Dhugaan ati beekuu qabdu yeroo ati waan haaraa eegaltu namni si deeggaru muraasa yookiin dhabamuu danda'a


Dhugaan ati beekuu qabdu, yeroo ati waan haaraa eegaltu, namni si deeggaru muraasa yookiin dhabamuu danda'a. Wanti kun hin fayyaduu, ni ulfaataa, miidhaa qaba, karaan kun sirrii miti, siif hin milkaa'u jedhanii sitti iyyu. Sababni isaa ofiif sammuu waan ati hojjechuuf kaate hojiitti hiikuu miti yaada isaayyuu hin qabani. Inumaayyuu akka ofiitti waan si ilaalaniif waan isaaniif hin danda'amneef atillee waan hin dandeenye isaanitti fakkaata. 

Inni kan biraan namni hedduun duubakee ilaalee, kufaatii kaleessa si muudate, qabeenyaafi fira kee ilaalee waan si tuffatuuf akka ati homaa hin dandeenyetti si tilmaamu. Gaafa waan haaraa eegaltu kun sin muudatu taanaan, wanti ati eegalte haaraa miti jechuudha. 

Wanti haaraan gaafa eegalamu, namoonni muraasni si hubatu, hedduun si jalaa callisu. Warri biroon immoo si qeequ, abdii si kutachiisuuf watwaatu. 

Maarree sammuun kee gabrummaa jala jira taanaan hin dandeessu yoo jedhee dhibaa'aan mogolee si buusu harka marattee teessa yoo ta'e eessaan waan haaraa hojjettee milkooftaa? Kara kamiinis gulantaafi ejjennaa isa gara mul'ata kaayyatteetti si geessuu deemtaa? Akkamiin kaayyoo kee galman geessee seenaa kee galmeeffatta?

Lafa kanarratti waan ofiikee yaadde gaarii fi qajeelaa taanaan namni ni dandeessaafi hin dandeessu jedheef osoo hin taane, waan ofiif nan danda'a jette hojjedhu. Waa'ee keef ragaan si caalu hin jiru. Waan hojjechuu dandeessu kan beeku oollaakee osoo hin taane si mataa keeti. Eeyyee ati galma gahuuf murtee kee malee wacni nama biraa homaa si hin fayyadu.

Kanaafuu harka namaa ilaaltee raafamuu irra kutannoon gara yaaddetti imaluu siif wayya. 

Warri gaafa waa eegaltu si tuffataniifi si jalaa callisan warra si deeggaran caalaa si hordofu. Yoo kufte sitti qoosuuf afaan bananii si eegu. Gaafa ati waan yaadde milkiin raawwatte, warri callises, warri hin dandeessu jedhes, warri jaaadhu ni dandeessa jedhes, hunduu harka siif reeba. 

Gaaf sana naannoonkee jajuun marfama. Weedduun gara dhaba. Si qofaatu addunyaaf jira siin jedhu. "Hayyuu, beekaa, goota..... "jedhee namni hundi si waliin dhaabbachuuf kaata. Kun hunduu soba, fakkeessaadha, goyyoomsaafi raffisaadha.

Gaafa dura mogolee si buusuuf deemanis ofin jibbin, gaafa yaa'iin ba'ee si weeddisus sittin hoo'in. Hojiikee hojjedhu. Hin raafamin. Waan xiqqootti quuftee hin rafinis.

Ka'eetan bariin sokke

Firakoo marii dhoksee...! 

jedha geeraraan. Homaaf osoo gurra hin kennin deemee faachaan gale. Gaafa gale gootummaan geerara. 

No comments:

GAAFAN DU'EE SIIDAA KOO IRRATTI MAAL JETTANI BARREESSITU?

Guyyaa tokko namicha tokkotu daw’iidhaaf gara Amerikaa deeme jedhama. Biyyicha keessa olii fi gad deemee erga daw’atee booda dhuma irratti s...