Showing posts with label husband. Show all posts
Showing posts with label husband. Show all posts

ABBAA WARRAA GAARII


➲ Haati manaa kee kunuunsa barbaaddi. Akka itti tolu feeti. Kanaaf ishii gammachiisuf ganamaa galgala dhama'i. Akka itti tolee fuula ifaadhan yeroo hunda si simattu gochuutu sirraa eeggama. Waan kee kamiyyuu hin hambifatiniitii ishiidhaf laadhu. Ati kana hin gootu taanan abbaa warraa ta'uuf xiqqoo si hafa.

➲ Jaalala kee itti agarsiisi. Carraa argatte kamiyyuu fayyadamiitii dhungadhu. Yeroo sitti tole hundayyuu olfuudhii baadhu. Waan hundarra kan akka jaalala ofii ibsuufii haadha warraa kee gammachiisu hin jiru. Jaalala ishiif qabdu haadha warraa keetti hin agarsiiftu taanan abbaa warraa ishii wanti si taasisu hin jiru.  @wal agarra

➲ Dhiironni durii dubartii biratti jaalatamuuf goota of godhu. Gootummaa isaa agarsiisuf nama yoo dhabe bineensa adamsee ajjeesee ishiitti of agarsiisa. Dhiironni yeroo ammaa immoo faallaa warra durii gadi of buusanii, of laaffisanii, garaa nama booressanii akka dubartittiin naatuf of fakkeessu. Haati warraa kee garuu dhiira waan hunda didee dhaabbatu hin jaalattu. Dhiira dadhabaa immoo ni tuffatti. Kanaaf abbaa humnaa ta'uu kee agarsiisun hin barbaachisu. Of laaffistee mul'achuunis sirraa hin eeggamu. Bakka barbaachisutti jabaa taatefii argamuu qabda.

➲ Dubartiin hasawaa bareedaa dhaga'uu feeti. Kanaaf yeroo hunda waan gaggaarii itti hasaasi. Dhiira qaamni isaa ispoortin tole dubartii ija fuudha. Amma si danda'ametti ispoortis hojjadhu. Uffata qulqulluu mimmiidhagaa yeroo hunda uffattee itti mul'achuu qabda. Ati kana hundayyuu hin gootu taanan abbaan warrummaa kee gatii hin qabu.

➲ Haati warraa kee mana ishii ni jaalatti. Kanaaf mana diddiigdee koseessun sirraa hin eeggamu. Haati warraa kee ammamiyyuu yoo si jaalatte warra ishiis dhabuu hin feetu. Kanaaf atis jaalala warra ishii yoo qabaatte fi kunuunsite jaalaluma keessantu bareeda malee wanti sinitti hir'atu hin jiru. Warra ishii hin jaalattu taanan ati abbaa warraa ishii ta'uun siif hin malu.

➲ Yeroo aartu oolmaa kee dagachuu dandeessi. Rakkoo garaagaraa irraan kan ka'e amala baduu dandeessi. Atimmoo yeroo kana obsa godhattee ishii tasgabbeessuu qabda. Obsa dhabdee atis ishiitti kan aartu yoo taate abbaan warrummaa kee gatii dhaba.

➲ Carraa argatte kamiyyuu fayyadamii haammadhu, dhungadhu. Qaama ishii hunda dabbasaadhaa jalqabee harka kee irra oofaa akka ishiin eenyuu olitti miidhagduu akka taate yeruma hundayyuu itti himi. Akkuma kee ishiinis fedhii waan qabduuf iftooman gaaffuu sireetti ol baasi. Kana hin gootu taanan abbaa manaa wanti si jechisiisu hin jiru.

➲ Haati warraa kee of bareessitee, of mimmiidhagsitee mul'achuu barbaaddi. Akka ishiin midhagdee jirtu jajuu qabda. Akka of tolchituuf haala mijeessufii qabda. Hinaaffan waxalamtee miidhaga haadha warraa keetti gufuu taata taanan ati abbaa warraa ishii miti. @wal agarra

➲ Miira kee, gadda kee, gammachuu kee kamiyyuu yeroodhan haadha warraa keetti himi. Gadda keessan waliin obsaa. Gammachuu waliin dhamdhamaa. Rakkoo kamiyyuu yeroon waliin furaa. Waan ishiin siin jettu kamiyyuu sirnaan dhaggeeffachuu qabda. Wanta hundayyuu ishii dhoksitee kophaa dhuma kee raawwatta taanan abbaan warrummaan kee gaafii keessa galaa deema.

➲ Amma dachee kanarra jirtutti Waaqatti aanee kan haadha warraa kee siif caalu omtuu hin jiru. Ijoollen kee ishiitti aananiiti. Warri kee fi firri kee bultii kee booda ilaallamu. Yoomiyyuu dursa haadha warraa keetif laadhu. Namni ishii siif caalu akka hin jirre yeroo yeroon itti himi. Haadha warraa kee akkuma nama dhuunfaa wayiitti ilaaltee kan omaa sitti hin fakkaanne yoo ta'e ati ulaagaa abbaa warraa ta'uu hin guuttu jechuudha.

◉ Walumaa galatti jiruuf jireenya kee keessatti kan gammachuu haadha warraa kee siif caalu hin jiru. Kanaaf yeruma kamiyyuu wanta ishii aarsu irraa of qusachuu, jaalala ishiif qabdu gochaan itti agarsiisuu. Miira ishii gammachiisuf tattaafachuu, fedhii ishii guutuf dhama'uu. Waan ishiin feetu iftooman gaafatanii waliin guutaa deemun barbaachisaadha


GAAFAN DU'EE SIIDAA KOO IRRATTI MAAL JETTANI BARREESSITU?

Guyyaa tokko namicha tokkotu daw’iidhaaf gara Amerikaa deeme jedhama. Biyyicha keessa olii fi gad deemee erga daw’atee booda dhuma irratti s...