Sin yaadu seetee bar hedduun si yaada
Har'a qofaaf miti boriif sin barbaada
Halkan waarii ka'een bilbila koo darara
Text keen hawwee naaf kottuka hadaraa
Bilbila lafa hin kaa'u naaf bilbiltaan eega
Akkattaan jiraadhu anifi rabbiitu beeka
Har'a si dhabus of cinaa nan eega guyyaan jira
Eessa badde jedhaatoo sinis naaf barbaadaa yaa fira
Dhugaadha ni dhufta abdiinan si eega
Sin jaaladha kiyyaa koo onneen keettu beeka!!
No comments:
Post a Comment