Showing posts with label Galgala. Show all posts
Showing posts with label Galgala. Show all posts

YAA LEENCAA

 


Odoo gatiikee Beeknee

Silaa mukarra hin bultu

Barattii badeef malee

Daggala keessa hin galtu 

Barbaaddu lafaan dhooftee

Mataa gubbaarra teessaa

Maqaan keeyyuu mootiidhaa

Hammuma maqaa geessaa

Silaa ati hoogganaadhaa

Hundumaa ni ergattaa

Siree gubbaarra ciistee

Dammaaf cooma murattaa

Teessoo si jalaan deemu

Bookaf nadhii unnattaa

Aduun dirra kee hin nyaatu

Maasara keessa ooltaa

Kan feetetti hammaattee

Kan feetettimmoo toltaa

Miila keetis dhiqanii

Dibanii si nyaachisuu

Nyaatan barbaadadhaaf

Olif gad sin kaachisuu


~Ilaa.........


Ilaa mee yaa mootikoo

Ajajaa warra Guddaa

Ati ulfeeffamaadhaa

Mootii mootota hundaa

Waan tokko si gaafadhuu

Hundumaa ni dandeessaa

Beekaf wallaalaa hin jettuu

Hundayyuu ni dhageessaa

Garuu hanguma yoomiitti

Roobaf aduun dhaanamtaa

Gogaan kee miidhagaadhaa

Duutullee barbaadamtaa

Otoo guddaa taatee jirtuu

Maalif daggala teessaa

Maqaa kee yoo waaman

Hundumtuu si ulfeessaa

Baankiwwan biyya keenyaa

Maqaa keen moggaafamuu

Warshaalee bebbeekamoon

Maqaa keen oomishamuu

Gamoo babbareedaniis

Maqaa keen ijaaramaa

Warri sodaatamaaniis

Kabaja keen waamamaa


~Akkamiin hin beeknuree....


Akkanan waamamuukee

Dhageenyee quba qabnaa

Maaf hin beekne ni beeknaa

Akkamiin garaa dhabnaa?

Egaa yaa Leencotakoo

Dhaamsa tokkon siif dhaama

Har'aan booda maqaakee

Mootii jedheen si waamaa

Eeyyeen ati mootiidhaa

Daggalli siif hin maluu

Waangoo maasaraa yaasi

Inni daggala haa galuu

Hunduu si'iin of waamaa

Guddisee of dhaadhessuu

Hanga yoom kaa mootiikoo 

Mee kan bosona teessuu

Kabajamoo leencota koo

Addunyaan tun keessanii

Maqaan keessan ulfaadhaa

Hamma Maqaas geessanii

Maqaan kee mootiidhaa

Hooggansas ni dandeechaa

Teessoon kee maasaraadhaa

Baroodii kaa YAA LEENCAA

Yaa carraakoo kanaa

 


Carraakoo barbaacha

Fiigee gaara yaabee

Aduun natti dhiinaan

Karaa bu'aan dhabee


Bohee fala dhabee

Waan falu wallaalee

Agartuunkoos tiifee

Lolaatti na dabalee


Gaara konkoladhe 

Ergan laga bu'ee

Harkumakoon daakeen

Qarqaratti bahe


Huccuukoo qoorfadhee

Ka'ee ol dhaabadhee

Mucaccadhee kufeen bishaan habbuuqadhee


Utuu carraa eeguu

Carraan na dabarsee

Bishaan baay'ee dhugeen

Garaa na bokoksee


Naachi na gototee 

Galaanaa na baasee

Qeensaan na moccoree

Hirribaa na kaasee


Boruukoo abdadhee

Har'a utuun daaddisuu

Mul'atakoo arguuf

Utuu abjuun qaxxisuu

Boruun booruu ta'ee

Borutti na dabarsee

Carraan naf qajeelee

Ganda irra na joorsee

Kosii gandaaf baadheen

Saggookoo na cabsee


Aduu keessa taa'ee

Garaa waaqaa ilaalee

Carariin waaqarra gad na mil'attee

Ifakoo fudhattee dukkana naaf laattee

Ilaaluu hin danda'u

Yaadan nan leela'a

Agartuukoo dhabus

Sammuun na raata'aa


Dukkanicha dheessuuf

Duubatti baqadhee

Namummaakoo dheessuuf

Utaleen naafadhee

Carraan naaf qajeellee

Golatti na galchee

Gurbaa nan nyaadhaatti nyaatame


Konkolaataa keessattidha. Gurbaa duubarra taa'eeru tokkotu ture. Jalqaba erga konkolaataa seenee kaasee ijjisaa mucayyoo tokkorraa hin sochoone. Isheema ilaala! Bareedinni mucayyoo kanaas akkanni ilaalee dhiisu qofaaf isa hin dandeessifne. Kanarraa kan ka'e, of harka galfachuuf fala faluu eegale. Mucayyoon 'T-shirt' bobboca konkolaataafi mobaayila gatii jabaa ofirraa qabu godhattee jirti. Kanarraa ka'uun, fedhashee tilmaamuu eegale. Konkolaataafi meeshaalee gatii jabeeyyii biroon achirraa, wantota isheen qabaachuu hawwitu akka ta'e hubachuun isa hin rakkifne. Namni waanuma jaalatuufi hawwu qabatee deema mitiiree? Kanaafi!

Edda fedhashee tilmaammatee booda, tooftaa tokko falate. Sagalee alaarmii akka sagalee waamicha bilbilaatti dhimma bahuuf jira. Ariitiin alaarmii guuttate. Yeroo alaarmiin iyyitus maal akka jedhu qopheeffateera. Alaarmiinis iyyite. "Heloo! Akkam barfatte? Ana hogganaakeeti! Mobaayila kankoo iPhone chaarjii irratti dhiisee waanan baheefan kan namaan siif bilbilaan jira. Konkolaataakoo isa 'Pickup' dhiqii na eegi. 'Vitz'nkoo kaleessa dhiqame, isa dhiisi. Aariifadhu!" jedhee bilbila giiphiitti deebifate.

Akkumanni akkana jedheen mucayyoon gara isaatti deemuu eegalte. "Kan ani barbaadutu kana,....akkas malee! Kunoo, of harkan galfadhe,....kankoon ishee godhadhe" jechaa jira, keessa isaatti. Akkuma bira geesseen miilla isaa jalatti gadi jette. Gadi jettees ol jette. Isatti bitaa galaa jira. Dhumarratti, dhagaa mobaayilaa lafaa fuutee itti kennite. Edaa   yeroo alaarmiin iyyu sana, ariitiin yeroo giiphii keessaa baasu dhagaan mobaayilaa keessaa bu'ee jira. Inni kana hin beekne. Isheen garuu argitee jirti. Dubbiin inni jechaa tures soba akka ta'e yerooma dhagaan lafa bu'ee kaastee hubattee jirti. Akkanaan dhagaa mobaayilaa itti kennitee itti kolfaa bakka isheetti deebite. Gurbaan nan nyaadhaatti nyaatamee taa'e, nama kolfas ta'e!

Yoo Waaqayyoo jedhe


Gugeen wucoolii ishee waliin baaxii manaa irra jiraatti. Mijateeraaf. Galgala tokko abbaan manaa "Ijoolle bor ganama ka'een baaxii mana kanaa diigee haaressa!" otuu jedhuu dhageesse. Isheef oduu yaaddessaa ture. "Yaa Waaqayyo ilaalikaa! Namichi ganama ka'een baaxii diiga jedhaa! Anii fi wucooliin koo eessa lixna?" jettee Waaqa kadhatte. "Namichi, 'Yoo Waaqayyo jedhe!' jedheeraa?" jedhee gaafate Waaqni! "Lakki hin jenne!" jettee deebisteef. "Yoos homaa hin sodaatiin!" jedhe. Ganama obboroo hiriyyaan isaa dhufee du'a firaa itti himee boo'icha waliin deeman. Manni hin diigamiin hafe.

Ji'a tokko booda ammas namichi waanuma dura jedhe sana dubbate. Gugeenis Waaqatti iyyatte. "'Yoo Waaqayyo jedhe nan diiga!" jedheeraa?" jedhee gaafannaan, "Hin jenne!" jette. Deebiin Waaqaa isuma duraa ture. "Yoos hin sodaatiin!" Ganama barii dhimma atattamaa hojii isaan wal qabatutu isa mudate. Mana diiguuf mitii fuula dhiqachuufuu yeroo hin arganne. Ni qajeele!

Ji'a tokko booda ammas galgala lafaa, "Ijoolle yoo Waaqayyo jedhe barii ka'een baaxii mana kanaa diigee haaressa!" jedhe. Gugeen ni rifatte. Akkuma amala ishee gara Waaqaatti iyyatte. "Ammas kunoo baaxii manaa diiguuf yeroo sadaffaa dhaadataa jira. Yaa Waaqayyo maal nuuf malta?" jette. Waaqni ammas gaaffii isuma dura gaafate irra deebi'ee gaafate. Isheenis, "Miilanahoo 'Yoo Waaqayyo jedhe nan diiga!' jedhe jettee deebisteef. 

Waaqayyo deebii kenneef. "Amma egaa namichi ni diiga. Baaxiin isaa dulloomee waan jiruuf diigee haareffachuu qaba. Namichi kun diiguuf erga karoorsee bubbuleera. Atuu kunoo yeroo sadaffaa na kadhataa jirta. Yeroon siif kenname ga'aa ture. Bakka biroo barbaaddattee man'ee keessa jiraattu ijaarrachuu dandeessa

 turte. Garuu, dhibaa'ummaa kee irraa kan ka'e yerootti hin fayyadamne! Dhibaa'ummaa keef gatii baasuuf jirta!"

Dhibaa'ummaan gatii nama baasisa jechuufan

GAAFAN DU'EE SIIDAA KOO IRRATTI MAAL JETTANI BARREESSITU?

Guyyaa tokko namicha tokkotu daw’iidhaaf gara Amerikaa deeme jedhama. Biyyicha keessa olii fi gad deemee erga daw’atee booda dhuma irratti s...