OFITTI AMANAMUMMAA ( SELF CONFIDENCE)


Miira ofitti amanamummaa jabaa qabaachuun, hojii hojjetamuuf milkaa'ina nama gonfachiisuu keessatti gahee olaanaa qaba.

Haalonni fi sababoonni gara garaa ofitti amanamummaa keenya irratti dhiibbaa hammamii yoo godhanillee, ofitti amanamummaa keenya dagaagsuuf tuqaaleen kana gaditti heeraman fala ta'u.

1. Haala uffannaa gaarii gochuu ( Dress sharp) 

Calaqqeen qaamaa, fi haalli uffannaa  nama tokkoo, waan kamiyyuu caalaa waa'ee nama sanaa tilmaamsisuu keessatti gahee guddaa qaba. Qulqullinaa qaamaa fi uffataa, rifeensa  akkanuma areedaa haalaan qiinqimachuun calaqqee qaamaaf warreen hangafaati. Kana yeroo jedhamu uffata gatii jabeessa bituuf maallaqa hedduu balleessuu jechuu miti. Garuu, uffata  rakasaa  hedduu qaabaachuurra kan qabaatan qulqullina (quality) kan qabaatee fi yeroon isaa kan eeggate ta'uutu filatama.

2. Yeroo deeman bifa saffisaan guuteen deemuu (Walk faster)

Namoonnii ofitti amanan mataa isaanii ol qabanii saffisaan adeemu.

3. Dhaabbii qaamaa gaarii qabaachuu( Have a good posture) Salgiin walitti hidhamuun deemsa mudhukaa deemuun ofitti amanamummaa dhabuu agarsiisa. Faallaa kanaa, qaama soroorsuun mataa ol qabatanii deemuunii, fi yeroo haasawaa godhan ija ija keessa ilaalaa haasahuun agarsiistu ofitti amanamummaa qabaachuuti.

4. Waa'ee ofii ofitti beeksisuu ( Personal communication)- Cimina ofii ofitti himuu

5. Galateeffannaadhaan guutuu ta'uu ( Have a gratitude)

6.  Namoota biroo wa'ee gaarummaa hojii isaaniif ajaa'iibsiifachuu ( Complement others)

7. Yeroo walgahii fi daree baratan keessatti taa'umsa fulduraarra taa'uu ( sit in the front row)

8. Yeroo haasaa waltajjii taasisan sagalee ol kaasuun dubbachuu ( Speak up)

9. Sochii qaamaa walitti fufaa hojjechuu ( Work out)

10. Gumaacha gochuu irratti xiyyeffachuu ( Focus on the contribution)

No comments:

GAAFAN DU'EE SIIDAA KOO IRRATTI MAAL JETTANI BARREESSITU?

Guyyaa tokko namicha tokkotu daw’iidhaaf gara Amerikaa deeme jedhama. Biyyicha keessa olii fi gad deemee erga daw’atee booda dhuma irratti s...