Showing posts with label nagaa. Show all posts
Showing posts with label nagaa. Show all posts

Ni dandeessa You can do it


➥ Wanti ati kun "hin danda'amu baay'ee ulfaataadha" jettu caaladhumattiyyuu sitti ulfaata.  Faallaa kanaa wanta ulfaatu kamuu kutannoodhaan itti deemnaan baay'ee salphaadha. 

➨ Injifannoon kee harka kee keessa jira. Abjuun kees hiika qaba. Waan abjootte immoo hiika itti kennuuf ammuma irraa dhama'i! Dhamaatii fi milkaa'inni kee hiika abjuu keeti.

➨ Abjuu kee of keessatti awwaaltee hafta taanaan ati ofiifuu hin taatu. Osoo ofiif hin taane namaaf ta'uun hin jiru waan ta'eef. Ofiif yoo taate kaaniif taata. 

➨ Jalqabni Milkaa'ina kee garuu anaa miti, isaa miti, ishee miti, isaan miti, nu'is miti, si'uma si'i mataa keeti. SITU SIIF HIIKA QABA. Hiika ofiif kenni namaa gaditti of hin ilaalin, namni ati ofii ol gootu hundinuu akkuma kee ji'a 9 tti dhalatee yeroo sana Maaliin si caala ture mee? Nuti hundinuu yeroo dirra lafaa kanatti dhufnu homaanuu wal hin caallu. Eegas booda namni akkaataa tattaaffii isaatiiniif akkaataa ilaalcha isaatiin wal caaluu jalqaba malee. 

➨ Kanaaf gabaabamatti wanti jechuu barbaadu, ilma namaa kana hundaaf yeroon wal qixa kenname. Siifi diina keetiifis wal qixa kenname, akkasumas atiif nama ati ofii olitti ilaaltuufis waluma qixa kenname. 

➨ Diina ofiitii gadi ta'anii diina ofiitti hajamuu caala wanti nama jibbisiisuu fi hamilee nama buusu hin jiru. 

Kanaaf teessee diina keetii gaditti ofi hin yaadiniitii yeroo walqixa siif kennamte kana isaa olitti fayyadamuuf yaali yoos caaluu dandeessaati.

➦ Wɑɑn beektɑnii fi dubbistɑn dhɑlootɑɑf dɑbɑrsɑɑ. Wɑliin bɑrɑnnee wɑliis hɑɑ bɑrsiifnu!  

Naaf jiraadhu harmee koo Sumaadha anteen koo


Riqicha too mootii 

Biiftuu too ganamaa 

Oolmaan kee ayyoo koo 

Maaliin  madaalamaa?


Jiruu  koo jiraatta 

Saggoo kee cabsitee 

Midhaan na nyaachisuuf 

Dhiiga kee cobsite 


Daawwitii jiruu  koo 

Ogeettii hundumaa

Naaf jiraadhu harmee  

Waggaa kuma kuma

YAA LEENCAA

 


Odoo gatiikee Beeknee

Silaa mukarra hin bultu

Barattii badeef malee

Daggala keessa hin galtu 

Barbaaddu lafaan dhooftee

Mataa gubbaarra teessaa

Maqaan keeyyuu mootiidhaa

Hammuma maqaa geessaa

Silaa ati hoogganaadhaa

Hundumaa ni ergattaa

Siree gubbaarra ciistee

Dammaaf cooma murattaa

Teessoo si jalaan deemu

Bookaf nadhii unnattaa

Aduun dirra kee hin nyaatu

Maasara keessa ooltaa

Kan feetetti hammaattee

Kan feetettimmoo toltaa

Miila keetis dhiqanii

Dibanii si nyaachisuu

Nyaatan barbaadadhaaf

Olif gad sin kaachisuu


~Ilaa.........


Ilaa mee yaa mootikoo

Ajajaa warra Guddaa

Ati ulfeeffamaadhaa

Mootii mootota hundaa

Waan tokko si gaafadhuu

Hundumaa ni dandeessaa

Beekaf wallaalaa hin jettuu

Hundayyuu ni dhageessaa

Garuu hanguma yoomiitti

Roobaf aduun dhaanamtaa

Gogaan kee miidhagaadhaa

Duutullee barbaadamtaa

Otoo guddaa taatee jirtuu

Maalif daggala teessaa

Maqaa kee yoo waaman

Hundumtuu si ulfeessaa

Baankiwwan biyya keenyaa

Maqaa keen moggaafamuu

Warshaalee bebbeekamoon

Maqaa keen oomishamuu

Gamoo babbareedaniis

Maqaa keen ijaaramaa

Warri sodaatamaaniis

Kabaja keen waamamaa


~Akkamiin hin beeknuree....


Akkanan waamamuukee

Dhageenyee quba qabnaa

Maaf hin beekne ni beeknaa

Akkamiin garaa dhabnaa?

Egaa yaa Leencotakoo

Dhaamsa tokkon siif dhaama

Har'aan booda maqaakee

Mootii jedheen si waamaa

Eeyyeen ati mootiidhaa

Daggalli siif hin maluu

Waangoo maasaraa yaasi

Inni daggala haa galuu

Hunduu si'iin of waamaa

Guddisee of dhaadhessuu

Hanga yoom kaa mootiikoo 

Mee kan bosona teessuu

Kabajamoo leencota koo

Addunyaan tun keessanii

Maqaan keessan ulfaadhaa

Hamma Maqaas geessanii

Maqaan kee mootiidhaa

Hooggansas ni dandeechaa

Teessoon kee maasaraadhaa

Baroodii kaa YAA LEENCAA

Sammuu ijoollee gabbisuuf


1. Hirriba Gaarii

Maatiif ijoollee raffisuun hojii guddaa tahuu danda'a. Hirribni sammuu daa'imaa gabbisuuf raffisuun gaariidha.

2. Muuziqaa

Keemikaalli doppaamiin jedhamuufi miira gaarii akka nutti dhagahamu taasisu yeroo muuziqaa dhaggeeffannu akka argannu ni hima.

Ijoolleen of-ibsuufi haasa'uun yoo isaan rakkise muuziqaa itti banuun sammuun isaanii akka xiinxaluufi waliigalteef qophaa'oo isaan taasisa.

3. Hiriyyaa wajjin taphachuu

Baayyeen keenya hiriyyoota keenya wajjin yeroo dabarsuu, kubbaa taphachuu yookiin fiilmii ilaaluun nutti tola.

Hiriyyaa wajjin yeroo dabarsuuf carraa argachuun fayyaa sammuu jabeessa. Hiriyyummaan dhiphina hir'isa, ofitti amanamummaafi gammachuu dabala.

4. Sosso'uu

Dammaqoo tahuun amala ijoollee tahuu akka qabu hunduu beekna.

Sochiin qaamaa keemikala sammuu isaanii sirreessuun fayyaa sammuu ijoollee ni fooyyeessa, kunimmoo amala isaaniis ni sirreessa.

5. Nama kan garaa itti himatan

Ijoollee waan garaa isaanii akka haasa'aniifi mari'atan gochuun barbaachisaa dha.

Qofaa isaanii akka hin taane isaaniif mirkaneessuufi dhukkubsachuun balleessaa isaanii akka hin taane itti himuun waan gaarii akka itti dhagahamu godha.

Ijoolleen sammuun isaanii fayyaa miti jettanii yoo yaaddan hakiimni yeroo yerootti akka isaan ilaalu gochuus qabdan.

Bututtii sammuu (burnout) maaltu fidaa?


¶ Hojii ofii irraa bu'aa gar-malee guddaa eeguu ykn karoora ifa ta'e dhabuu.

¶ Jireenya ykn hojii ofii irratti to'annaa dhabuu fi Jireenya ofiitiif madaala dhabuu..... hojii, bashanna, hariiroo maatii fi namootaa fi kkf walmadaalsisuu dhabuu.

¶ Haala hojii namaaf hin mijanne, burjaajii ta'e keessaa hojjechuu.

¶ Deggarsa maatii, hiriyaa fi kkf dhabuu.

¶ Hojii walfakkaataa, kan jijjiirama/dorgommii hin qabne hojjechuu.

¶ Nama mara gammachiisuuf yaaluu.

¶ Hojiin namatti baayyachuu, Yeroo ofii seeraan fayyadamuu dhabuu.

¶ Waan hin dandeenye, garmalee nama muddutti waadaa galuu

GAAFAN DU'EE SIIDAA KOO IRRATTI MAAL JETTANI BARREESSITU?

Guyyaa tokko namicha tokkotu daw’iidhaaf gara Amerikaa deeme jedhama. Biyyicha keessa olii fi gad deemee erga daw’atee booda dhuma irratti s...