➊ Yeroo mijaa'aa hin eeggatin yeruma kana furadhuu mijeeffadhu!
➋ Nama si amanu gonkumaa hin sobin; nama si sobu gonkumaa hin amanin!
➌ Waan darbe irraanfadhu garuu irraa bari!
➍ Wanti of duuba si deebisu ilaalcha mataa keetiiti!
➎ Miira kee too'adhu malee hin garboominiif!
➏ Jiruun kun akka bishaan garbaati; inni yoomillee hin tasgabbaa'u sumatu akkaataa itti daakan barachuu qaba.
➐ Namni gaafa barbaadee of argate, jireenya haarawaa jiraachuu jalqaba.
➑ Namni tokko yoo hin dandeessu siin jedhe, hamma isaa sitti agarsiise malee kan kee miti.
No comments:
Post a Comment