๐ดSi'a tokko tokko akkuma osoo ilaalluu hin argine,waan sirrii dhiifnee waan nun madaalle hojjenna
➯ Amala jijjiirree mo'achuuf jennu santu mo'atee nu jijjiira
๐งถIsaan butamnee, namoota jiraachuu keenyaan gammadan mufachiifnee;namoota dhimma keenya hin qabneef waan taanu dhabna
๐ฏBakka yaanne ooluu dadhabnee,bakka jirru jibbina.
➯ Waan hojjennu filachuu dagannee,waan hojjenneen qabamna Jireenyicha nuffina
Dhimmichi akkuma dawaa dhibee yaaluuf liqimfamuuti,barbaannee miti
➯ Ani akkas hin ta'u hin jedhamu
➯ Garuu amala gaarii kunuunfachaa,kan ofirratti jibbinuu ammoo jijjiiraa gara namummaa Waaqayyo uumeetti guddachuun nii danda'ama
๐ Naamusni dhuunfaa hundee eenyummaan irratti bu'uureffamu keessaa isa angafaati
➯ Waadaa ofiif ykn nama biraaf galle eeguun naamusa keenyaafi kan namoota naannoo keenya gara gaariitti fidu
➯ Haalota utuu hin eegiin nu mudatan keessatti jechaa fi gocha ofii filachuun of to'annaa jalatti eeguun qooda keenya bahuu
"Shaakalli gadheen akka siree ciisichaaf mijatuuti.keessa seenuun salphaadha,keessa bahuun garuu cimaadha"
No comments:
Post a Comment