Showing posts with label gadaa. Show all posts
Showing posts with label gadaa. Show all posts

DURBUMMAA ~ Virginity


☑️  Waa'een durbummaa kana keessattuu gaaffi jabduu kan taate kan akka kiyyaa fb kana gubbaarraa xibaaraa oolludha. Dhageenyee malee dhandhamnee waan hin beekneef halkanii guyyaa akka waa'ee durbummaa kana yaannu nu godheera.

☑️  Addunyaa irra jiraannu kanatti, keessattuu yeroo ammaa kana durbummaa caala wanti gatii guddaa nama baasisu waan jiru natti hin fakkaatu. Sooreeyyiiin addunyaa keenyarra jiran qarshii miliyoonan lakka'amu invest godhanii durbummaa meeqa meeshaa dhuunfaa isaanii godhataniiru. Carraa akkanaa kan argattu kaa durbummaa carroomtedha. Faallaa kanaa immoo durbummaa heedduun kashlabbee omaa hin qabne kan akka kiyyaatin lafarraaa dhabamaniiru. Durbummaan eebbifaman immoo guyyaa isaanii eeggatanii abbaadhuma warraa harkatti kufuu danda'aniiru. Sa'a amma kana immoo durbummaa lubbuun jiran carraa gara fuulduraatti isaan muudatu kan yeroon deebisu ta'a. 

☑️  Dubartootuma birattis durbummaan iddoo olaanaa qabdi. Baay'een isaanii guyyittii durbummaa gatan kaan gammachuun kaan immoo gaddaan yaadatu.  Tokko tokko immoo humnaan gudeeddamanii yeroo dheeradhaaf rakkoo xinsammuu keessa seenaniiru. Tokko tokko immoo kabaja olaanaa kennuufirraan kan ka'e akkuma baatanii jiranitti akka wajjin awwaalaman seenan ragaa ba'a.   Yeroo baay'ee dubartiin durbummaa hin qabneerree ani 'durba' jettee dhiira jarjartuu meeqa yeroo harkatti gubdeera. Kana malees guyyaa laguu/xurii eegdee walqunnamtii saalaa raawwachuun kunooree durbummaan ati gororaafii baate jettee dhiira gowwomsite anuu nan beeka.

☑️  Yeroo baay'ee durbummaa kukkutuun akka gootummaatti warra fuudhee fi warri jaallalleen itti gadi lakkiste yeroo odeessan ni dhageenya. "Inatalitti keessa kute" jedhani gadi ba'anii dhiironni of dhaadhessan muraasa miti. Ishiin mee amma yoona durbumman jirti jedhamnaan garanaa garasii kan qarriffaa itti qaraa chaa bulu baay'edha. Dhiiratti kan mul'atu durbummaa fudhatee, dhiiga ishiitin of dhiqee kunoo shaashin jechuu malee ishiitti maaltu dhaga'ama kan jedhu hin jiru.

☑️  Biyyoota akka Hindiitti durbummaan walitti funaannamteet gabaadhaa dhiyaatti. Kuni lafumaa ka'ee osoo hin taane durbummaan dulluma ni balleessa, jaarsa ni qeerromsa amantaa jedhu irraa ka'aniiti. Dhugaadhaa laata? Ani hin beeku. Wanti nama dinqu immoo dubartoonni baay'een yeroo amma kana iyyessuus nurra dhalata jedhanii durbummaa baatanii yeroo lakka'aa jiraachuu isaaniiti. 

☑️  Durbummaan tun rakkoon kan marfamteedh. Gidiraan kan guuttamteedha. Osuma walqunnamtii saalaa hin raawwanne warri durbummaa of jalaa bittinneesse guute. Wantittin muka silkii miti, qodaa haphii waan taatef mudannoo garagaraatin dhabamuu dandeessi. Utaalcha wadarootin, sayikilii oofudhaan, farda gulufuun,ba'aa humnaa olii baachudhan, fincaan walitti kuufamee yeroo humnaan darbatamu galaafachuu danda'a. Anis, atis, ishiinis sababa hin beeknen dhabamuu danda'a. Waaqni yoo barbaades duwwaadhuma si bixxiluu danda'a. Sareen ilmoo ishii akka malee jaallattu ofumaaf nyaatti jedhan. Dubartoonni akka malee of jaallatanis durbummaa kana ofumaaf oolfachuu hin oolle. Masturbation gara keessatti raawwatamuunis ni bada.

☑️  Dubartoonni amma durbummaa isaanii kan ta'eef gumaachaniitti yaaddon isaa kan balaati. Osuma omaa hin raawwanne na keessa jirti moo hin jirtuu jedhanii yaadda'u. Walitti galiinsa nafsaala gara lamaanii maal akka fakkaatu arguuf ni bibir'atu. Oduu nama dhukkubaa, hin dhukkubu jedhamu dhaga'aa waan guddataniif guyyittin irraa fagaatti. Guyyittiin gaafasii galmee seenaa isaanirratti jalqabarratti katabamtee sirnaan teessi.

✅ Dubartoonni heeruman yookin fedhuma isaanitiin walqunnamtii saalaa raawwatanii durbummaa hin qabne yeroo namni waa'ee durbummaa barreessu, odeessu omaa itti hin fakkaatu. Hagas mara itti hin dhimmaman. Rakkoo guddaa fi cinqii keessa kan jiran warra hanga yoonaa walqunnamtii saalaa hin raawwanneedha. Keessattu immoo sababa garaagaraatin kan akka saayikilii, ispoortii faadhan ni bada oduu jedhu gaafa dhaga'an baay'ee nama yaaddessa. Dhugaan jiru garuu ati hanga walqunnamtii saalaa bira hin geenyetti parsaantii dhibba (100%) durbummaan jirta. Kana amani. Aabshir hin yaadda'in. 

❓ Durbummaatti osoo hin buune walqunnamtii saalaa raawwachuun ni danda'amaa ?

✅ Dubartiin tokko yoo durbummaa balleessuu hin barbaanne fedhii walqunnamtii saalaatiin gubachuu qabdi kan jedhu hin jiru. Fedhiin foonii baay'een kan jiru qinxirii (clitoris) gubbaarra waan ta'eef wantoota akka masturbation addaa addaatin fedhii ba'uun ni danda'ama. Durbuummaaf yaadda'aa walqunnamtii saalatiif gubachuun rakkoo xiinsammuutif nama saaxila. Malli ittiin durbummaa tursiisan kun 'technical virginity' jedhama.

❓  Durbummaan tokkicha bannaan ni deebi'aa ?

✅ Durbummaan tokkicha citnaan waan deebi'u miti. Haa ta'u malee yeroo ammaa kana guddina technology tin walqabatee surgery garaagaraatin transplantation (suphaa) adda addaa akka taasisaa jiraanidha. Garuu bakka durbummaa ganamaa sana bu'uu waan danda'u miti.

Walaloo Gadaa

 


Mana wacaan hin jigne 

Kan utubaan sibiilaa 

Alagaan diiguuf abjootti 

Fagoo teessee alaala 


Karaa keetti  deebinaan 

Gatii dhabnaaf gororihu 

Bofaa gaafa  ajjeesan 

Dura mataa dhahu 


Qoraattii muka keessaa

Maaf nan ciraa of rakkista

Iddasaa takkaa  dhoofnaan 

Dhaabitti goggoksita 


Warreen  Oromoo bituuf 

Caraananii iyyani 

Qoraattii muka keessaa 

Itti ta'e Gadaani

GAAFAN DU'EE SIIDAA KOO IRRATTI MAAL JETTANI BARREESSITU?

Guyyaa tokko namicha tokkotu daw’iidhaaf gara Amerikaa deeme jedhama. Biyyicha keessa olii fi gad deemee erga daw’atee booda dhuma irratti s...