Birbirsa muummee gubbaa
Eenyu muree gad qabee
Jaalalli duruu jiraa
Kan kee qofan dadhabee
Yaa bareedina keetii
simboo abaaboo birraa
Akkam godheen jiraadha
Ani addaan bahee sirraatii
===================
Nyaara kee isa kuulamaa
Faayamtuu koo yaa gugee
Jaalala keen machaa'ee
Ituun adeemuun kufee
Waa'ee keef obsan qabu
Qqilleensa sombaaf tiruu
Ati anaaf lubbuu kooti
Siin ala homtuun jiru
=====================
Egeree seenaa kootii
Warqiikoo faaya qubaa
Jaalalli kee waxalee
Akka abiddaa nagubaa
Dachee bal'oo kanarra
Luka koon ba'ee fiigee
Qeensi koos nabuqqa'ee
Lafeettis cabeen dhiigee
===================
Taa'ee ka'ees miixadhee
Dhabus jaalalaa haqaa
Jaalalli dhugaan garuu
Onneetu cophee baqaa
Yoo keessi namaan taane
Kasalaa'ee akka qaqaa
Kan onneen madaa'ee dhiigu
Kanakaa jaalalli haqaa
================
As qabiif achi qabii
Jaalala makaa hin qabne
Jaalalatu hunda moo'aaf
Siidaa jaalalaa dhaabne
Onneen siif jecha dhiige
Koo madaanis hin qoorre
Ani yoomiin ka biraaf fiigee
An gandarran joorre
=================
Jaalallee koo faayoo koo
Simboo qabeettii durbaa
Anis jaalallee keeti
Faara toleessi gurbaa
An siif kennera onneekoo
Ati anaaf waanuma hunda
Badhaasa noobeelii koo
Argannoo gatii guddaa
==================
Teessoo kee godhatteetta usii
Giddu galeessa onneef tiruu
Anaan shakkuu kee dhiisi
Kan sicaalu naaf hin jiru
Kana hunda yaadaan ture
Halkan qophaa koo ciisee
Si irraanfachuu koo miti
Hin yaadin yoon callisee
No comments:
Post a Comment