Qabxiilee murtessoo asii olittii eraman kanneen dhugoomsudhaaf qabeenya kee guddaa ati qabdu tiksuun immoo dirqama keeti. Qabeenni guddan sun immoo sihuma mataa keeti. Yeroo of jijjiirtee kaayyoof yaada kee galmaan gahuudhaaf carraaqxutti kallattii afuriin madaala kee eeguu qabda. Tokkoffaan Qaamaan (Physically), Lammaffaan Miira Keetin ( Emotionally), Sadaffaan Sammuu keetiin ( Mentally) Afraffaan immoo Amantii ( Spiritually).
Qaamakee
Sochii qaamaa godhuudhaan, Boqonnaa fudhachuudhaan, Nyaata keetis sirnaan nyaachudhaan haaromsi;
Miirakee
Namoota waliin jiraattufi hawaasa keessa jiraattu waliin hariiroo gaarii uumudhaan haaromsi;
Sammuukee
Barachuudhaan, Dubbisuudhaan, Barreessudhaan akkasumas barsiisudhaan haaromsi;
Amantaakee
Uumaa Rabbii dinqisiifachuudhaan, Kophaa kee teessee of dhageeffachuudhaan, Rabbiif Salaatuu/ Sagaduudhaan, Tajaajila bilisaa kennuudhaaniifi wantoota kana fakkaatan godhuudhaan of haaromsi
Kutaa 6ffaa Ilaali
No comments:
Post a Comment