Showing posts with label ofiitti-amanuu. Show all posts
Showing posts with label ofiitti-amanuu. Show all posts

Miindaa ofitti amanamummaa dhabuu!


Ofitti amanamummaa dhabuun waan qabatanii jiraan nama harkatti busheessurra darbee gatii hin malleenuu of nama sharafsiisa. Isa kan keettii dugda si gachisiisee kan ormaaf harka si kennisiisa. Harka hin kenniin! Kana yaadatti qabachaama, fakkeenya tokko waliin haa ilaallu. Bara durii.... 

Bara durii namoota sadiitu adamoof manaa bahani. Guyyaa guutuu olii gadi fiigaa turanii homa tokkoyyuu hin arganne. Dadhabbiifi beela hammana hin jedhameen waan hubamaniif fala osooma dhahaa jiranii, namichaa gosaan warra guddaa kan hoolaa salgii isaatti baatee deemu tokko halaalatti argani. Isaan sadan keessaa tokko, "Namicha kana irraa humnaan hoolaa fudhannee qalannee nyaachuu qabna malee hin duunaa?" ittiin jechuun yaada dhiyeesseefii. Yaada kanatti mataa isaa oliifi gadi sochoosuun gammachuun walii galuu isaa ibse inni tokko. Inni hafe immoo, "Hoolaa kana fudhannee akka nyaannu fedha nan qaba, garuu akkamittiin akka irraa fudhannuuf falli jira" jechaa fala sana isaaniif dhiyeesse.  

Akkuma walii galtee isaanii gochuuf ka'ani. Karaa namichi irra darbu irra, fageenya murtaa'aan walirraa fagaatanii dhaabbatani. Inni jalqabaarra dhaabbatu namicha hoolaa baatee deemu sanaan, "Maali namichoo! Ati gosa warra guddaa taatee saree salgiitti baattee deemtaa? Namni biraan si argee osoo nama kolfaa si hin godhiin ofirraa darbi saree kana!" ittiin jedhe. Namichi inni hoolaa baatee deemu sunis, "Namichoo! Hoolaafi saree adda baafatteeyyuu hin beektuu? Maraataa! Kan ani baadhee jiru hoolaa malee saree miti. Ana osoo hin taane situ saree baatee jira" jechuun bira darbee deeme. Hoolaa isaa baatee osooma deemaa jiruu, bakka namicha lammataa gahe. 

Namichi karaarra dhaabbatee jirus hin callisne. Dabaree isaa, "Har'ammoo saree salgiitti baachuutu eegalamee,....safuu! Oollee bullee, waan hedduu arginee dhageenya. Maal taatee jirta namanaa?" yeroo jedhuunii, kan hoolaa baatee jiru sun akka duraa ija jabaatee ifachuu hin dandeenye. Ifachuu dhiisuurra darbee iyyuu nahee jira. Miira sodaa makateen, harka isaan qaqqabachaa hoolaa ofirratti ilaalaa, "Hoolaa mitimoo kanaan baachaa jiru? Hoolaa! Sareen kana hin fakkaattu" jedhee bira darbee deeme. Shakkiin baay'ee humna isa irratti godhatee jira. Hoolaafi saree ta'uu adda baafachuuf ofitti odeessaa deema.  

Isaa akkanaan jirutu nama sadaffaa bira gahe. Kan sadaffaan sunis, "Maaliif maqaa warra kee warra guddaa nyaatta? Saree baattaa? Isayyuu salgiitti! Osoo namni biraan sin argiin lafa buusii badi!" jedheen. Kana dhagahee qilleensa jidduu hin galchine kan inni hoolaa lafa buusee fiigichaa qajeele. Akkanaan hoolaa isaanii fudhataanii galani. Barbaachisummaa waan baatee jiruu dhabuun isaa hoolaa isa dhabsiise. Hoolaa ta'uu isa wallaalchisee salphina sareen salfachiise. Kun miindaa waan qabatee jiru wallaaluu, miindaa ofitti amanamummaa dhabuu isaati.  

Akka hin daganne! Hiree kee sumatu ofiif murteeffata. Eeyyeen sumatu! Gatiin kees madaala keen murtaa'a. Ofitti amanamummaa hir'attee caarrataa ofirratti hin baasiin. Gatii salphaan kan si sharafuuf qophaa'ee jiru hedduu ta'uu mala. Isa manaa baateef duubatti hin deebi'iin. Isa harkatti qabattee jirtus sirriitti beeki. Ofitti amanamummaa dhabdee warqee harka keerra jiru hin darbatiin. Ofitti amanamummaa kee cimsadhu!  

Harka hin kenniin! 

GAAFAN DU'EE SIIDAA KOO IRRATTI MAAL JETTANI BARREESSITU?

Guyyaa tokko namicha tokkotu daw’iidhaaf gara Amerikaa deeme jedhama. Biyyicha keessa olii fi gad deemee erga daw’atee booda dhuma irratti s...