Tarii jireenya kee keessatti bakki ati amma jirtu filannoo keetiin malee akka tasaa qaama birootiin waan murtaa'e akka hin taane beektaa?
Ilmi namaa guyyuma uumamu bilisa ta'ee uumame,gaafa du'us bilisa ta'ee du'a,garuu waan nama gaddisiisu bilisa ta'ee hin jiraatu. Dhiibbaa qaamota adda addaa jalatti kufee hiree ofii fedha isaatiin dabarsee kenna.
Hireen kee filannoo fi murtee kee keessa jira. Filannoon ati beektes ta'ee osoo hin beekiin guyyaa guyyaan filattuu fi murteesitu hiree keetiif gahee hangafummaa taphatu. Kanaafuu qaamota adda addaatii Hiree kee dabarsitee hin kennin,waan ta'uu feetu seeran filadhu...sana booda murtee jabaa kenni. Sana booda jireenya kee irratti bu'aa raajii argita. Waan har'a taatee jirtuuf eenyullee hin komatin.
Kun sadarkaa dhuunfatti qofa osoo hin taane akka biyyaattis ni hojjata. Hireen biyya takkaa bu'aa filannoo fi murtee lamiilee hundaati(tarii hammi isaa wal caaluu mala).
No comments:
Post a Comment