Najjoo marsee roobe arjo gubbaa cabbii
Yaadni kee na koobe akka gubaa jabbii
An siinan damboobe isa dhugaa Rabbii!
Amboo roobee jiisnaan Maqaleerraa caame
An xaxadhee ciisnaan urrrarraa nawaame
Akka caba lafee lubbuutti nawarga
Halkan baddaa rafee dakattan of arga
Yoom dhuftaa keen eegaam akka diyaaspooraa
Ana nama deegaaf taphatteetta shoora
Yeroon si daawwadhu nyaara keetu kuula
Danda'een dhaabbadhu dachetu naan guula
Miira kootu madda foolii kee yoon suufu
Bareedni kees adda si ilaalees hin quufu♥
No comments:
Post a Comment