Falmii jireenya kee keessatti gootu, eenyu waliin akka ta'e adda baafadhu


Bara tokko Harree fi qeerransa gidduutti falmiin uumame.Innis halluun margaa maal akka fakkaturratti ture. Harreen "margi cuquliisa" gaafa jettu, Qeerransimmoo "lakki, margi magariisaa" jedhaan Walfalmiin kunis homaa fala dhabee ittumaa hammaannaan, murtiif gara leencaa deeman. Achi gaafa gahan Harreen iyyitee akkana jette,

"Yaa mootii kunoo qeerransi margi magariisa naan jechaa jira; animmoo waahuu margi cuquliisan jedhe mee kaanaf fala itti nuuf kenni" jetteen; Leencis dhugaadha margi cuqulisaa jechuun murteesse.Yoona Harreen "dhugaa waanan argadheef qeerransatti adabbiin haa muramu" jechuun sagaleeshee dhageessifte. Leencis, Qeerraansi sa'aatii kanarraa kaasee waggaa shaniif callisaan akka turu adabe. Harreen ta'ii kanatti gammachuutiin utaalaa, "Margi cuquliisa....Margi cuquliisa " jechuun lafa dhiitte; amantes.

...Qeerransiis adabbisaa waggaa shanii fixachuun gara Leencichaa deemee, gaaffii tokko gaafate; "Yaa mootii akkamitti margi magariisa ta'uu osoo beektuu na adabda" jedhe.

Leencis,"Dhugaadha margi magariisa; addabbiin kee garuu waa'ee halluu margaa miti. Akkamitti Gootni fi Abshaalli akkakee gadi deebi'ee falmii harreef yeroo gubaatu si adabsiise". jedhee jedhama.

Falmii jireenya kee keessatti gootu, eenyu waliin akka ta'e adda baafadhu.

No comments:

GAAFAN DU'EE SIIDAA KOO IRRATTI MAAL JETTANI BARREESSITU?

Guyyaa tokko namicha tokkotu daw’iidhaaf gara Amerikaa deeme jedhama. Biyyicha keessa olii fi gad deemee erga daw’atee booda dhuma irratti s...