“Sin jaalladha” jechaa afaan damma gootee
Onnee koo qulqulluu jaalala sobaan mootee!
“Sin ganu” naan jechaa waadaa naaf galtee
Harka kee duubaan sobdee natti maltee
Yoom natti fakkaate waadaan akka cabu
Jaalala kee maleessaa jibba sirraa hin qabu.
Nama hunda caaltee dirreef daka keessaa
Onnee koo walakkaa ulfina guddaan teessaa!
Utuun si jaalladhuu jaalala koo wallaaltee
Waadaa koo ganamaa reeffa gootee awwaaltee!
Gaaf tokko siif galaa kun shakkii hin qabuu
Abbaa waadaa cabsee rabbiin haa adabuu!
No comments:
Post a Comment