucichaas narsittii dhaan "dookterri kun mucaan koo maalirra akka jiru akkan

gaafadhuufillee yeroo naaf hin laanne" jedhee gaafate .Narsittiinis, "kaleessa mucaa isaa balaa konkolaataadhaan waan du'eef yeroo bilbilleef awwaala mucaa isaa irraa dhufee mucaa kee oolche.Amma isa awwaallachuuf jarjaraa jira,"jetteen.Yaa obboloota koo waan namni tokko irra jiru hin beektan waan ta'eef daftanii namatti hin murteessinaa!


CIRRACHA KALEE-RENALSTONE/NEPHROLITHIASIS


Cirrachi kalee kuufama albuudota garagaraa fi ashaboo asiidawaa ta'e kan fincaaniin qaama keenya keessaa bahuqaban irraa ijaarama/dhufa.

 Kanaaf cirrachi kalee fincaan keenya keessa albuudonni haala salphaan wolitti dhufanii ijaaramuu danda'an kan akka Kaalshiyeemii, Ookzaaleetii fi Yuurik aasidii fa'a baay'achuuni fi wontonni isaan akka hin ijaaramne ittisan fincaan keessatti xiqqaachuu irraa uumamuu danda'a. 

Cirrachi kunis ujummoo fincaanii kalee hanga afuuffee fincaanii (isaanis dabalatee) jiran keessa taa'uu danda'a.

 Kalee cinaa tokkoo ykn kalee lachuu irratti mul'achuu danda'a.

 Cirrachi kunis albuuda irraa tolfame irratti hunda'uun akaakuu/maqaa garagaraa qabaata.

Uumama cirracha kaleetiif wonti tokko qofti sababa ta'uu dhabuu danda'a. 

Yeroo heddus sababni uumama cirracha kalee kun ifa ta'uu/addaan bahuu dhabuu danda'a. 

Haa ta'u malee wontonni asii gaditti eeraman kunniin carraa cirracha kaleetiin qabamuu keenya olkaasu danda'u:

* Bishaan gahaa ta'e dhuguu dhabuu. Namoota naannoo hoo'aa/gammoojji jiraniifi isaan dafqi itti baay'atu irratti carraan cirrachi kalee mul'achuu ni dabala.

* Nyaata ashaboon/sooqiddi itti baay'ate fayyadamuu.Akkasumas nyaata sukkaaraa fi pirootini heddu of keessa qaban baay'isanii fayyadamuun cirracha kaleetiif nama

saaxiluu danda'a.

* Maatii dhihoo keessa namni cirracha kalee qabu yoo jiraate carraan namni tokko cirracha kana qabaachuu ni dabala.

Kana jechuun garuu cirrachi kalee sanyiin ykn firaan daddarba jechuu miti.

* Tajaajila baqaqsanii yaaluu /nama opireeshiiniin qaamota sirna nyaata (Garaacha, mar'umaan) irratti godhameefi namoonni dhukkuba biroo qaamota kana miidhaan qaban

carraan cirracha kalee horachuu isaanii ni dabala.

* Akkasumas namoota baasaan yeroo dheeraf irra ture irrattis carraan isaan cirracha kalee qabaachuu ni dabala.

* Ulfaatinna gar malee guddaa ta'e qabaachuunis carraa cirracha kaleetiin qabamuu dabala.

* Dhukkuboonni biroo kan albuudonni asii olitti eeraman qaama keenya keessatti akka dabalan godhaniifi Infeekshiinii/dhukkubni ujummoo fincaanii kan biroo

jiraachuun carraa cirracha kalee horachuu ni dabalu.

Mallattoolee Dhukkuba Cirracha Kalee:

• Cirrachi kalee mallattoo dhukkubaa otoo hin mul'isin ta'uus ni danda'a; haa ta'uu garuu cirrachi sun yoo iddoo gara iddoo socho'e fakkeenyaaf ujummoo fincaanii keessatti cuqqaalamuun mallatoolee fi rakkinoolee armaan gadii fiduu/qabaachuu danda'a:

~ Naannoo Cinaachatti ykn dugdaatti dhukkubbiin hamaan namatti dhagahamu.

~ Dhukkubbiin kun gara hidhaa (qaama wolhormaata) ykn garaa gara gadii nama woraanuu/dhukkubuu

~ Dhukkubbiin kun yeroo xiqqoof haalaan nu dhukkubee jidduun boqonnaa xiqqoo nuuf kennee haala kanaan itti deddebi'a nu dhukkubuu.

~ Fincaan nama gubuu/yeroo fincaanan miirri akkasii namatti dhagahamuu

~ Fincaan nama mudduu fi ykn dafee dafee dhufuu

~ Fincaan keenya diimachuu

~ Fincaan fincaannu foolii haalaan xirayaa/ajayaa ta'e qabaachuu

~ Nama lolloojjessuu fi haqqisiisuu

~ Yoo infeekshiinii kalee umame hoo'i qaamaa haalaan dabaluufi nama hollachiisuun/sheengarsiisuun/haxaxxeessuunis jiraachu mala.

√ Hub: Namni mallatoolee armaan olii qabu hunduu cirracha kalee qaba jechuu miti.

Maal haa goonu?

* Guyyatti Bishaan Litirii lamaaf cinaa fi isaa ol dhuguu.

* Nyaata sooqiddi/ashaboof fi sukkarri itti baay'ate fayyadamuu dhabuu.

* Furdinna gar malee guddaa ta'e kan hojjaa/dheerinna keenyaan wol hin madaalle yoo qabaanne hirdhisuu.

* Mana yaalaa deemnee qorannoleen dhiigaa, fincaanii fi qorannoolee biroo ( fkn raajii, altiraasawuudii) fa'a kan Doktorri keenya ykn Ogeessii fayyaa nuuf ajaju

dalagsiifachuu/qoratamuu.

* Cirrachi sun baay'ee tiqqaa ta'ee mallattoo dhukkubaa heddu kan hin qabne yoo ta'e bishaan gaha ta'e (bishaan litirii lamaafi cinaa ol) guyya guyyaan dhuguu dhaan bahuu danda'a.

 Yeroo inni bahuuf deemu dhukkubbiin namatti

dhagahamu mala kanaaf qoricha dhukkubbii woyyeessu (Antipain) fayyadamuun barbaachisuu danda'a.

* Yaalli cirracha kalee hamma/hanga cirracha saniifi iddoo inni itti argamu, akkasumas mallatoo ykn rakkoo innii hordofsiisaa/fidaa jiru irratti hunda'uun caarallaa

sagaleetiin ykn Opireeshinii garagaraatiin yaalamuu danda'a.

NAMOOTA SITTI FAYYADAMUUF QOFA SI BARBAADAN


☞︎︎︎ Namootni kun xiyyeeffannaan isaanii maluma kamiinuu namarra aanuu fi faayidaa dhuunfaa isaanii adamsuu dha. 

☞︎︎︎ Namootni kunis waan adamsan kana argachuuf (adda baasuuf) bakka dadhabina namaa arguu qabu.

☞︎︎︎ Of-jaallattota  kanaarraa of eeguun barbaachisaa dha. Wajjin hojjeechuun illee dirqama yoo ta'e utuu walitti dhufeenya hojii ofii hin balleessein meeshaa namoota kanaa utuu hin ta'in itti fufuuf qabxiileen armaan gadii kun nama gargaaru.

➪Hariiroo nama sanaa wajjin qaban keessaa isa kamtu akka barbaachisaa ta'e sirriitti itti yaaduu fi beekuu. Sana booda hariiroo 'barbaachisaa ta'e' sana qofa irratti xiyyeeffachuu dha.

➪ Walitti dhufeenya nama sana waliiniitti daangaa fi sarara barbaachisaa itti godhuu fi daangaa sana walitti fufiinsaan kabachiisuu dha.

➪ Mirga ofii sirriitti beekuu fi hojii irra oolchuu, mirga tole ykn lakki jechuu utuu hin sharafin raawwachuu dha. Akkasumas, qoosaa nama xiqqeessu gaafa namatti darbatamu dhaabsisuu (akka dhaabu ifaan itti himuu) danda'uu qabda.

➪ Gaabbii hir'suu - mala isaan ittiin waan namni hin feene ittiin nama gochisiisan keessaa tokko aarii ykn mufii sobaatiin gaabbii namatti uumuu dha.  Kanaaf aariii ykn mufii nama sanaa "badii kooti" jedhanii ofitti fudhachuu dhiisuun fala. Haga miidhaa irraan hin ga'initti,miira nama tokkoof kan biraan gaafatmuu hin danda'u. Akkasumas, maal naan jedhuu baay'isuu irraa of qusachuunis barbaachisa. Waanta namni siin jedhu ati bocuu hin dandeessu waan ta'eef.

➪ Gaafa waa murteessuuf gaafatamtu yeroo ga'aan akka siif laatamu gaafadhu. Sarduun murtii dabaa simurteessisuun mala isaanii keessa tokko waan ta'eef.

➪ Al tokko tokko sitti fayyadamuuf yaalaa jiraachuu isaanii irratti baruukee malaan itti himuun illee barbaachisaa dha.

     FAYYAA SAMMUU MALEE FAYYAAN HIN JIRU.

Suura yookiin viidiyoo qullaa waliif erguun kun wantoota qullaa qaama namaa agarsiisaan suuraan, viidiyoodhaan bilbilaa/kompiitaraan waliif daddabarsuudha


◉ Suura yookiin viidiyoo qullaa waliif erguun kun wantoota qullaa qaama namaa agarsiisaan suuraan, viidiyoodhaan bilbilaa/kompiitaraan waliif daddabarsuudha. Yeroo ammaa kana wanti kun baramaa dhufeera. Nama faana barreeffama walii babaarreessaa xiqquma osoo hin turree suura qullaa waliif erguun babal'ateera.

◈ Sababa ergamuuf :

➲ Of agarsiisuuf : Dhiirri tokko suura qullaa jaalallee isaa bilbila keessaa yoo qabaate ishii akka barbaade akka gochuu danda'u hiriyoota isaatti of agarsiisa.

➲ Jaalalaaf : Nama jaalattu tokko naa ergi erga jedheenii erguuf kaati, yoon erguu baadhe na jibba, na dhiisuu danda'a jettee waan yaadduuf.

➲ Amanamtummaa ofii dabaluuf : Dubartiin of kaaftee ergitu tokko akka waan guddaa jaalallee ishiitif ooltetti of lakkoofti. Waan jaalattuuf jaalala ishii ibsuu ishiiti.

◈ Rakkoo inni geessisu :

➠ Suurri/Viidiyoon kee tokkicha si harkaa baanan hin deebifattu. Suuraa/Viidiyoo kee akkataa inni itti fayyadamu too'achuu hin dandeessu. 

➠ Yoo wal dhabdan : Abbaa warraa/Jaalallee kees ta'ee dhiira itti ergite kamiiniyyuu wal dhabnaan siif rakkoodha. Hundumaa daddabarsuun ittiin haaloo si ba'a.

➠ Suurri qullaan kee faffacaanan immoo jireenya hawasummaa keessaa ba'uu keeti. Nama keessa ooltee galuun sitti ulfaata. Dachee kanarra jiraachuu si jibbisiisa. 

◈ Furmaata :

✔ Ammamiyyuu yoo isa jaalatte, ammamiyyuu yoo isa amante goonkuma of kaaftee hin ergin. Yoo si dirqisiisee ergitu malee jedheyyuu wanti hafe haa hafu, gargar ba'i malee dogongortee waan akkanaatti akka hin galle.

✔ Callistee kan of kaaftuuf : Dhiirri naaf ergi siin jechuu dhiisuu danda'a. Ta'us garuu yaaduma yeroo barbaadde of ilaaluuf akkuma qoosaa wayiitti kan of kaafteyyuu sumayyuu waan hin fayyanneef of biraa balleessi.

✔ Kana dura ergiteera yoo ta'e : Akka balleessu hubachiisi, yookin suuta harkaa fuudhii keessaa balleessi, iddoo baay'etti copy ta'ee jiraachuu waan danda'uuf bilbilichuma guutummatti haqi. Account isaa akka Fb, telegram yookin waanuma irratti ergite kamiyyuu keessaa akka badu taasisi. 

✔ Yeruma wal bira jirtaniyyuu wal kaasuun hin barbaachisu. Sirees ta'ee bakkuma kamittiyyuu innis silaa ni ka'a jettee akka wajjiin hin kaane.

✔ Too 'adhu : Walqunnamtii saalaas ta'ee gochoota isaan wal fakkaatan kamiifiyyuu yeroo inni si waame, mana inni itti si affeere too'adhu. Bilbila isaas ta'ee waan biraa dursii adda baafadhu. 

✔ Dhiirotaaf : Suura qullaas ta'ee kan isa fakkaatu kan haadha warraa/jaalallee kee ta'ee kan dubartii kamiiyyuu yoo si bira jiraate of biraa guutummatti haqi. Borus naaf ergi jettee goonkuma hin gaafatiin. Sababiin isaas dhiirri biraa Haadha/Obboleettii kee akkas gochaa kee akkas gochaa waan jiruuf.

Jaalalleen / Niitin Kee Nama Biraa Jaalattee Akka Jirtu Beektaa ?


◉Ishiin anaaf amanamtuudha, onneedhuma ishiirraa na jaalatti, dhiira kamiyyuu goonkumaa hin yaaddu, intala amantiitti jabduu taatedha, lubbuu ishiiyyuu dabarsitee naaf laatti " jettee mudhii kee jabeeffattee ishiidhaf ragaa ba'uu dandeessa. Intalumti ati akkana godhattuuf tun osoo dhoksaatti jaalallee akka qabdu irraa geessee amanuuf si rakkisa. Akkuma dhiiroonni jaalallee/haadha warraa isaanitiif hin amanamne dubartoonni tokko tokkoos akkuma dhiiraa kan biraa waliin buburraaqun ni mul'ata. Siin ala kan biraa yoo qabaatte mallattoo tokko tokko sitti agarsiisuu dandeessi.

➲ Amala jijjiirratti. Yeruma ati jalqaba ishiin wal bartu yookiin fuutu walitti dhufeenya dhiirota baay'ee kan qabdu yoo taate rakkoo hin qabu. Garuu dhiyeenya kana hiriyoota dhiiraa yoo baay'iste shakkuu qabda. Oduu yoo dhageesse yookin ishiniyyuu hiriyaa dhiiraa akka qabdu sitti himnaan hordofuun bayeessa.

➲ Gargaarsa kee hagas mara hin barbaaddu. Wantoota adda addaa dur si faana kan taasiftu amma garuu kophaa dhuma ishii dalaguu dandeessi. Qofa daandidhuma qaxxaamuruuf sitti rarraati. Amma dhaabuu dandeessi. Yookin nama biraatu bakka kee bu'ee daandii ceesisaa jira ta'a.

➲ Aaruu ni dhaabdi. Waan feete yoo balleessite omaa itti hin fakkaatu. Dur yoo ati bilbiluma daftee daftee bilbiluufii baatte ni aarti. Amma garuu alaa yoo bultee galte dhimma ishii miti. Jaalala kee fixatteera jechuudha.

➲ Icciitii eeguu baay'isti. Akka qofaa oolmaa ishii baay'ee sitti hin odeessitu. Qofa lafumaa kaatee waan hunda sitti odeessitee si nuffisiistu sun har'a atiyyuu yoo gaafatte deebii quubsaa argachuu dhiisuu dandeessa. Sababni isaas waan ati akka hin barre tokkotu jira yookin tokko faana haasoftee dadhabdeera ta'a. Bilbila ishii sin tuqsiiftu. Sitti kennituyyuu password walxaxaadhan kan cufameedha.

➲ Humnaa ol gaarii siif taati. Yoo ati balleessite siin hin loltu. Yoo ati waan ishii miitu dalagdeyyuu kolfiteetuma bira siif dabarti. Garaa si roraasti gaarummaan ishiin siif taasistu. Osuma dubartii biraa biratti si agartee yookin dhageesseyyuu callistee si ilaaluu dandeessi.

➲ Jaalalli ishiin siif qabdu ni dabala. Qofa hojii malee waa'ee jaalala siif qabduu sitti kaasuu dhiisuu dandeessi. Amma garuu guyyuma guyyaan sin jaaladha siin jetti. Bilbilaan si cinqiti. Siree irrattis jaalala ishii siif ibsiti.

◉ Mallattoo akkanaa omaayyuu waan irratti hin argineef guutummatti amanuun sirra hin jiraatu. Akkasumas mallattoo kana hunda waan agarsiiftef nama biraa jaalattee jirti jettee tokkichaan hin murteessin. Waanuma dhageessef, agarteef waa murteessuf hin ariifatin. Hinaaffaa keettiirraayis madduu danda'a. Waan ofii keetii akkas gootuf ishiis akkasitti hin yaadin. 

◉ Osumayyuu mallattoo kana hunda sitti agarsiiftee, otuma dhageessee, osuma agartee, osoo jaalallee biraayyuu qabaattee rakkoon keeti malee kan ishii miti. Sababiin isaas waan sirraa dhabde tokkotu jira. Wantoota ishiitti hir'iste hundayyuu gaafadhuu guutif, dadhabdu sirreessaa deemi. Rakkoo kee garuu ishuma qofatu beeka.

FAYYUMMAA NAFSAALA DHIIRAA


◉ Qaamonni hormaataa kutaawwan kamirrayyuu faayyuummaan isaanii murteessadha. Kanaaf nafsaala keenya fayyaalessa fi mi'aawa taasisuu qabna. 

➲ Yeruma hunda bishaan ho'isnee haa qulqulleessinu. Gogaa afaan irraa sarara keessa isaas xaraguun gaaridha. Cidhaan dabalatee hanga hudduutti qulleessun barbaachisaadha. Keessattuu kan hin muranne faa taanan huccuu wayii bishaan cuubnee gogaa nafsaala keenyaa addaan saaqun keessa isaa sirnaan qulleessun gaaridha.

➲ Dabbasaa naannoo nafsaalaa baay'isnee guddisuun hin barbaachisu. Gaafa walqunnamtii saalaa raawwannu ishiitti hin tolu. Nafsaala ishiis muruu danda'a. Foolii badaas dafquun uumuu danda'a.

➲ Omaa hin ta'u jettee paantuma tokko torbanii hanga ji'aatti uffachuu hin qabdu. Guyyuma guyyaan jijjiirradhu yookin miiccii gogsiitii deebisi. Sirra yoo ture foolii jijjiirrachuun isaa waan hin oolle.

➲ Yeroo fincaan fincoofnee raawwanne nafsaala keenya raasnee dhiisuu qofti ga'aa miti. Raasuu qofaan waan hin baanef bishaanin qulleessuu, bishaan dhabnu xaragachuun murteessadha. 

➲ Paantii babal'aa uffachuu. Paantii dhidhiphaan dafquun foolii hin taanef waan nu saaxiluuf babal'aa uffachuun gaaridha. Humnaa ol nafsaala keenya dhiibee qabuun hanga maseenummaatti nama oofuu danda'a. Boca nafsaalaa balleessee jallisuu danda'a. Guddinas dhorkuu danda'a.

➲ Bilbila kiisitti baattu cidhaan keetirraa fageessi. Ekectiroononni bilbila keessa jiran humna ispeermii gadi buusun maseenummaaf nama saaxiluu danda'u.

➲ Yeroo walqunnamtii saalaa raawwannee kaane atattamaan qulleessun dirqama nutti ta'uu qaba. Walqunnamtii saalaa raawwannee osoo hin dhiqanne socho'uun foolii badaadhaf nama saaxila.

➲ Dhangalaa'aa nafsaala keenya keessaa ba'u mi'eessuf nyaata filachuun gaaridha. Shunkurtii adii, buna, alkoolii garaa garaa baay'inaan fudhachuu xiqqeessun gaaridha. Kuduraa addaa addaa nyaachun dhangala'aa nafsaala keenyaa mi'eessu fi baay'isuu danda'a.

➲ Dabbasaa mataa keetii dibata garaa garaa dibuu dandeessa ta'a. Nafsaalli kee garuu bishaanin ala omaa hin barbaadu.

GAAFAN DU'EE SIIDAA KOO IRRATTI MAAL JETTANI BARREESSITU?

Guyyaa tokko namicha tokkotu daw’iidhaaf gara Amerikaa deeme jedhama. Biyyicha keessa olii fi gad deemee erga daw’atee booda dhuma irratti s...