Dubbadhee sitti himuun garuu na rakkise
Kabajan siif qabuuf yaaddootti of hambisee
Baasees hin dubbanne keessa koottan dhiise
Garuu yeroo booda atis na hubattee
Akkan si jaaladhu haalakoo irraa bartee
Jaalalaa fi sodaa keessakootii agartee
Natti dhidhiyaatte irruma dabartee
Walitti dhiyaannees yaada waliif qoodnee
Yeroos waliif laannee waliin tattaphannee
Wajjin baanee gallee wajjin dhugnee nyaannee
Osoo hin dubbatiin gochaan Wal jaalanne.
Anis ariifadhee'sin jaaladha' hin jenne
Afaan na hidhamus yaadaan sin daganne
Ati garuu...........
Gochaakoo dagattee arrabakoo ilaaltee
Cinaatti na gattee ormaaf karaa laatte
Anis yeroo booda aaree bulgaafadhee
Jaalalakoo baasee yeroon si gaafadhe
Ati ustee turraan kan biraan jaaladhe
Jettee yoo dubbattu an baay'een saalfadhe.
Kufta-cabda jedheen osoon si kunuunsuu
Akka daa'imaatti osoon si hurursuu
Kabajan siif qabuuf isan hedduu obsu
Maal si goonaan deemte osoon ani si gorsuu?
Akkan si jaaladhu hoo sirriitti ni beekta
Dubbii afaanii qofaa maaliif narraa eegdaa?
Jaalalan siif qabuhoo gochaan koo sitti hima
Ani siifan gaggaba,siifan wareegama jechuunkoo dirqamaa?
No comments:
Post a Comment