Kophaakee Moo’uf Hin Yaalin (Think Win Win) –

Hariiroo namaan waliin qabdu keessattis tahee waanuma kamuu keessatti kophaakoon moo’ee argamuu qaba jedhanii yaaduun barbaachisaa miti. Hamma dandeettun fedhiin kee qofti osoo hin ta’in fedhiin nama/ qaama kan birootis akka guuttamuuf waan dandeettu godhuuf yaali. Yoo tokko moo’ee waan hunda ofumaa argachuudhaaf fiigu walitti bu’iinsi, walitti mufachuunifii rakkoowwan adda addaa mudachuun ni malu. Kana hambisuudhaan, ofiifis, nama kan birootifis yaadun gama tokkoon michoonni keenna akka baay’atan gama birootiin immoo nutis gammachuudhaan hawaasa keenna waliin akka jiraannu nu gargaara.

Fakkeenyaaf namni waa daldalu tokko maamila horachuu yoo barbaade waan gaarii dhiyeessuu qofa osoo hin ta’in fedhiifii miira maamila isaa san beekuufii fedha san guutuu dandahuu qaba. Gaafa fedhii keenna malee jennee fedhiif miira maamila keennaa irraanfanne boru maamilli keenna nu gatee nama meeshaa nuti gurgurru nurraa bitu akka dhabnu, sunimmoo kasaaraa daldalaa akka nutti fidu irraanfachuu hin qabnu. Fakkeenyuma kanaan waan hunda keessattuu goggooginsaf ofittummaa ofirraa fageessudhaan waan nuufis qaama kan birootifis toluu dandahurratti xiyyeeffachuun faaydaa guddaa nuuf qaba. As biratti yaada baay’ee na ajaa’ibe tokkon isiniif qooda. Innis waa’ee Herrega Baankii Miiraati. Herrega baankii kanaan barreessaan kitaabichaa Emotional Bank Account (Herrega Baankii Miiraa) jedhaan. Yaadrimeen isaa Herrega Baankiitiin walfakkaata. 

Hariiroon ati namootaan waliin qabdu akka waan kuusaa maallaqa baankii miira keetiiti. Yeroo kee fudhattee yoo waan gaariidhaan kunuunsite qabeenyi ati herrega san keessaa qabdu ni dabala. Yoo miira kee toohachuu dadhabdemmoo herregni kee garnalen hir’ata. Hariiroo Jireenyaa namootaan waliin qabdu keessatti waadaa kee eeguun, dhugaa dubbachuun, iccittii eeguun, goggogdummaa ofirraa fageessuun, waan an jedhe malee jechuurraa of eeguun, jechoota miira namaa eegan fayyadamuun akkasumas namoota

hubachuudhaaf yaalii godhuun qabeenyi nuti Lakkoofsa Herreggaa Baankii Miiraa keenna keessaa qabnu akka dabalu godha. Adaduma faallaa kanaatiin socho’uu eegalluunis qabeenyi nuti herrega keenna keessaa qabnu ni hir’ata. Kanaafuu hamma dandeette hundaan Herrega Baankii Miira Keetii keessatti qabeenya guddaa kuufadhu. Qabeenyi ati kuufatte kun immoo jireenya kee keessatti akka baay’ee si fayyadu hin shakkin.

Kutaa 3ffaa Ilaali Kutaa 5ffaa Ilaali

No comments:

GAAFAN DU'EE SIIDAA KOO IRRATTI MAAL JETTANI BARREESSITU?

Guyyaa tokko namicha tokkotu daw’iidhaaf gara Amerikaa deeme jedhama. Biyyicha keessa olii fi gad deemee erga daw’atee booda dhuma irratti s...