ABDII YOO KUTATTEETTA TA'EE AKKA RISAA OF HAAROMSII

 


Seenaa Risaa/Joobiraa kana Dubbisi Share godhi Ammayyuu_Abdiin_Jira!

Risaan shimbirroota sanyii isaa keessaa umuurii dheeraa jiraachudhaan beekama hanga waggaa 120 jiraachuu danda'aa jedhu qorattootni garuu umurii kana bira gahuudhaaf rakkoo fi gidiraa hamtuu keessa darbee achi gaha.

Umuriin isaa yeroo shantama/50 gahu Fiixeen huuruu isaa qaramaan sun dadhabaa dhufa, baalleen isaa ciccimoon sun lallafaanii bararuu dadhabu qeensi isaanii qara eeboo fakkatu ilmoo re'ee lafaa qonxooxee qabu sun ni caccabu.

Risaa filannoo lama qofaa qaba

1ffaa:Du'a

2ffaa: Adeemsa Jijjiramaa Abdii kutachiisaa keessa bahanii haaromuu

Adeemsi kun ammoo guyyoota 150 ykn Ji'a/Baatii 5 itti fudhata adeemsa kana keessatti Risaan gara gaara/Tulluu olkaa'ati ol bahee qara huuruu isaa fi baallee/koluu isaa ofirraa caccabsuun jireenya gadadoo fi dhiphinaa hedduu keessa darba.

Nyaata nyaachuu hin danda'u, bararuu/balali'uu hin danda'u, koluu/baallee hin qabu aduu fi bokkaa dandamachuu hin danda'u......garuu ji'oota muraasa boodee Koluu/baallee haaraa, Huuruu haaraa fi Qeensa haaraa biqilcha/baasa.

Sana booda Risaa balalii isaa cimaa sanatti deebi'uun waggoota dabalataa 50 ol jiraata

Jijjiiramni Maaliif  Barbaachisee?

Jiraachudhaaf rakkinaa fi gadadoo keessa jiru keessaa bahuudhaaf Jijjiramni barbaachisaadha akkasumaas yaadannoo badaa/gaarii hin taane kaleessa keessa turre keessaa bahuudhaf barbaachisaadha. Yeroo tokko tokko waan keessa jirru keessaa waan baanu nutti hin fakkatu #Abdii kutannaa cimaa keessa galla namniis Waaqniis nu hin baasu jennee amana garuu ammayyuu Abdiin jira Waaqayyo carraa biraa siif kenna.

Risaan waggaa 50 itti murtii lubbuu olchuu fi jireenyaa hambisu erga murteesse nutti maaliif dadhabne?? 

Daandii haaraa fi jireenya haaraa fuuldura kee jiru yoo barbaadde ofitti amanamummaa boodeetti si harkise jalaa bahi Waaqayyo si gargaara.

Sammuukee sirriitti bani akka Risaa/Joobiraa balali'uu dandeessa.

Yeroo bokkaan roobu simbirroon hunduu godoo isaanitti gaggalu #Risaan garuu baantii Waaqatti ol bahee bokkaa roobu gararraa balali'a. Rakkoon bokkaa jiru hundumaaf tokko haatahu malee ilaalchi nutti wantoota itti ilaallee furmaata kenninutu addaa adda beekaa.

Jijjirama hin sodaatiin jaalalaan fudhadhu!

Gaaffii 

Akka Risaa balali'uu barbaadnaa ol kaatee??

"Yeroo sadiin barnootakoo koollejjii kufe, Yeroo 30 ol beeksisa hojii ba'e qacarriif iyyannoo galchadhee hundaa kufe, Yeroo dhaabbanni KFC jedhamu biyya Chaayinaa dhufe namoota 24 hojiif dorgomaan keessaa kan otoo hin qacaramiin kophaatti hafe ana qofaadha, Humna waraanaa chaayinaatti poolisii ta'ee qacaramuuf namoota 5 dorgomne keessaa ana qofaa fudhachuu didan. Yuunibarsiitii Harvaardiitti deebi'ee seenudhaaf yeroo 10 ol iyyata galfadhee yeroo 10 na fudhachuu didan".

Jack_Maa

Jack Maan Hundeessaa fi Abbaa qabeenyaa Marsariitii/Websaayitii beekamaa Chaayinaa www.alibaba.com yoo tahu akka barruun Forbees jedhutti dureessa beekamaa Addunyaa kanaa 22ffadha qabeenyi isaa doolaara biliyoona 28.8 ture bara 2015ti.

Ijoon dubbii seenaa kanaa: Abdii hin kutatiin carraa fuldura kee jiruuf of qopheessi, Kufaatiin gulantaa milkaa'ina kee itti aanuu waan taheef jabaadhu. Kufaatiin cimina sammuu keessanii hin ibsu karaa itti wantootni ittin siif hojjechuu didan barta. Toomaas Ediisan namichi ibsaa elektiriikii uume yeroo 99 milkaa'uu dadhabe garuu yeroo gaafatamu ani hin kufne karaa ittin elektiriikiin ifuu hin dandeenye 99 bare malee jedhe.

Atiwoo Abdii kutannaa keessaa baatee of jijjiruuf qophoofteettaa? 

Jabaadhu Waaqayyo si gargaara.

No comments:

GAAFAN DU'EE SIIDAA KOO IRRATTI MAAL JETTANI BARREESSITU?

Guyyaa tokko namicha tokkotu daw’iidhaaf gara Amerikaa deeme jedhama. Biyyicha keessa olii fi gad deemee erga daw’atee booda dhuma irratti s...