Showing posts with label nama. Show all posts
Showing posts with label nama. Show all posts

Yeroo ofiif kennuu Give time for yourself


Dalagaa dhuunfaa haata'uu kamiifuu, dursa of faana yeroo qabaachuun isa hangafaati. Akkuma guddinni biqiltuu tokkoo keessa sanyiisaarraa eegaluun alatti guddaachaa deemu, yaadni kamuu jalqaba marii keessaan yoo eegalame bu'aa qabeessa nama godha. Kunimmoo of faana yeroo qabaachuu, of marii'achuufi qofaatti of baasanii of faana ta'uurraan galma gaha. Yeroo qofaatti of marii'atan kana, hariiroon of faana qaban daran cimaa deema. Ciminni hariiroo kanaammoo, hariiroo alaafuu hundeedha.

Of faana yeroo qabaachuun, hawaasummaa fayyaalessa horachuuf bu'uura! Waanti dagatamuun namarra hinjiraanne, of faana yeroo qabaachuun qofummaa hawaasummaa miidhurraa adda. Shaakalli of faana yeroo qabaachuu bu'uura hawaasummaa ta'uurra darbee hawaasummaa hin faallessu, hin miidhus. Hawaasummaa sirriin keessaa eegala. Nama of faana walii galetu maatiisaa waliin nagaan jiraata. Isuma kanatus hawaasummaa fayyaalessa qabaata. Eeyyeen, namni of faana walii hingalle yoomuu walii hingalu. 

Qofummaan of faanaa, yeroo of abuuruuti! Ciminaafi dadhabbina, bu'aafi kasaaraa ofii yeroon itti herregatan yeroo kana. Yeroo itti sakatta'insi keessaa gaggeeffamudha. Kan gad taa'ee of sakatta'etu of argata. Abuurraa keessoo! Kan of abuuretus waa abuura. Qofummaa of faanaa qabaachuun of haa abuurru.

Qofummaan of faanaa, yeroo karoora jireenyaa itti baafatanidha! Jireenya dhuunfaa  kan namaaf jiraatu hinjiru-abbumasaatu jiraatata. Kanaafuu, of faana ta'anii haalaan karoora itti baafachuun gahee abbaati. Kana gochuun egaa yeroo qofaakee si barbaada. 

Of faana yeroo qabaachuun yookaan qofummaan of faanaa, ofitti amanamummaaf bu'uura! Yeroo baay'ee ofitti amanamummaan shakkii keessa kan galu yeroo of faana walii galledha. Namni walii faana walii hingalle osoo hinmurteessiin bakka itti ofitti amanamummaan isaa qoramu deema. Garuu osoo dursee yeroo dhuunfaa isaa of faana qabaatee, murtee dirree dorgeen dura irratti ta'u ofii murteessee ofitti amanamummaan isaa madaalaa gad hinta'u. Kanaafuu, of faana yeroo qabaachuun hundee ofitti amanamummaati.

πŸ‘‰Gabaabummatti, of faana yeroo qabaachuun kaayyoofi! Qofummaa amaleeffatame irraas adda. Hariiroo keessoo fayyaalessa, hawaasummaa hawwataa, of sakatta'anii of beekuufi ofitti amanamummaa nama gonfachiisa. Of faana yeroo qabaadhu!

Walaloo ~ Afaan dhala namaa


Afaan dhala namaa

haasa'uu hin nuffuu

Warreen gurra laatan

kararratti hafuu

~

Dubbattu dubbataa

callistu sodaataa

Akka feete taatu

namni maqaa laataa

~

Kaayyoo lakkisanii

namaaf gurra laannan

Bakka yaadan mitii

karraa gad hin ba'an

~

Oduu namaa dhiisi

kayyoo keef jiraadhu

Tabba milkaa'inaan

danqaa kee moo'adhu

GAAFAN DU'EE SIIDAA KOO IRRATTI MAAL JETTANI BARREESSITU?

Guyyaa tokko namicha tokkotu daw’iidhaaf gara Amerikaa deeme jedhama. Biyyicha keessa olii fi gad deemee erga daw’atee booda dhuma irratti s...