MILKAA'UUF DHARRAA QABAADHU


Gurbaa tokkotu Sooqiraaxis bira deemee icciitii milkaa’inaa gaafate.Sooqiraaxisis ganama laga biratti akka wal-argan beellamee geggeesse. Ganamas laga biratti erga wal-arganii booda,Sooqiraaxis gurbicha waamee waliin bishaan seenan. Bishaanicha keessa utuu deemanii wayita bishaan morma isaan gahu,Sooqiraaxis mataa gurbichaa qabee, bishaan keessa gadi seensise. 

Gurbaanis waan ukkaamameef, bishaan keessaa ba'uuf wixxxiffachuu eegale. Garuu, Sooqiraaxis humnaan waan isa caaluuf,  bishaan keessaa ol-ba'uu hin dandeenye. Wayita gurbaan baay'ee hollatu Sooqiraaxis  mataa isaa bishaan keessaa ol baaseef! Gurbichi akkuma bishaan keessaa ol-ba'een jalqaba hafuura dheeraa baafate.Itti aansee Sooqiraaxis akkas jechuun gurbicha gaaffii gaafate.

“Wayita bishaan keessa turtetti waan ati bay'ee barbaadaa turte maalidha?”Jedheen! Gurbaa ammoo,“Qilleensa!” jedhee deebiseef! “Egaa kun icciitii milkaa'inaati. Akkuma wayita bishaan keessa turte sana qilleensa dharra'aa turtetti, milkaa'ina yoo dharraate ni argatta”jedhee deebiseef Sooqiraaxas.

Dharraan bu'uura milkaa'inaati! Milkaa'inni dharraadhaan eegala. abiddi xiqqoon waan baay'ee gubuu hin dandeessu. Dharraa xiqqoonis bakka guddaan nu ga'uu hin dandeessu!

Naapooliyoon Hiil namichi jedhamu sun maal jedhee ture seete, “Sammuun keenya waan yaade kamiiniyyuu milkeessuu ni danda'a!” jedhee ture. Eeyyeen dhugaadha. Yaada guddaa yoo qabaatte, yaaduma guddaa sana bira ga'uuf, dhamaatii guddaa kaffalta. Yaada xiqqaa qabaannaanis akkasuma.


No comments:

GAAFAN DU'EE SIIDAA KOO IRRATTI MAAL JETTANI BARREESSITU?

Guyyaa tokko namicha tokkotu daw’iidhaaf gara Amerikaa deeme jedhama. Biyyicha keessa olii fi gad deemee erga daw’atee booda dhuma irratti s...