GAMMACHUU JIEREENYA KEEF QABAADHU


Jireenya keetti gammaddee jiraachuu barbaadda yoo ta'e,jireenya kee dorgommii hin barbaachisne irraa eeguun baay'ee murteessaadha.Jireenyi kee kan keeti.Isa milkeessuuf itti gaafatamummaa qabda. Garuu jireenya kee kan namoota si cinaa jiraniin walbukkee qabuun amala hamaa jireenya kee qisaasessudha. Kun jireenya kee keessatti humna akka dhabdu, jireenya keetti quufuu akka dadhabdu,muddamsa jireenyaan akka cinqamtu taasisa. Of ta'ii jireenya akkamii jiraachuun akka sirra jiru murteessi. Isaaf immoo karoora,qajeelfama qabaadhu.Itti qabamiis hojii jireenya kee gargaaru hojjechuu duudhaa jireenya kee geggeessu isa hangafaa taasifadhu. Jireenyi  akkanatti yeroo jiraatamu dhandhamaa gaarii horata. 

Ati milkaa'inaaf dhalatte. "Gochuu nan danda'aa" jettee isa yaaddu sana gochuu ni dandeessa. Gara sammuu kee kan dhufeyyuu waan ati gochuu, milkeessuu dandeessuuf. Kanaaf,ni dandeessa.

Hima kana ofitti dubbadhuu yaada barreeffama kanaa xiinxali."Jireenya koo keessatti isan qaqqabuu barbaadu sana qaqqabu nan danda'a"

No comments:

GAAFAN DU'EE SIIDAA KOO IRRATTI MAAL JETTANI BARREESSITU?

Guyyaa tokko namicha tokkotu daw’iidhaaf gara Amerikaa deeme jedhama. Biyyicha keessa olii fi gad deemee erga daw’atee booda dhuma irratti s...