Showing posts with label xiinxala. Show all posts
Showing posts with label xiinxala. Show all posts

ODEEFFANNOWWAN WAL QUNNAMTII SAALAA


●  Walqunnamtiin saalaa natti dhiitii sittan dhiitadha. Dhuunfaa ofiitif osoo hin taane akkuma dorgommii kuubbaa miilaa faayidaa walootif hojjachuun gaarii akka ta'e hubachuu qabna. Walqunnamtii saalaa gadi xiqqeessinaan wanta xiqqaa fi rakasa ta'eedha. Garuu yoo kabaja kennaniif kan akka walqunnamtii saalaa sammuu bilisoomsu, daandii jireenyaa yaaddoo malee kan qajeelchu, madda gammachuu hundaa oliiti.

☑️ Namoonni baay'een kana hin hubatan; Garuu odeessitoonni kun uuman wanta tokko akka itti hir'ise quba hin qaban; Innis walqunnamtiin saalaa maal akka ta'eefii madda gammachuu hundaa olii ta'usaa dagachuu isaaniti. Isaan kun miskiina uuman itti hir'iseedha. Isaan achumaa haa xibaaranii nuti gammannee wal haa gammachiisnu. 

☑️ Walqunnamtiin saalaa addunyaa tana bitaa akka jiru hin beekan; Olaantummaa walqunnamtii saalatiin kan ka'e namoonni bebeekamoon meeqa kabaja isaanii dhabaniiru. Hoggantoonni olaanon addunyaa kanaa meeqa sababa walqunnamtii saalaa kanaatin aangorraa furuursifamaniiru. Oduuwwan addunyaa hojii isaanii san jajuufis ta'ee qeequf gabaasaa akka turan seenan nutti odeessa. 

☑️ Eenyus ta'ee eenyuyyuu ijoollummaa isaarraa kaasee nama fedhu ishiinis guddattee heerumtee walqunnamtiin saalaas raawwatamee har'a ga'ame. Kanaafi jiruun lafa nuu qabannaan kan fuudhuf fiignu. Silaa maa kophaa hin jiraanne. Daa'ma barbaanneti akka hin jenne kan abbaa fi haadha hin qabne lafarra guute maa ofitti fuunee hin guddisne. Wal fuunan walqunnamtii saalaa waliin raawwachuufi.

☑️ Garuummoo walqunnamtiin saalaa walta'uu baannan ganamaa galgalli wal caqacaquudha. Bakka deemaniitti alagaatti wal hamachuu; Ijaan argaa wal jibbuu; Furmaanni xiqqoonillee kan dhabamu yoo ta'e hanga wal hiikutti deemmamuu danda'a. 

☑️ Yeroo ammaa kana firriyyuu balaa walqunnamtii saalatiif yeroo wal diinomsatu ni mul'ata. Walii amanamuu dadhabuu fi walitti ta'uu dadhabuu irraan kan ka'e gara biraa deemun wal shakkii hamaaf saaxileera. Kana jechuun walqunnamtiin saalaa kanserii fayyaalessa jiruu fi jireenya keenya to'ate ta'uu isaati. Warri kana osoo hin hubannee fi miira kanaa hin qabne garuu nuti fayyaadha jedhanii yeroo odeessan ni mul'ata. Garuu namni fayyaa qabu walqunnamtii saalaa ni jaalata hanga kaayyoo isa hin gachisiisnetti, iddoofii carraa osoo hin kennineef.

▪ Walumaa gala kaa walqunnamtiin saalaa akka baay'een keenya tuffannee gadi qabnee ilaallu osoo hin taane qaama jabaa addunyaa keenyaa kan ta'e, irree cimaa kan qabu, humna waan hunda too'achuu danda'uudha.

Miindaa ofitti amanamummaa dhabuu!


Ofitti amanamummaa dhabuun waan qabatanii jiraan nama harkatti busheessurra darbee gatii hin malleenuu of nama sharafsiisa. Isa kan keettii dugda si gachisiisee kan ormaaf harka si kennisiisa. Harka hin kenniin! Kana yaadatti qabachaama, fakkeenya tokko waliin haa ilaallu. Bara durii.... 

Bara durii namoota sadiitu adamoof manaa bahani. Guyyaa guutuu olii gadi fiigaa turanii homa tokkoyyuu hin arganne. Dadhabbiifi beela hammana hin jedhameen waan hubamaniif fala osooma dhahaa jiranii, namichaa gosaan warra guddaa kan hoolaa salgii isaatti baatee deemu tokko halaalatti argani. Isaan sadan keessaa tokko, "Namicha kana irraa humnaan hoolaa fudhannee qalannee nyaachuu qabna malee hin duunaa?" ittiin jechuun yaada dhiyeesseefii. Yaada kanatti mataa isaa oliifi gadi sochoosuun gammachuun walii galuu isaa ibse inni tokko. Inni hafe immoo, "Hoolaa kana fudhannee akka nyaannu fedha nan qaba, garuu akkamittiin akka irraa fudhannuuf falli jira" jechaa fala sana isaaniif dhiyeesse.  

Akkuma walii galtee isaanii gochuuf ka'ani. Karaa namichi irra darbu irra, fageenya murtaa'aan walirraa fagaatanii dhaabbatani. Inni jalqabaarra dhaabbatu namicha hoolaa baatee deemu sanaan, "Maali namichoo! Ati gosa warra guddaa taatee saree salgiitti baattee deemtaa? Namni biraan si argee osoo nama kolfaa si hin godhiin ofirraa darbi saree kana!" ittiin jedhe. Namichi inni hoolaa baatee deemu sunis, "Namichoo! Hoolaafi saree adda baafatteeyyuu hin beektuu? Maraataa! Kan ani baadhee jiru hoolaa malee saree miti. Ana osoo hin taane situ saree baatee jira" jechuun bira darbee deeme. Hoolaa isaa baatee osooma deemaa jiruu, bakka namicha lammataa gahe. 

Namichi karaarra dhaabbatee jirus hin callisne. Dabaree isaa, "Har'ammoo saree salgiitti baachuutu eegalamee,....safuu! Oollee bullee, waan hedduu arginee dhageenya. Maal taatee jirta namanaa?" yeroo jedhuunii, kan hoolaa baatee jiru sun akka duraa ija jabaatee ifachuu hin dandeenye. Ifachuu dhiisuurra darbee iyyuu nahee jira. Miira sodaa makateen, harka isaan qaqqabachaa hoolaa ofirratti ilaalaa, "Hoolaa mitimoo kanaan baachaa jiru? Hoolaa! Sareen kana hin fakkaattu" jedhee bira darbee deeme. Shakkiin baay'ee humna isa irratti godhatee jira. Hoolaafi saree ta'uu adda baafachuuf ofitti odeessaa deema.  

Isaa akkanaan jirutu nama sadaffaa bira gahe. Kan sadaffaan sunis, "Maaliif maqaa warra kee warra guddaa nyaatta? Saree baattaa? Isayyuu salgiitti! Osoo namni biraan sin argiin lafa buusii badi!" jedheen. Kana dhagahee qilleensa jidduu hin galchine kan inni hoolaa lafa buusee fiigichaa qajeele. Akkanaan hoolaa isaanii fudhataanii galani. Barbaachisummaa waan baatee jiruu dhabuun isaa hoolaa isa dhabsiise. Hoolaa ta'uu isa wallaalchisee salphina sareen salfachiise. Kun miindaa waan qabatee jiru wallaaluu, miindaa ofitti amanamummaa dhabuu isaati.  

Akka hin daganne! Hiree kee sumatu ofiif murteeffata. Eeyyeen sumatu! Gatiin kees madaala keen murtaa'a. Ofitti amanamummaa hir'attee caarrataa ofirratti hin baasiin. Gatii salphaan kan si sharafuuf qophaa'ee jiru hedduu ta'uu mala. Isa manaa baateef duubatti hin deebi'iin. Isa harkatti qabattee jirtus sirriitti beeki. Ofitti amanamummaa dhabdee warqee harka keerra jiru hin darbatiin. Ofitti amanamummaa kee cimsadhu!  

Harka hin kenniin! 

GAAFAN DU'EE SIIDAA KOO IRRATTI MAAL JETTANI BARREESSITU?

Guyyaa tokko namicha tokkotu daw’iidhaaf gara Amerikaa deeme jedhama. Biyyicha keessa olii fi gad deemee erga daw’atee booda dhuma irratti s...