Seera Qonnaa (The Law of Farm)


Seerri qonnaa akkasi:

Lafa tokkorraa, callaa gaarii argachuu yoo feete, tartiibonni ati keessa darbuu qabdu jiru. Isaanis:

1. Lafumasaa argachuu qabda.

2. Laficha argatte sanarraa, cirtee, carabdee, qulqulleessuu qabda.

3. Baqaqsuu qabda.

4. Garagalchuu qabda.

5. Ammas keessa deddeebitee bulleessuu qabda.

6. Erga bulleesitee, sanyii qulqulluu qopheessite sana,xaa'oodhaan dabaaltee facaasuu qabda.

7. Erga facaastee, dallaa itti ijaaruu qabda (miidhaaf kan saaxilamu yoo ta'e)

8. Aramuu qabda.

9. Hanga gogutti eegumsaa fi kunuunsa barbaachisu hordofuu qabda.

10. Gaafa goge, haamuu qabda.

11. Kan haamtes, oobdii qopheessiterratti guurtee dhahuu qabda.

12. Kan dhooftes calleessitee, galchuu qabda. Akkanaan callaa argachuuf yaadde sana argatta. Tartiiba jalqabaa osoo hin raawwatiin, kan itti aanu argachuun hin danda'amu. Seera qonnaa kanarraa kan barannu, waanta barbaanne tokko argachuuf obsi filannoo osoo hin taane, dirqama ta'uusaati. Seerri kun seektera galmaa kamirrattuu ni hojjeta.

√ Obsaan, 

√ Naamusaan, 

√ Itti ciccuudhaan yoo hojjenne abjuu keenya sana ni milkeessina.

No comments:

GAAFAN DU'EE SIIDAA KOO IRRATTI MAAL JETTANI BARREESSITU?

Guyyaa tokko namicha tokkotu daw’iidhaaf gara Amerikaa deeme jedhama. Biyyicha keessa olii fi gad deemee erga daw’atee booda dhuma irratti s...