Kufee si kadhaadhu tolee naaf him jettu?
Simboo keetti na boojjittee dhukkubsattaa naa taasiftee
Ofii keetti fayyittee anaan maalif galaffattee?
Takka tolee him jettuu yeroon sitti dubbadhuu
Qofaatti na gattee kan ofii malatuu
Eenyuutti naa laatte kan nagaatte deemtu
Sirraa addaa bahee eenyyuun mari'adhu
Amala kan biraa eenyuu irraa baradhu
Lamattaa jiraachuuf eenyuumman abdadhu
sittin adda bahee eenyuuttiin jaalladhu
Jaalalaa kan biraas akkamitti argadhu?
Maaloo maaloo jedhe kan keessa koo jiruu,
Hundaa isa gad guuruu deebii naaf kennita,
Yoomus na dhageessa akkumaa durraattis nafannaa ni teessa?
Simboo yaa lubbuu koo daree yaa giiftii koo
Miidhagduu qajeeltuu hundaan kan nat toltuu
Baay'een si jaalladha maaloo tolen jettu
Na waliin jiraadhu umurii dulluumma nafannaa hirmaadhuu
Na gattee hin deemin nan na sirreeffadhu
Nafannaa jiraadhu nafannaa jiraadhu nafannaa jiraadhu!!!
No comments:
Post a Comment