1.Dhiifama gochuun mana hidhaa keessaa nama tokko baasuu dha;namichis sidha jedhama.Hamma namatti gadoo qabattee jirtutti nama tokkotu mana hidhaa jira.Namichi sun karaa ba’aa dhabee iyyataa jira.Innis si’uma mataa keeti.Namichi sitti balleesse tarii irraanfatee dhiiseera.Maal akka sitti balleesses hin beeku ta’a. Ati garuu yeroo hundumaa balleessaa isaa yaadachaa garaacha kee dhukkubsita. Nagaa of dhowwatta.Hamma siif danda’ame hundumaatti nama hundumaaf garaa qulla’aa qabaadhu. Balleessaa tokko lamaaf namaaf garaa hin kutatiin. Carraa biraa kenniif.Dhiifama gaafa namaaf gootu egaa bu’aan kee inni guddaan boqonnaa sammuuti.Sammuu keef boqonnaa kana kennuun mana hidhaa keessaa of baasuu jechuu dha. Bilisummaa dhugaa argachuu.Tarii badii namootaa irraanfachuu dadhabuu dandeessa.Sammuun namaa uumamaan filatee hin yaadatu.Tooftaan ittiin odeeffannoo sammuu kee keessaa haqxu hamma ammaatti hin jiru.Tasuma hin argattu.Waan sammuun kee yaadatu hundumaa yaadachuun kee dirqama. Kun dirqama uumamaati. Uumaan namni waan barbaadu duwwaa yaadatee waan hin barbaanne akka irraanfatuuf carraa hin laanneef.Badii isaanii irraanfachuu yoo dadhabde rakkoo hin qabu. Yeroo sana yaadattu hundumaatti miira sitti dhaga’amu to’achuu garuu ni dandeessa.
2.Dhiifama namootaaf gochuun dhukkuboota hedduu irraa si eega.Saayinsiin qoratee waan bira ga’en siif hima.Namoonni yeroo hedduu haaloo qabatanii wajjin jiraatan dhukkuboota hedduuf saaxilamu. Maaliif?Sababni isaa xiinsammuu namootaaf qaama isaanii gidduu hariiroon jiru cimaa waan ta’eef. Dhukkuboota namoonni dhukkubsatan keessaa hedduun yaada isaan yaadan waliin walqabatu.Dhukkuboota akka dhiibbaa dhiigaa, dhukkuba onnee fi kkf irraa si bilisoomsa. Maal jechuu akkan barbaade beekta. Nama si miidhe tokkoof dhiifama gochuun isaaf qofa utuu hin taane, ofii keefiyyuu bu’aa guddaa dha.Qorannoon saayinsii dhugaa kana deddeebi’ee mirkaneesseera. Namoonni gadoo kuusan, miira yakkamtummaa keessa jiraatanii fi dhiifama gochuuf fedha hin qabne carraan dhibee adda addaaf saaxilamuu isaanii daran guddaa dha. Kanaaf dhaamsi ani siif dhaamu inni guddaan ofiif jedhii dhiisiif. Maal wayyaree? Danda’i. Namoonni amalli isaanii rakkisoon waliin jiraachuun akka malee ulfaatu ni jiru.Garuu danda’i. Haa xiqqaatanillee malee namoonni miidhama gurguddaa sirratti hojjetan ni jiraatu. Danda’i.jecha arrabaa ati raawwattee irraanfachuu hin dandeenyeen kan si waraanan kan sagaleen isaanii inni lafee namaa cabsu yeroo hundaa gurra kee irraa iyyu ni jiru.Danda’i. Gaarummaa kee hammeenyatti jijjiiranii carraa argatan maraan maqaa keetti cilee kan diban ni jiru. Garuu danda’i.Namni bineensadha bineensa haala mijataa eeggatee harka irraa nyaate nyaatu. Danda’i! Irraanfadhu. Miidhama namoonni sirratti raawwatan yoo siif danda’ame irraanfadhu. Caba isaan si cabsan isa miira kee miidhe irraanfadhu.
3.Dhiifama gochuun yeroo kee isa gara fuula duraa siif miidhagsa.Yaadadhu!Dhiifama namootaaf taasisuun yeroo kee isa darbe hin jijjiiru.Miidhamni kee kanaan duraa yaadannoo sammuu godaannisa ta’ee hafa. Uumaan dandeettii taatee yeroo darbee sirreessuu nuuf hin laanne. Jaallannes jibbines wanta kaleessa hojjenne irra deebinee qajeelchuu hin dandeenyu. Waa itti hin daballu, waa irraa hin hir’ifnu.Gaarummaan isaa garuu dhiifama gochuun yeroo kee isa gara fuula duraa siif miidhagsa. Hariiroo ati nama si miidhe sana waliin qabdu siif jijjiira. Miirawwan nama miidhan warra akka haaloo qabachuu, dheekkamsaa, aarii, ija ba’umsaa fi kkf irraa si oolcha. Jaalala akka horattu si taasisa.Guutummaan guutuutti nama dhiifama gooteef tokkoof miira jaalalaa horachuun salphaa dha.Biriyaant Maakgiil maal jedhan?“Dhiifama malee jaalalli hin jiru, jaalala malee dhiifamni hin jiru!”Dubbii dhugaa fi amansiisaadha.Hin jaallattu yoo ta’e dhiisuufii hin dandeessu.Hin dhiiftuuf yoo ta’emmoo jaallachuu hin dandeessu.Jaalladhu.Jaalalli filannoo hin qabu.Namoota gaarummaa siif oolan filattee jaallachuudhaan warra si miidhan jibbuun qajeelfama jireenyaa isa sirrii miti.Uumama isaarraa eegalee namni kamiyyuu dadhabaa waan ta’eef balleessaa hundarraa bilisa ta’ee kan jiraatu hin jiru. Kanaaf jaalladhu.Namoota tokko tokko hojii isaanii yeroo yaaddu jaallachuun akka malee sitti ulfaata ta’a. Ta’ullee jaalladhu. Sababa hin funaaniin.Sababa malee jaalladhu.Namoota hundaaf jaalala haalaan hin murtoofne qabaadhu.
No comments:
Post a Comment