SEENAA DHUGAAF DINQISIISAA MIKAA'EEL JOORDAN


Mikaa'eel Joordan bara 1963 biyya Ameerikaa kutaa bulchiinsa #Niwuyoorki Magaalaa Biruukiliyin keessatti dhalate. Bakka inni dhalate mandaraa hiyyeesota gad badoon keessa jiraataniifi Innis maatii hiyyeessaa keessatti obboloota isaa afuurii waliin guddate.

Bakki jireenya isaanii hiyyummaa irraa kan ka'e bakka yakka adda addaa fi namni hedduun sammuu itti dhabu ture.Abbaan Mikaa'eel abdii kutannaa ilma Isaa kana keessatti hubatee jira.

Guyyaa tokko ka'ee uffata/wayyaa/huccuu dhumaa ol fuudhee gatiin kanaa meeqa? jettee yaadda jedhee gaafate Mikaa'eelis gatiin Isaa doolara 1 hin caaluu jedhee deebiseef Abbaa Isaa irra deebi'ee kana doolara 2ti gurguruu dandeessaa jedhee gaafate Ammas Mikaa'eel otoo garaan isaa shakkuu mee gurguruuf nan yaala jedhee fudhate. 

Innis akkuma abbaan Isaa jedhe uffata/huccuu sana sirritti dhiqee erga qulqulleessee booda aduurra afee gogogsee. Meeshaa ittin uffata tolchan(iron) waan hin qabneef minjaala bal'aa mana isaanii irratti dhisee akka caccabaa hin qabaanne godhe sirritti dadachasee bakka walitti qabama namoota naannoo baabura lafa jalaa geessee turtii sa'aatii 6 booda doolara 2ti gurguraate galuu dandeera. 

Ergasii boodee Mikaa'eel yeroo hundumaa uffata/huccuu dhumaa barbaadde dhiqee gabaatti baasuu eegale. Guyyaa kudhan booda abbaan isaa ammas waamee qomee/T-shirt/ dhumaa tokko fuudhee kana doolara 20ti gurguruu dandeessaa jedhen.

Mikaa'eel deebisee abbaa isaatiin akkamitti kun tahuu danda'a kun yoo baayyate doolara 2 qofaa baasa jedhe.

#Abbaan Isaa mee dura yaaluu hin wayyuu ilmakoo karaan biraa jiraachuu danda'a waan kana gurguruuf jedheen.

Mikaa'eel otoo mataa isaa raasuu otoo shakkuu ergama abbaan Isaa itti kenne fixaan baasuuf mala dhahuu eegale. 

Borumtaa isaa Mikaa'el ganamaan ka'ee mana eessuma isaa dhaqee fakkii namoota bebekamoo Ameerikaa lama uffata abbaan isaa kennef gubbatti akka kaasuuf gaafate innis haala bareedan kaasee kennef. Guyyaa sana Mikaa'el gammachuun fudhatee gara mana barnootaa daa'imman dureessaa keessaati baratan balbala geessee gurgurachuuf murteesse innis akkuma kaayyoo Isaa namicha daa'ima dureessaa mana barnootaati fudhachuuf dhufe waliin wal arge namichiis hedduu jaallachuu irraa kan ka'e doolara shan itti dabaleefi 25 irraa bitatee galateen. Mikaa'elis hedduu gammadee qarshii sana fudhate yeroo mana gahu abbaan Isaa hedduu gammade sababaan isaa mindaan abbaa Isaa baatii/ji'aan doolara 25 walqixxee ture. 

Guyyaa itti aanu abbaan isaa ammas uffata/huccuu dhumaa fuudhee itti kennee kanawoo doolara 200 gurguruu dandeessaa jedhee gaafate. Yeroo kana garuu Mikaa'el shakkii tokko Malee Abbaa Isaa harkaa fudhatee baatii/ji'a lama booda Taateen(Actress) filmii beekamtuun biyyaa Ameerikaa Faraah_Fawuseet jedhamtu beeksisa filmii ishee haarawaf gara Magaalaa Biruukiliyiin imaltee turte. Mikaa'el guyyaa kana haala mijeefachuun akkuma ta'eeti humnoota nagaa eegsistoota bira dabree gara kutaa isheen jirtu gahuun waan tokko kadhate Innis akka isheen seenaa ishee toora lama fi mallattoo ishee uffata inni qopheefatee deeme sana irratti akka keessu ture isheenis daa'ima tahuu isaa fi miskinumaa isaa ilaalte mallateesiteef.

Mikaa'el hedduu gammadee sagalee isaa ol fudhatee iyyee kunoo uffata/huccuu Fawuseet irratti mallateesite doolara 200 qofaan jedhe achumaan dureessi tokko argee jaallachuun doolara 1200n irraa bitate. Mikaa'el hedduu gammadee of wallaale fiigichaan gara manaatti gale.

Abbaan isaa hedduu gammadee yaa mucaakoo ati akkam cimaa akka taate argeera waannan siin jedhe gootee argamteeta hedduun siin boona ati Leenca kiyya jedhee ofitti qabee dhungate immimaan ija isaa irraa haxaawachaa. Guyyaa sana Mikaa'el Abbaa Isaa waliin ciise. Abbaan isaan yaa ilmakoo muuxannoo uffata/huccuu dhumaa kana gurguruu irraa argatte maali jedhee gaafate?

Mikaa'els deebisee"Yaa Abbaa Yoo Fedhiin Jiraate KaraanJira"jedhen.

Yaa ilmakoo wanti ati jette hundumtuu dhugaadha garuu ani yaadnikoo kana hin turre sitti agarsiisuu kannan barbaade yoo uffata/huccuu dhume irratti sona/value xiqqoo daballe hangam akka baasuu danda'u argineera nutti ilmaan namaa taanee,sammuu ajaa'ibaa qabaanne otoo sona/value xiqqaa jireenya keenya irratti daballee hangam tahuu dandeenya? 

Eegaa ilmaan nama akkamitti waan tokko sammuu keenya fi dandeetti keenya irratti daballee jireenya_keenya_fooyyesuu akkasumaas hiyyumaa keessaa bahuu dadhabna? 

Jechi kun daa'ima xiqqaa Mikaa'el Jordaan jedhamu hedduu jijjiire jireenya kiyya irratti sona/value xiqqaa yoon dabale jijjirama guddaa fiduu nan danda'a jedhee yaade. 

Maaliif ani gatii of dhabsiisa?Ani hin fayyadu jedhee yaada,Hin danda'u jedhee yaada? Of xiqqeessa? Gadadoof rakkina qofaa yaada? 

Jechuun sana booda jireenya Isaa abdii fi mul'ata bareedan guutame.

    KANA BOODA 

Mikaa'el Jordaan taphataa Kubbaa_kaachoo beekamaa Ameerikaa fi Addunyaa yoomiyyuu hin dagatamne tahe akkasumaas addunyaa daldalaa keessatti maqaa daldalaa beekama/brand Jordaan jedhamuun dureessa tahe.Dhukkuba HIV illee qabamee ispoortii qofaan nama fayyuu danda'eedha.

Eegaa akkamitti sons/value keenya guddisuu dandeenya, Nutti kanarraa maal baranna?


No comments:

GAAFAN DU'EE SIIDAA KOO IRRATTI MAAL JETTANI BARREESSITU?

Guyyaa tokko namicha tokkotu daw’iidhaaf gara Amerikaa deeme jedhama. Biyyicha keessa olii fi gad deemee erga daw’atee booda dhuma irratti s...