Jaalala keetiif jedheen hiriyyaa meeqan ganee
Ni amanamta jedheen onnee koo siif banee
Garuu gaararraa taateeti jaalala koo na salphiistee
Sin jaalladha naan jettee onnee maaf na dhiphiistee
Mee maaluma qaba garuu yoo natti himtee na dhiistee
Maalumaaf jaalala sobaa ofii dhugdee machooftaa
Gola onnee kee keessatti dhiira meeqa naqxee hooftaa
Hundumatti kokkolfaa deemtaa ilkaan kee manii keessa taa'uu
Yoo na dhiiste ni dhiista malee jaalala sobaan hin machaa'uu
Takka balleessaa hin qabdu dhiis anatu farda koo faalee
Anatu gabaa kee siif kaasee akkuma waaqaatti si ilaalee
Anatu mataarra si ka'aatee ati balleessaa hin qabduu
Waan na goote hundumaa gatii gaaf-tokko dhabduu
Aniis garaa siif kutadheeraa lammaffaa maqaakee dha'uu
Miidhamuun onnee kootii suma irratti na haa ga'uu
Utuun baayyee si jaalladhuu jaalala koof bakka dhabdee
Utuun baayyee si jaalladhuu nama kan biraa jalqabdee...
Maal gaafattee narraa dhabdee utuun jaalala keef cabee dhiiguu
Waadaa jaalalaa kee eeguuf jedhee utuun dachaaf gaara kutee fiiguu
Gufuu karaa keenya dura jiruu utuun hidda mataa kaasee diiguu
Imaanaan keenya ganamaa harra maaf namnii nyaatee
Aniis qofummaattan hafee atiis kan abbaa qarshii taatee
Maalumatu sitti dhaga'aama gaafa waa'ee koo-fa yaadduu
Maalumaaf jaalalan na qabdee gaafa qoraan malee na waadduu
Atiis anaaf nama xumuraa mitii simalee sagaltamii-sagaliin qabaa
Utuuma waanti fedhee dhufeeyyuu dhugaa rabbii kennaa koon dhabaa
Mee maalumaan si godhee kan jireenya koo mancaaftuu
Guyyaan tokko ni dhufa garuu kanatii imimmaan harcaaftuu
Kan lafarraa foqoqaa at gabbitee deebitu
Anan malees taasa kan bira hin ilaaltu!!
No comments:
Post a Comment