Abidda,Bishaan,Dhugaafi Sobni hiriyyoota turan. Haa ta'u malee sonbni gamtaa kanatti gammachuu waan hin qabneef tokkummaa kana diiguuf akkan jedhe"maaf iddoo ta'e wahii deemnee,hundi keenya bulchiinsa dhuunfaa keenya kophaa kophaatti hin qabaannu"jedhe.
Hunduu yaada kanaan walii galuun utuu deemanii sobni bishaanitti siquudhaan"abiddi muka,citaafi waan hundumaa kan gubu diina keenya cimaadha.Maaf diina akkanaa wajjiin bobbaana jedheen.
Bishaanis kanaafu maal wayya maal haa goonu? jedheen.sobnis"ajjeesuu qabna.Kana kan gochuu danda'u ammoo suma qofa waan ta'eef yommuu inni taa'u itti dhangala'ii balleessi jedheen.Bishaanis"yoo ani lafatti dhangala'e bishaanumatti deebi'uu hin danda'u jedhe.Sobni "Rakkoon hin jiru.yeroo dhangalaatu akka hin yaane dhagaadhanan si marsa" jedheen.Yeroo kana shakkii hin qabaanne. Abiddi yemmuu dhufee gadi taa'u;bishaan dhufee itti dhangala'ee Abidda balleesse.Sobnis yemmuu kana bishaan dhakaan marsee walitti sassaabudhaan Injifannoo kana booda wal faana imalaa itti fufan.Yeroo xiqqoo booda Sobni bishaanin" Maaf afaan qilee ykn laga kanarra teessee bareedina uumaa gadi ilaalaa of hin boharsine? jedheen.Bishaan yaada kanatti baayyee gammadee Afaan qilee ykn laga taa'u osoo ilaalaa jiru,Sobni suuta jedhee dhagaa bishaan marsee jiru sana jalaa kaasudhaan qilee sanatti akka dhangala'ee badu taasise.
Dhuma irratti Sobni Dhugaa dhabamsiisuun waan irra jiruuf yommuu gaara isa guddaa bira gahan Sobni dhugaa gaara jala teessise.Erga gaara gubbaa baheen booda dhagaa itti gadi lakkise.Dhagaan gaara gubbaa yommuu gadi fiigu sagalee uumaa waan tureef dhugaan jalaa uttaallaan, dhagaan gubbaa darbame dhagaa akkasaatti bu'uun addaan baba'ee warqee fi albuudoonni kan biroos baayyen keessaa gadi dhangala'an.
Sobni yommuu reeffa dhugaa ilaaluuf dhufu albuudota qaqqaalii kana argee rifatee "kuni hundi eessaa dhufe?"jedhee gaafate.
Dhugaanis"dhagaan narratti kufnaan albuudonni keessa yaa'an" jedhee deebiseef.
Yeroo kana sobni anatu gaara kana jala taa'aa ati gaara gubbaa dhagaa natti gadi lakkisi(gadii dhiisii)"jedhee dhugaa gaafate.
Dhugaanis yommuu gaara gubbaa bahee dhagaa guddaa itt gadi lakkisu sobni bakkumatti(battalumatti)buruqee du'e.
Kuni kan agarsiisu dabni hammi fedhe jiraate hangam baayyatus,turus dhuma(xumura) irratti kan mo'atu Dhugaa ta'uu isaati.
No comments:
Post a Comment