๐ด Namicha tokkotu ture. Gaaftokko osoo karaa deemaa jiruu maangoo baay'ee bareedduu tokko argee. itti siqees kutate, baay'ees isatti toltee, nyaachuufis baay'ee gojomma'e.
๐ข Garuu waan tokko yaadate, haadha manaa isaa baay'ee jaallatuuf fuudhee galuu barbaadee, fuudheefis gale. Haati manaa isaas akkuma galeen nyaata baay'ee mi'aa ta'e dhiheessitee taa'itii nyaadhuu jetteen. Innis battaluma sana harka isaa kiisitti kaa'ee maangoo sana baasee waan kana siifan fide nyaadhu ittiin jedheen.
๐ด Isheen gammaddee harkaa fudhatte. Golatti galtee gaggaragalchitee ilaalte. Achumaan mucaa ishee baay'ee jaalattuu tokko yaadatte. mucichaafis kennuu yaadde. mucaa isheetiifis geessitee kennite. Mucichis baay'ee gammadee harkaa fudhatee yommuu ilaalu isattis baay'ee bareede. Mucichis geessee abbaa isaatiif kenne. Abbaanis baay'ee ajaa'ibsiifate. Harkaa fuudhee iddoo sadiitti kutee. Hundumti isaanii nyaatanii gammadan.
๐ต Jaalala jechuun nama harkaa fudhachuu osoo hin taane waliif kennuunis ni hogganama. Gammachuun, gammachuu nama harkaa fudhachuu duwwaa osoo hin taane namaaf kennuudhas.
➾ Waaqayyoo Jaalala dhugaa nuuf haa kennu๐
➾ Barri keessan kan jaalalaan ife isiniif haa ta'u!
No comments:
Post a Comment