TOOMAAS SAANKAARAA EENYU?



Cheguvericha Afirikaa TOOMAAS SAANKAARAA

Umrii isaa 33tti aangoo qabate.Waggoota afuriif biyyittii bulche(1983-1987).Maqaa biyya isaa bara kolonii Faransaay Apper Voltaa(Upper Volta) jedhamaa ture Burkinaafaasootti jijjiire.

Lammiiwwan biyyattiis Burkinaabee jedhamanii akka waamaman taasise.Burkinaabee jechuun namoota qajeeloo jechuu yoo ta’u,Burkinaafaasoon biyya namoota qajeeloo akka jechuuti. 

Leellisaa Paan-Afrikaaniiziimiiti. Imperiyaalizimiif jibba olaanaa qaba. Kunis,ilkaan biyyoota dhihaa keessa isa galchee ture. Jechasaa ‘He who feeds you, controls you’jedhuun beekama. Callaan jechichaa, kan si sooretu si to’ata jechuudha. Kanaafis, gargaarsa alaa kamuu hinbarbaadu jedhe. Akkuma jedhes humna biyyaa ijaare.

 Bu’uraalee misoomaa adda addaa humna biyyaatiin waliin gahe. Barnoota, geejjiba, fayyaa irratti baldhinaan hojjete. Umrii ji’oota sadii keessatti lammiilee biyyattii 35,000 ol ta’an barnoota bu’uuraa barsiisuun barreessuufi dubbisuu dandeessise.

 Waggoota afur biyyattii bulche keessatti uwwisa barnootaa biyyattii % 13 irraa gara % 73tti ol guddise.Torban tokko keessatti daa’imman biyyattii miliyoona 2.5 ta’an talaallii dhukkuboota garagaraa akka argatan taasise. Abbootii qabeenyaa irraa lafa fuudhee qonnaan bultootaaf hire.  Kanaanis, nyaaataan akka of danda’an taasise.

Aangoon isaaf ummata tajaajiluudha. Akkuma nama kamuu jireenya gadi aanaa gaggeessaa biyya bulchaa ture. Konkolaataa dulloomtuu tokko, saayikilii tokko, gitaarota sadiifi wantoota bu’uraa namni kamuu jiraachuuf barbaadudha qabeenyi isaa. Ijoolleen isaa mana barnootaa mootummaatti ijoollee hiyyeessaa waliin baratu. 

Geenneen biyyattii (haati warraa isaa) qacaramtee hojjettuu mootummaa tahuun hojjetti. Ministiroota biyyattiis jireenya irraa hafaa barsiifatan dhiisisee galii biyyatti hundaan jijjiirama biyya isaa irratti xiyyeeffate. Kun hundi hojiiwwan inni bara bulchiinsaa isaa waggaa 4tti hojjete keessaa muraasadha.

Lafti namoota qajeeloofi onneerraa biyya isaanii jaalataniif yeroo dheeraa hinkennitu.  Onkoloolessa 15, 1987 shira nama waahila qabsoo isaa ture Bileeyiz Kampaworeetiin fonqolchi mootummaa irratti taasifamuun ajjeefame.Dargaggeessichifi qabsa’aan sabaa yaadaafi jaalala biyya isaa waliin umrii 37tti  dacheerraa gargar bahuuf dirqame.

Cheguvericha Afirikaa TOOMAAS SAANKAARAA

No comments:

GAAFAN DU'EE SIIDAA KOO IRRATTI MAAL JETTANI BARREESSITU?

Guyyaa tokko namicha tokkotu daw’iidhaaf gara Amerikaa deeme jedhama. Biyyicha keessa olii fi gad deemee erga daw’atee booda dhuma irratti s...