Showing posts with label jaalala. Show all posts
Showing posts with label jaalala. Show all posts

ACHUMATTI WAL AGARRA


Gaaf tokko ganama namichatu haadha manaasaatiin"har'a aramaa xaafii deemnee waliin aramaa oolla!"jennaan"tole! Garuu amma hojii xiqqoon qaba hojii kana fixeen dhufa,ammasitti itti ba'i!"jetteen. Namichis hin turin."achumatti wal agarra!"jedhee deeme.Otuu balbala warra ollaasaa bira darbuu dubartii qofaashee mana jirtu argee itti ol gale.

Abbaan manaashee eessa akka jiru erga qoratee baree booda akka ishee jaallatu itti himee.Akka waliin ciisanis gaafate amansiifate isheenis tole jetteefi akkuma sireerra ga'aniin abbaan manaa bakkeeti balbala rukute.Isheenis namichaatiin"ariitiidhaan siree jala dhokadhu!"jettee abbaamanaashef balbala banuu deemte.Abbaan manaashes akkuma mana seeneen gabaa deemtee waan tokko tokko bittee akka deebitu ajaje. Akkuma isheen manaa baateen immoo dubartii bakka hojii dhaquuf balbala isaani cinaa darbuu dhuftu tokko argee gad itti ba'ee gototee ol galchate.

Lamaanuus akkuma gara siree ga'aniin,haati manaa waa'ee namicha siree jala dhoksitee baateef waan sardamtuuf, daddaftee bitattewaan halle karaarraa bittee galte. Dhuftees balbala rukunnaan abbaan manaa dubartii isa bira jirtu sanaan"dafii siree jala dhokadhu!"jedhee haadha manaa isaaf balbala banuu deeme.

Isheenis yeroo siree jala seentu abbaan manaashee mormashee qabee"ati maal barbaacha as dhufte?"jennaan isheen immoo abbaa manaashee ta'uu bartee naasuudhaan"ati ganama achumatti wal agarra"naan hin jennee?"jetteen jedhama!

Jaalallee qabaatanii halkaniif guyyaa gadduu hiriyyaa nama dhiistee akka niitoorkii badduu


Jaalallee qabaatanii halkaniif guyyaa gadduu

Hiriyyaa nama dhiistee akka niitoorkii badduu

Galgala si beellamtee ishee ganama dhuftuu

Yeroo ati bilbiltuufiis gurrarratti si cuftuu


Ishee na waliin teessee mala narratti maltuu

Guyyaa na bira ooltee osoo hin buliin galtuu

Ishee waadaa naaf galtee raawwachuummoo dhiistuu

Sireedhuma tokkorratti achi garagaltee ciistuu


Durba  jaalala hin beekne sobaan sammuu gooltuu

Ishee yeroo hunduumaa oliif gadi jooraa ooltuu

Ishee mirgaan dhageessee gurra bitaatiin yaastuu

Ishee na bira teessee bilbila biraa kaastuu!


Narraa qabi uumaa koo sittiin boo'a waaqa koo

Natti qabuu hin dagatiin dubara beektuuf jabduu

Mucaa maatiin guddisee ishee durbummaa qabduu!

HANGAA YOOMITTI? Xalayyaa jaalala kan baay'ee addaa ta'ee

Si haa ga'uu nagaan jaalalaa koo bakka ati jirtu hundaatti, Shamshamee koo guyyaan si barree kaasse hangaa yoonnatti yoon si jaaladhes ati garuu taasumaa akkan si jaaladhuus baruu hin dandeenye. Eggaa annis hangaa yoomitti bifa kanna deddebi'aa. Hngaa yoomittis abdiin si egaa? Seekondiin yerootti yeron guyyaatti, guyyaan torbeetti, torbeen ji'aatt, ji'ii walliitti dabalamee waggaa jechuun bara lakkosissee. Ani garuu, utummaan jaaladhu dhabbadheen hafee. Sochiis nan dhabbee. Guyyaa. Sin waal baree gammachuun guuttamee jireenya harraa jirachuuf abdiin guutame. Har'aas tannaan abdii kutuu dadhabbeen fannaa kee egaa bahuufi galuu keen hordofaa. Ammaa moo ammaa tole naaf jetta jechuun si barbadaa. Sila waa'ee isa galgalaa dhisiu hangaan maradhee mana bahuutti na fiigsaa yaadnifi qalbiin koo hundii sumaa yaada. Yaada qofa natti ta'ee gonkummaan si argachuu hin dandeenye. Marree egaa hangaa yoomittan si egaa??? Gaaffi kooffis yoomin deebii argadhaa? 

___________________

Namni waa'een jaalalaa isaaf galee jaalalaa hin tuffaattuu. Jaalali waan hundaa oliidhaa. Seerri waaqeffannaa kamiyyuu jaalali wantaa hundaa ol akka ta'ee ni amanaa. Sababni isaa Uummamaa ummamtoottaa kan ta'ee Gooftaa iyyuu sababaa jaalalaaf dhufee addunyaa garbummaa Seexannaa jala bilisaa basee. Kannaaf wantaa hundaa qabnee jaalalaa hin qabnuu tannaan nutti akka Sibilaa rukkunnaan iyyuutti, akkaa sbilaa iyyuuttis. Iyyuu malee fayyidaa biroo hin kenniuu jechuudha. Yoomiyyuu tannaan kan jaalalaa dhugaan jaalttee basee himachuu hin sodattuu. Basee hin himattuu tannaan maalif jaalatterree. 

JAALALAA DHOKSAA MANNA JIBBAA MUL'ATUU wayyaa. Dhoksaannii du'uu mannaa dubbaattanii du'uu wayyaa. 

Maree anis hangaa yoomitti si kadhachaa jiraadha? Moo maalif dhoksaatti na jaalattaa?

_______________


Ani baseen sitti himaadhee,

Maalif dhoksaatti na jaalattee,

Boriif jechaan si abdadhee,

Maalif daftee nan na gantee,

__________________

Lama hin tannu tokkoo malee,

Si hin dhisuu du'aa malee,

Jechuun yeroo hundaan sitti himee,

 Ammaa garuu abdii kuttuu?

Hangaa yoomi jechuu dhisuu?

_______________     

Kannaf jaalalee koo waan hundaa dhisee ammaas sin egaa hangaa yoomitti jechaa itti fufaa? Moo maal naf maalta? Hangaa ati Xalayyaa kana naaf deebistutti HANGAA YOOMITTI jechaa abdiin sin eggaa. Deebii kee hangaan argadhutti hiribaas hin rafuu abjuus hin argadhuu.

___________    

Nagaatti Kan si jaalattu,

Abdiin kan si eggattuu,

Beekumsaaf ni beektaa,

Maqaa koos ni dhoftaa,

_____________________

Abdii lammi isa jabbattaa akka abbaa isaa,

Dafee si hin dhisuu garaan na rorrisaa,

Abdiin si argachuuf obsummaan caaldhisaa,

Oromtichaa boonaa jabbaattaa mancassaa!!!

Tarkanfachuun duraa hubbannaan ejjeedhu


Ofii qabanneeffaattee Gubbanaa laphee nàaf latte,

Dhugaa koo dhoksittee Soban naa darartee,

Gaafiin si gafadhee Bakka itti sif laadhee,

Jettee na sobuun kee gaariin amaala kee,

Dubbannaan afaan kee gowomsaan gochaa kee,

Hedduu nan na dhibaa raafellee damaqee.


Xura’aa laqqatee Karaarraa erga kaatee,

Sobnii dhugaa ta’ee maaf sitti mul’attee,

Na go'omsuu yaaltee haalla sirreeffaatte,

Amaala kee gattee sobaniis of faaltee,

Kijibbaan guddattee dhugaadhaan xiqqattee,

Osoo hin argattiin garaa gumbii gootte,

Bookoktettu teesse wandaboo marattee,


Isaa sobdu maale sobaamuu kee hin beektuu,

Isa gattuu malee gatamuu kee hon beektu,

Jaalalaafis tannaan addunyaan guutuudha,

Shamaraafiis tannaan midhagduun hedduudha

Haqnii haqaadha addunyaan bal'aadha,

Jaalallo baay’eedha kee kun naaf rakkoodha!!!


Kun sirra hin eegamu dhugaan haa beekamu,

karaan adeemamuu gaddaan xumuramuun,

Jaalala bor dhumuuf haar’aa balleessamuun,

Wantaa bor argamuuf haar’aa dararamuun,

Sittin hin eggallee gabbaanii deebi’uun


Kanatti gammadare sitti garaan aarree,

Sobaaf hin jiraadhuu gadheef harkaa hin laadhu,

Eenyummaa koo dhisee kan biraa hin filaadhu,

Kan nagoottees dhisee lammuu sin jaaladhu,

Dhifamaa sin goodha akka nama tokkotti sirritti jiraadhu,

Kan si achiif garuu karaa kee filaadhu,

Jal’aadhafi qajeellaa addaan baafadhu,

Osoo hin adeemiin sitti akkeekkaadhu,

Tarkanfachuun duraa hubbannaan ejjeedhu,

Si wajjiinis ta'un bultii ijaaradha

Jaalali dhugaan dhumaa hin qabu

Bareedinni dhugaan tasa hin darbu

Kan Waaqni eebbissee takkaa hin gabbuu

Kan ifaa mul'isuu Waaqa hundaa qabu


Akkam nagaa bultee ati nagaa kan qabdu

Baay'een si jaalladha bara baraan jiraadhu

Gammachuu jabaata ati yeroo hundaa argadhu


Dhara bahuun dadhabee Si walliin haasa'ee

Kannafaan bilbilee lamataa sadaffaa deebi'ee.

Osoon hedduu him yaaddin yaadi kee naa cimee

Akkan dhara hin bannes nan jette qabamee


Si filaachuun kiyyaa isa darbuuf miti

Jabannee jiraannee waalin bultii ijaarree

Ilmaannis horaanne sin jechuuma kootti

Yaadi kee silaa gonkaa nan teesisu

Karaa deemu hundaa ijaan si barbaadaa

Kanan arguu hundiis sumaa natti fakkataa


Sobaa kan hin qabnee dhugaa isan dubbaadha

Enyumaa olittis hedduun si jaalladha

Jireenya koo boorif hedduun si abdaadha

Nagaan naaf jiraadhu ani egeree keedha

Barri yoo fagattees gaaf tokkoon si fuudha

Si wajjiinis ta'un bultii ijaaradha!!!

NAMA TA'U YOO BARBADEE!

1 Jechaa Obsaan Dabarsii!
2 Beela Kolfaan Dabarsii!
3 Rakkoo Taphaan Dabarsii!
4 Yeroo Hojjin Dabarsii!
5 Amma Bakka Galmaa Kee Gessutti Jaalalee Qabaachuf Hin Ariifatin!
6 Akka Naman Ta'a Osoo Hin Taane Akka Koon Ta'aaf Hojjedhu!
7 Hiriyyaa Hin Baay'issin, Sabaabni Isa Hiriyyan Nyaattu Yerootti!
8 Yaada Hin Baay'issin, Sabaabni Isa Yaadni Nyaattu Sammutti!
9 Galmaa Kee Gahuuf Rabbin Kadhaadhu!
10 Yeroo Dadhabdee Xiqqoo Boqod

Bareedni kees adda si ilaalees hin quufu


Najjoo marsee roobe arjo gubbaa cabbii

Yaadni kee na koobe akka gubaa jabbii

An siinan damboobe isa dhugaa Rabbii!


Amboo roobee jiisnaan Maqaleerraa caame

An xaxadhee ciisnaan urrrarraa nawaame

Akka caba lafee lubbuutti nawarga

Halkan baddaa rafee dakattan of arga


Yoom dhuftaa keen eegaam akka diyaaspooraa

Ana nama deegaaf taphatteetta shoora

Yeroon si daawwadhu nyaara keetu kuula

Danda'een dhaabbadhu dachetu naan guula


Miira kootu madda foolii kee yoon suufu

Bareedni kees adda si ilaalees hin quufu♥

Anatu si fedhee natu si jaalate

Anatu si fedhee natu si jaalate

Bareeda keetini onnee na boojite

Simbo-qabeettittii kuullee afaan dammaa

Guyyuun si dharra'a si'umaafan dhimmaa


Ani si jaaladhe jaalala onneerraa

Situ giiftii tiyya uumama hundarraa

Hunda caaltuu wayii haadha bareedinaa

Yoomuma naaf dhufta yoom wal arginaa


Karaa irraa gorraan innis si sirreessu

Waan gaarii hojjannaan inni si jajjabeessu

Gufatteetoo kufnaan kan si kaasu lafaa

Cabakeef dhiphatee kan siif cabu nafaa


Inni dirqii malee onneen si jaallatu

Inni kufee ka'ee si waliin jiraatu

Isa laali hirbuun kee guutaan cinaa bitaa

Isa darbiteetoo waaqa ni komattaa?

Sin jaalladha damma koo yaa ishee qixxee lubbuu koo

https://fearlessoromoo.blogspot.com
Sin jaalladha damma koo yaa ishee qixxee lubbuu koo

Sirraa fagaattee turuu hin dandeessuum onneen koo

Dhugaaniin si jaalladha karra onnee koo tarsasee

Qalbiin koo gaf hundumaa gama keetti na kaasee


Jaalala sobaa hin beeku kan fashiniin mancaase

Tokkitittii lubbuu koon gad fuudhee sif galaase

Simalees homa hin hawwu lapheen koo suma baata

Haala kamiin keessattuu onneen koo si dheebota


Atis narraa hin fagaatin shurrubbee koo kuulani

Surraama kee kanasoo ilaalanii hin quufanii

Akka baraati jettee fashinii itti basiini

Jaalala keenya lachuu hamtuu gidduu hin baasini


Ofitti na qabadhuu jaalala dhugaa fudhu

Tasayyuu dogongoree ormaaf onnee koo hin laadhu

Waa'ee jaalalaa keenyaa kan ormi ittin sirbuu

Nan yaadadhaa guyyaa gaaf wali seenne irbuu


Jaalalii koo akka bishaani yoo dhangala'ee garmalee

Kophaa koo midhamee hin hafuu ni qoodata malee

Anis keetii atis kan kootii jirachuun kee naf jirenyaa

Lubbuu wali kunuusinee bakka garii wali keenyaa!!!

Guyyaan tokko ni dhufa garuu kanatii imimmaan harcaaftuu


Jaalala keetiif jedheen hiriyyaa meeqan ganee

Ni amanamta jedheen onnee koo siif banee

Garuu gaararraa taateeti jaalala koo na salphiistee

Sin jaalladha naan jettee onnee maaf na dhiphiistee

Mee maaluma qaba garuu yoo natti himtee na dhiistee


Maalumaaf jaalala sobaa ofii dhugdee machooftaa

Gola onnee kee keessatti dhiira meeqa naqxee hooftaa

Hundumatti kokkolfaa deemtaa ilkaan kee manii keessa taa'uu

Yoo na dhiiste ni dhiista malee jaalala sobaan hin machaa'uu


Takka balleessaa hin qabdu dhiis anatu farda koo faalee

Anatu gabaa kee siif kaasee akkuma waaqaatti si ilaalee

Anatu mataarra si ka'aatee ati balleessaa hin qabduu

Waan na goote hundumaa gatii gaaf-tokko dhabduu


Aniis garaa siif kutadheeraa lammaffaa maqaakee dha'uu 

Miidhamuun onnee kootii suma irratti na haa ga'uu 

Utuun baayyee si jaalladhuu jaalala koof bakka dhabdee

Utuun baayyee si jaalladhuu nama kan biraa jalqabdee...


Maal gaafattee narraa dhabdee utuun jaalala keef cabee dhiiguu

Waadaa jaalalaa kee eeguuf jedhee utuun dachaaf gaara kutee fiiguu

Gufuu karaa keenya dura jiruu utuun hidda mataa kaasee diiguu

Imaanaan keenya ganamaa harra maaf namnii nyaatee

Aniis qofummaattan hafee atiis kan abbaa qarshii taatee


Maalumatu sitti dhaga'aama gaafa waa'ee koo-fa yaadduu

Maalumaaf jaalalan na qabdee gaafa qoraan malee na waadduu

Atiis anaaf nama xumuraa mitii simalee sagaltamii-sagaliin qabaa

Utuuma waanti fedhee dhufeeyyuu dhugaa rabbii kennaa koon dhabaa


Mee maalumaan si godhee kan jireenya koo mancaaftuu

Guyyaan tokko ni dhufa garuu kanatii imimmaan harcaaftuu

Kan lafarraa foqoqaa at gabbitee deebitu

Anan malees taasa kan bira hin ilaaltu!!

Ibsituu jireenya koo kan gaafa rakkoo baatuu


Ibsituu jireenya koo 

Kan gaafa rakkoo baatuu 

Onneen kiyya lubee koo 

Si malee ormaan naatuu 


Boriif akeekeen deemaa 

Yaadadhee kaleessa koo 

Karaa hundumaa seentee 

Dhuunfatteetta keessakoo


Abbaan barbaade jibbaaf 

Nutti darbatus hokkoo 

Gonkumaa addan baanuu 

Nu lamaan dhiiga tokkoo 


Jaalalli lakkuu dhalee 

Jinniin jibbaa haa iyyuu 

Onnee koo irra fudhee 

Sin jaalladha yoomiyyuu

Si wajjiin jiraachuf haalla hundaa mijeessa


Waan fedhan jedhanii yoo odeessan oduu

Jecha namaaf jedhee anoo siyyuu hin oodu

Ergan si filadhees danuu jiran keessaa

Si jaallachuu kiyyaa yoomuu nan odeessa


Garaan koo si malee hin yaadu kan biraa

Onnee koo amansiisee an si faanan jira

Arrabnikoo si faarsee hin quufu tasumaa

Hamataan yaaduma ofumaa gunguma


Har'as sin jaalladha akkuma kaleessaa

Gomattuu jaalalaan garaashee bobeessa

Si wajjiin jiraachuf haalla hundaa mijeessa!!

Urgooftuu jaalala kee kottuuttii anatti biifii


Jaalalake dubbachuuf 

An jechan dhabe siifii 

Urgooftuu jaalala kee 

Kottuuttii anatti biifii....! 


Hin fagaatiin anarraa 

Keessi koo si barbaaddii 

Suma bira teesseeyyuu 

Onneen kiyya si yaaddii! 


Jaalala haqaaf qulqulluu 

Baraanuu sin baachisaa

Halkanis ta'u guyyaa 

Waa'ee kee na yaachisaa! 


Abbaan fedhe gungumee 

Abbaan fedhe haa iyyuu 

Naaf jiraadhu gugee koo 

Sin jaalladha yoomiyyuu...!

Keessi kee yeeyyiif bofaa Irrikee gogaa hoolaa


Anoon beeku dhuguma 

Dhibee kee wanta aadduu

Fuulduraan na faakkaattee

Duubaan orma isa yaadduu


Keessi kee yeeyyiif bofaa

Irrikee gogaa hoolaa

Yaadni kee fagoo fagoo

Qaamaan na bira oolaa 


Sin jaalladha naan jette 

Na sossobdus jechaanii

Waaqni jaalala dhugaa

Siif deebisaam dachaanii


Arguuf jira dhumakee

Lakkaa'ee guyyaaf baatii 

Sareen iddoo lamaa nyaattuu 

Kan waraabeessaa taatii


𝐒𝐚𝐛𝐛𝐨𝐨𝐧𝐭𝐮𝐮 𝐊𝐚𝐦𝐢𝐬𝐞𝐞 𝐊𝐚𝐧 𝐖𝐚𝐥𝐥𝐨𝐨 𝐟𝐢 𝐖𝐚𝐥𝐥𝐚𝐠𝐠𝐚𝐚


𝐀𝐬𝐡𝐚𝐦 𝐀𝐬𝐡𝐚𝐦 𝐉𝐞𝐧𝐧𝐞𝐞 

𝐖𝐚𝐥𝐢𝐢𝐧 𝐍𝐲𝐚𝐚𝐧𝐧𝐚 𝐃𝐡𝐚𝐧𝐠𝐚𝐚

𝐒𝐚𝐛𝐛𝐨𝐨𝐧𝐭𝐮𝐮 𝐊𝐚𝐦𝐢𝐬𝐞𝐞 

𝐊𝐚𝐧 𝐖𝐚𝐥𝐥𝐨𝐨 𝐟𝐢 𝐖𝐚𝐥𝐥𝐚𝐠𝐠𝐚𝐚


𝐀𝐚𝐝𝐚 𝐊𝐞𝐞𝐧𝐲𝐚 𝐃𝐮𝐫𝐢𝐢 

𝐒𝐢𝐧𝐛𝐨𝐨 𝐌𝐢𝐢𝐝𝐡𝐚𝐠𝐢𝐧𝐚𝐚

𝐎𝐟𝐢𝐢𝐟 𝐆𝐚𝐚𝐫𝐢𝐢 𝐆𝐨𝐝𝐡𝐚𝐚

𝐎𝐥𝐥𝐚𝐚𝐟𝐢𝐬 𝐍𝐢 𝐇𝐚𝐰𝐰𝐢𝐧𝐚


𝐒𝐢𝐧 𝐉𝐚𝐚𝐥𝐥𝐚𝐝𝐡𝐚 𝐀𝐚𝐝𝐚𝐚 𝐤𝐨𝐨

𝐀𝐝𝐚𝐚 𝐀𝐫𝐠𝐚𝐚 𝐃𝐡𝐚𝐠𝐞𝐞𝐭𝐭𝐢𝐢

𝐀𝐧𝐢 𝐇𝐮𝐧𝐝𝐚𝐚𝐧 𝐉𝐚𝐚𝐥𝐚𝐝𝐡𝐚

𝐆𝐚𝐫𝐮𝐮𝐧 𝐇𝐢𝐧 𝐉𝐢𝐫𝐮 𝐀𝐤𝐤𝐚 𝐊𝐞𝐞𝐭𝐭𝐢


𝐇𝐚𝐫𝐤𝐚 𝐖𝐚𝐥 𝐅𝐮𝐮𝐧𝐞 𝐁𝐚𝐚𝐧𝐚

𝐆𝐚𝐧𝐚𝐦𝐚 𝐆𝐚𝐚𝐟𝐚 𝐁𝐚𝐚𝐧𝐮𝐮

𝐄𝐞𝐛𝐛𝐚 𝐀𝐛𝐛𝐨𝐨𝐭𝐢𝐢𝐧 𝐖𝐚𝐚𝐧 𝐁𝐚𝐚𝐧𝐮𝐮𝐟

𝐆𝐮𝐟𝐮𝐮𝐧 𝐉𝐚𝐥𝐥'𝐨𝐨 𝐍𝐮𝐧 𝐃𝐡𝐚𝐚𝐧𝐮


𝐊𝐚𝐧 𝐀𝐦𝐦𝐚𝐚 𝐃𝐡𝐢𝐢𝐭𝐞𝐞 𝐃𝐚𝐫𝐛𝐚

𝐉𝐚𝐛𝐚𝐧𝐚𝐚 𝐒𝐚𝐟𝐮𝐮 𝐐𝐚𝐛𝐮

𝐎𝐭𝐨𝐨𝐧 𝐁𝐞𝐞𝐤𝐢𝐢𝐧 𝐀𝐤𝐤𝐚𝐓𝐚𝐬𝐚𝐚

𝐂𝐚𝐛𝐚 𝐉𝐚𝐥𝐥'𝐢𝐧𝐚𝐚 𝐂𝐚𝐛𝐮  

Sin ciniina maddii kee foxxoqsee


Hidhii bildiima kanaafi 

Guntuta akka qadaaddii qabeen

Kununseen si bulchaa 

Gudeeda koon si qabee


Irree kee na borafachiisi

Bakka aara galfii kee dhaqii

Warqee koo naf diimadhuu

Jaalala kootiin baqii


Motii kiyyaa onneerraa

Sin hammadha goggogsee

Dhungadheen yoon si quufuu dhabee

Sin ciniina maddii kee foxxoqsee


Akka ibiddaa barruu miilaa jalaa

Dheebuu keeti kan na waaduu

Jaalala keetif malees 

Waraansa  kamiifuu hin aaduu


Dhugumas sin jaaladha

Garaa guutuun si amanaa

Gonkumaa hin dhagahuu

Hursaa gamaa gamanaa


Dhaabbii toleessa gootaa

Kan namatti tolu fuullii

Kan butee ofitti nama fiduu

Kan kee cimaadha guullii !!!

GAAFAN DU'EE SIIDAA KOO IRRATTI MAAL JETTANI BARREESSITU?

Guyyaa tokko namicha tokkotu daw’iidhaaf gara Amerikaa deeme jedhama. Biyyicha keessa olii fi gad deemee erga daw’atee booda dhuma irratti s...