Showing posts with label wangoo. Show all posts
Showing posts with label wangoo. Show all posts

Ati maal akka tatee beeknan inni kan maal jedha hin aariin


Guyyaa tokko Simbirroon tokkoo fi kanniisni haasaa godhu ture.

Simbirroon sun gaaffii akkas jedhu kanniisa sana gaafate. "Erga itti dadhabdee, baay'ee dhamaatee, damma dammeesitee booda namni damma kee si jala hatee nyaata. Kun miira keessa si galchee sin aarsu?" jettee gaafatte.

Kannisni sunis akkas jechuun deebisteef "Waan tokkoyyuu nan aarsu. Sababiin isaa, namni damma koo hatuu danda'a malee ogummaan ittiin damma dammeessu hatuu hin danda'u" jettee deebisteef.

Kanaaf;

➥ Namni waan si keessa jiru, ogummaa Waaqni si keessa kaa'e argee itti fayyadamuu danda'u si qofa dha. Namni biraan gahuumsa dhokataa keessa kee jiru baasee fayyadamuu danda'u hin jiru.

➥ Namni waan ati of keessaa baastee hojjette, itti fayyadamuu danda'a malee, waan ati of keessatti ukkaamsitee irra teesse irraa fayyadamuu hin danda'u.

➥ Kanaafuu, ogummaa keessa kee jiru, gahuumsa dhokataa keessa kee jiru, isa eenyumtuu si jalaa hatuu hin dandeenye kanaan hojjedhu ofiif, dhalootaf bu'aa ta'i!

HARKA KEETTI DU'EE


Angafa durbootaa

Mootii bareedinaa

Waardiyyaa onnee koo

Ati naaf ulfina


Bareedina taanaan

Maaltu siin wal gita

Sinboon kee alaalaa

Eenyummaa koo bita


Walgeettin nyaara kee

 Konkonni funyaanii

Qallinni mudhii kee

Addeenyi ilkaanii


Ijji kee gurguddaa

Mudhiin kee kan sonsaa

Ijjannaan koomee kee

Miira kan koo onsaa


Faaya kennaa addaan

 Uumaan tolchee uume

Otoon akka shaamaa

Sumaaf baqee dhume


Otoo siif eegduu tahee

Si na eegsisanii

Otoo cinaa kan kee

Ana teessisani


Otoon carroometoo

Duukaa kan kee buhe

Harka keetti qorree

Harka keetti du'e

GAAFAN DU'EE SIIDAA KOO IRRATTI MAAL JETTANI BARREESSITU?

Guyyaa tokko namicha tokkotu daw’iidhaaf gara Amerikaa deeme jedhama. Biyyicha keessa olii fi gad deemee erga daw’atee booda dhuma irratti s...