Maalkoom Eeksi
Bor bakka itti of arguu barbaadnu gahuuf har'a of qopheessuun barbaachisaadha.
Mark Zuckerberg,Waggaa 15 dura yaadani biizinaasii haaraan tokko isaaf dhufnaan"Waliin hojjenna" jechuuf hiriyoota isa 5 kutatti kan keessatti affeere.
Shanan keessaa lamni argamanii yaada isa fudhatanii hojii waliin eegalanii har'a lameen isanii BILLIONAIR
Dustin Moskovitz yeroo amma Doolaara bil. 6 5
Eduardo Saverin yeroo amma Doolaara bil. 3.4
Hiriyoota sadan affeerraa Mark tuffatanii hafan sun garuu har'as jireenya dura san jiraachaa jiru.
Yoomiyyuu taanaan gorsa nama kamiyyuu dhaaggeffadhu,irra caalaatti garuu waan sammuun kee itti amanee raawwadhu
Seenaa namoota hojii garaagaraa irratti milkaa'aniirraa milkiin tola akka hin dhufne baranna. Bu'aa bayiin gatii milkiif bahu.
Waan gootu hundaaf dirqama kee bahi Waan barbaaddu argachuuf aarsaa barbaachisu hin kanfaltu taanaan,waan dhabdeef hin boo'iin
Dhaloota sammuu guddaa fi qajeelaa qabu waliin tarkaanfadhu yoos jijjiiramta.
No comments:
Post a Comment