Showing posts with label history. Show all posts
Showing posts with label history. Show all posts

Seenaan Maal Nuun Jedhaa?

 



Karaa itti dhaloonni dhalootaafi ta'ii kaleessaa ittiin mil'achuu danda'u inni ijoon seenaa keessaani. Kunimmoo, duubatti deebi'anii waa ilaaluu, qorachuufi sakatta'uu irraa dhufa. Bifa kanaanis dhaloonni itti fufa. Dhaloonni kaleessaa darbee jira, garuu waan inni dhiisee darbetu jira. Kana hunda seenaatu of keessatti baata. Kanaafuu, seenaan maal nuun jedha? Maaltu? Seenaa!

Akkuma dhaloonni kaleessaa nama isaa qofaa hintaane, inni har'aas nama waan ta'e qofaaf ulaagaa dhalootaan hinwaamamu. Namniifi dhaloonni waliif maal akka ta'an beekuuf immoo, beekumsa dhalootaa qabaachuun ijoo dubbiiti. Sabni tokko dhuunfaadhaanis ta'e gamtoominaan jiraachuu kan danda'u, yoo beekumsi dhalootaafi yeroo darbee jiraatedha. Namni beekumsa seenaa hinqabneefi faayidaa seenaa hinbeekne quuqqaan eenyummaa itti hindhagahamu; murtii sirrii ta'e fudhachuufis ni hadooda. Murtiin inni fudhatus immoo faayidaan ala ta'a. Sabni tokko yookaan namni tokko, waa'ee eenyummaa isaa baruufis ta'e walitti dhufeenya sabni waliin qabaachaa tureefi jiru baruu kan inni danda'u yoo seenaa isaa kan darbe beekne qofa. Namni tokko dogoggora ofii sirreessee karaa dhugaa ta'etti godaanuu kan inni danda'u, seenaa darbe yoo beekedha. Kana ta'uu baannaan, badii seenaa darbee deebisee dalaga. Jireenya ilmaan namootaa seenaa darbe keessatti kaafnee yoo ilaalluu baanne, kan har'a irra jirru baruufis ta'e hubachuuf ni rakkanna. Kaleessi yoo hinjiraanne har'i hinjiru. Akkanuma, har'i yoo hinjiraanne boru hinjiru; akka dhufus yaaduun hindandaa'amu. Kanaaf, isa har'aa baruufi kan boruu tilmaamuuf isa kaleessaa qorachuun barbaachisaadha.
Sochiin uummataa yeroo darbetti godhame, cunqursaan isa humna qabuun isa humna hinqabne irratti adeemsifame, ilaalchi siyaasaa, wa'een aartiifi aadaa, muuxannoon barnootaafi amalli namaa hundi bu'aa isa darbeeti. Kanaafuu, waan ta'ee darbe tokko jala miliquu hindandeenyu. Wanti ta'ee darbe tokko ta'ee darbeera; har'a hinjiru. Garuu, wanti inni dhiisee darbetu jira.
Duubatti deebinee yoo ilaalle, seenaan Oromoo yeroo dheeraaf bifa barreeffamaan katabamee ifa hin taane icciitiidhaan tureera. Kanaafis, sababa adda addaa kaasuun ni dandaa'ama. Kunis, abbaa seenichaa kan ta'e Oromoon carraa barnootaafi aangoo siyaasaa argatee mirga afaan isaatiin baratee seenaa isaas ta'e aadaa isaa barreessuu hindandeenye ture. Oromoonni carraa barnootaa argatanii seenaa isaanii dhugaa barreessuuf tattaafachaa turanimmoo, gufuu guddaatu isaan quunnamaa ture. Aarsaa isaan irraa barbaachisu hundaas kanfalaa turani. Kan hafemmoo nuyiifi nutti dhiisani. Yoo hindirmanne seenaan maal nuu jedhaa?

 

Anaa mooji.
Ormi waa'ee keenya balleessuu danda'a, garuu nuuf tottolchee barreessuu hindanda'u! Akka nuuf tolchuufis eeggachuun gowwummaadha. Nuhuma irraa eegama. Qaama biraa eeggachuunis hintaatu! Seenaan saba tokkoo nama sabicha keessaa dhalateen osoo barreeffamee wayya jedhamee akkuma amanamu sana,...nuhuma irraa eeggama. Sababiin isaas, aadaa, duudhaa, afaaniifi maalummaa sabichaa kan nama saba sanaarra beeku hin jiru. Dhuguma!
Gama biraatiinis, kan barreessu dhiibbaa ilaalcha siyaasa adda addaa irraa walaba ta'ee yoo hinbarreessine, seenaa dhugaafi dhugaatti dhiyaate barreessa jechuun hindandaa'amu. Komii akkanaa jalaa bahuufis, of eeggannoofi xiinxallii cimaa ta'een gargaaramuun dirqama. Kunimmoo kan dandaa'amu, duubatti deebi'anii seenaa darbe yoo haalaan qoratanidha. Kanatu fala! Dhaloonis kan itti fufuu danda'u akkanaani. Eeyyeen, dhaloonni walitti ida'ama kaleessaa, har'aafi boruuti malee ta'ii yeroofi bara muraasaa qofaa miti. Kanaafuu, dhaloota seenaa qoratanii kan kaleessa dhabe sirreessan, isa ta'us itti fufsiisanii jireenya hiika qabu dhaloota dhufuuf dabarsan taanee haa argamnu! Yoo kana hintaane, gaaffii seenaa jalaatti hafna.

Wabii: -Seenaa Oromoo Hanga Jaarraa 16ffaa
- Seenaafi Qabsoo Oromootaa

GAAFAN DU'EE SIIDAA KOO IRRATTI MAAL JETTANI BARREESSITU?

Guyyaa tokko namicha tokkotu daw’iidhaaf gara Amerikaa deeme jedhama. Biyyicha keessa olii fi gad deemee erga daw’atee booda dhuma irratti s...