Showing posts with label aarii. Show all posts
Showing posts with label aarii. Show all posts

CIRRACHA HADHOOFTUU Gall Stone/Cholelithiasis


Baattuun hadhooftuu qaamota bullaayinna nyaataaf gargaaran keessaa tokko yoo taatu, kan argamtus garaa keenya gara mirgaatiin tiruu jalatti argamti. Hadhooftuun/baattuun hadhooftuu/ hammii fi bocni ishii abukaadoo xiqqaa kan ga'u ta'ee dhangala'aa bullaa'iinsa Lipiidii (coomaa, dhadhaa, buuphaa fa'aaf) tajaajilu kan tiruun oomishite erga bishaan keessaa dhimbiibdee tottolchitee booda ujummoo hadhooftuutiin gara mar'umaan xiqqaa dabarsiti. 

Cirrachi hadhooftuu keessatti uumamu hammaan gumaa xaafii kan gahuu kaase hanga kubbaa teenisii gahuu danda'a. Cirrachi kunis lakkofsaan gumaa tokko ykn gumaa hedduu ta'uu danda'a. 

Cirrachi baattuu hadhooftuu keessatti uumamu akaakuu lama qaba:

I- Cirracha Koolestirooli: Inni kun yeroo hedduu haalluu boora kan qabu yoo ta'u cirracha akaakuu lammataa caalaa kan yeroo hedduu muldhatuudha. Akkuma maqaan isaa addeessu cirrachi kun Koolestirool baay'inaan qaba.

II- Cirracha Piigimantii: kun ammoo halluu gurraacha cilee ykn xiqqoo daalachayu kan qabu yoo ta'u innis piigimantii bilirubin jedhamu irraa uumama. Bilirubin kun irra jireessan seelii dhiiga diimaa (umrii isaa fixatee diigamu) irraa argama.

Cirracha Hadhooftuutiif wontoota nama saaxilan keessaa:

▪︎ Nyaata Koolestirool hedduu qabu kana akka coomaa fa'a fayyadamuu.

▪︎ Fuduraaf kuduraa nyaachuu dhabuu.

▪︎ Dhiira irra dubara irratti heddumaata. Keessahuu dubartii heddu deesse irratti.

▪︎ Dhukkuba Sukkaaraa qabaachuu

▪︎ Furdinna qaamaa gar-malee guddaa ta'e qabaachuu.

▪︎ Yeroo kaan caalaa yeroo ulfaa irra heddumaata.

▪︎ Dhukkuba dhiigaa (akka bilirubinin jenne sun baay'atu godhan) tokko tokko qabaachun wontoota cirracha hadhooftuutiif nama saaxilan keessaa ijoo kan ta'anii dha.

Mallatoolee dhukkuba Cirracha Hadhooftuu: 

* Yeroo hedduu cirrachi hadhooftuu mallatoo dhukkuba kan hin agarsiifne yoo ta'u; namoota tokko tokko irratti carrachi/cirrachoonni baattuu hadhooftuu keessa jiran ujummoo hadhooftuu daddabarsitu kessaatti cuqqalamuu danda'u. 

Yeroo kana:

▪︎ Garaa keenya gara harka mirgaa ykn laphee irratti dhukkubbiin namatti dhagahamu.  

▪︎ Dhukkubbiin kunis sa'aa muraasaaf ture kan badu ta'uu isaafi yeroo biraas dhukkubbiin akkasii namatti deebi'ee dhagahamu. 

▪︎ Yeroma kana ceekuu gara mirgaa/ dugda keenya gara gubbaa jechuun lafee ceekuu lamaan jidduutti dhukkubbiin namatti dhagahamu.

▪︎ Nama lolloojjessuu ykn haqqisiisuu.

▪︎ Nyaata zayitiin itti baay'ate, foon, kallee, coomaa yoo nyaannu dhukkubbiin armaan olitti ibsamee jiraachuu ykn erga nyaanne booda miirri akkasii namatti dhagahamuu. 

* Amma dura cirracha hadhooftuu qabaachuu keenya beeknee:

☆ Garaa kenyaa gara mirgaatti ykn laphee irratti dhukkubbiin hamaan yoo nutti dhagahame.

☆ Hoo'i qaamaa fi dadhabiin dhukkubbii kana wojjiin yoo jiraate

☆ Akkasumas ijji keenya ykn gogaan keenya yoo boora ta'e  hatattamaan gara mana yaalaa deemuun barbaachisaa dha.

Maal haa goonu?

*Dhukkubbiin/mallatoolee armaan olitti eeraman yoo of irratti agarre mana yaalaa deemnee qorannoo adda addaa kan Doktorri kenyaa nuuf ajaje (kan akka Altiraasawuundii fa'a) gochu.

* Cirrachi hadhooftuu tasa dhukkuba biraa ilaaluuf jiraachuun isaa beekame kan dhukkubbii/ mallatoo dhukkuba sanaa hin qabne yaala hatattamaas ta'e ykn guutumaan gutuutti yaala kan hin barbaanne dha. Haa ta'u malee namoota dhukkuba sukkaaraa qaban akkasumas kan doktoriin otoo dhukkubni hin jiraatin yaalamuu qaba jedhe qofatu yaalama jechu dha. 

* Yaalli cirracha hadhooftuu dhukkuba qabuuf taasifamu baqaqsanii, muranii baasuu baattuu hadhooftu (Cholecystectomy) ta'uu mala. Qorichoonni yeroo dheeraaf fudhatamanii Ji'oota/Woggotta hedduu booda cirracha san bulbulan ni jiru. Garuu Qorichoonni kunniin  bulbuluu dhabuu danda'u kanaaf yaalli bu'a qabeessa ta'e kan Opereeshiinin baafamu san jechudha. 


OSOO HIN DHALATIIN DU'UUF ERGA DHALATANI DU'UU


Namoota erga du'anii waggaa 200 ol ta'an har'agaruu seenaan isaanii anaafi si warra lubbuun jiran caala kan dubbatamu baay'eetu jiru.

Namootni bayayeen du'anii jiratan.namootni baayyeen immoo osoo jiranii du'an.jiraachuun jirra jechuu miti.du'uum awwalamuu miti.awwaalamuunis du'ui irra baay'ee caala.nama hiikno jireenyaa galeef jiraachuunis du'uunis bu'aa qaba.namni hiikni jireenyaa hin galleef jiraachuun isaa jirraa qofaadha.Dubartii abbaan manaa ishee seenaa dalaugu jalqabee osoo hin xumuriin du'ee tokkotu turte.aabban manaa ishee hojii jalqabee osoo hin xumura isaa ijaan hin argine.garuu gaafa jalqabee akkamitti akka xumuruu qabu beaek.ijaan garuu osoo hin argiin du'ee.Haati manaa isaa garuu hojii inni jalqbee sana akkuma inni yaadetti galmaan geesse.gaafa hojiin isaa sun xumurame namoonnikumaatanim eebba isaa irratti argaman,dubariitn kun akkas jette"Abbaan manaa koo fooniin du'ee,hojii ija qbauun dhaloota kanaaf hafe."jette.argitanii!namni kun fooniin du'eera.dhalatee du'eera.osoo hin dhalatiin du'uu jechuun wanta hojjechuuf dhalatan osoo hin hojjetiin du'uu jechuudha.

Hiikaa jireenyaa yoo wallaaltee immoo akka piroofeesera baayyee baratee garuu hanga nama kutaa tokko baratee waan hin fakkatneef guyyaa tokko barataa isaa tokkoof qabxii 'F'jedhamu kenneef.Barataan kun abdii kutachuu irraan kan ka'e guyyaa tokko haala mijataa ilaallatee biiroo niacmha piroofeesera jedhamu kana seenuun har'a asumaattin si ajjees jechuun itti dhaaddate.piroofeeserri kunis itti kolfuun deebii isa irraa hin eegamnee akkas jechuun dubbate,"Duris natti toleen jiraachaa jira sitti fakkatee,yoo onnee qabaatte na ajjeesi"jedeh jedhama.

Argitte?Namichi kun duris nama isa ajjeesu dhabe malee du'a eeggataa ture jechuudha.

Suura yookiin viidiyoo qullaa waliif erguun kun wantoota qullaa qaama namaa agarsiisaan suuraan, viidiyoodhaan bilbilaa/kompiitaraan waliif daddabarsuudha


◉ Suura yookiin viidiyoo qullaa waliif erguun kun wantoota qullaa qaama namaa agarsiisaan suuraan, viidiyoodhaan bilbilaa/kompiitaraan waliif daddabarsuudha. Yeroo ammaa kana wanti kun baramaa dhufeera. Nama faana barreeffama walii babaarreessaa xiqquma osoo hin turree suura qullaa waliif erguun babal'ateera.

◈ Sababa ergamuuf :

➲ Of agarsiisuuf : Dhiirri tokko suura qullaa jaalallee isaa bilbila keessaa yoo qabaate ishii akka barbaade akka gochuu danda'u hiriyoota isaatti of agarsiisa.

➲ Jaalalaaf : Nama jaalattu tokko naa ergi erga jedheenii erguuf kaati, yoon erguu baadhe na jibba, na dhiisuu danda'a jettee waan yaadduuf.

➲ Amanamtummaa ofii dabaluuf : Dubartiin of kaaftee ergitu tokko akka waan guddaa jaalallee ishiitif ooltetti of lakkoofti. Waan jaalattuuf jaalala ishii ibsuu ishiiti.

◈ Rakkoo inni geessisu :

➠ Suurri/Viidiyoon kee tokkicha si harkaa baanan hin deebifattu. Suuraa/Viidiyoo kee akkataa inni itti fayyadamu too'achuu hin dandeessu. 

➠ Yoo wal dhabdan : Abbaa warraa/Jaalallee kees ta'ee dhiira itti ergite kamiiniyyuu wal dhabnaan siif rakkoodha. Hundumaa daddabarsuun ittiin haaloo si ba'a.

➠ Suurri qullaan kee faffacaanan immoo jireenya hawasummaa keessaa ba'uu keeti. Nama keessa ooltee galuun sitti ulfaata. Dachee kanarra jiraachuu si jibbisiisa. 

◈ Furmaata :

✔ Ammamiyyuu yoo isa jaalatte, ammamiyyuu yoo isa amante goonkuma of kaaftee hin ergin. Yoo si dirqisiisee ergitu malee jedheyyuu wanti hafe haa hafu, gargar ba'i malee dogongortee waan akkanaatti akka hin galle.

✔ Callistee kan of kaaftuuf : Dhiirri naaf ergi siin jechuu dhiisuu danda'a. Ta'us garuu yaaduma yeroo barbaadde of ilaaluuf akkuma qoosaa wayiitti kan of kaafteyyuu sumayyuu waan hin fayyanneef of biraa balleessi.

✔ Kana dura ergiteera yoo ta'e : Akka balleessu hubachiisi, yookin suuta harkaa fuudhii keessaa balleessi, iddoo baay'etti copy ta'ee jiraachuu waan danda'uuf bilbilichuma guutummatti haqi. Account isaa akka Fb, telegram yookin waanuma irratti ergite kamiyyuu keessaa akka badu taasisi. 

✔ Yeruma wal bira jirtaniyyuu wal kaasuun hin barbaachisu. Sirees ta'ee bakkuma kamittiyyuu innis silaa ni ka'a jettee akka wajjiin hin kaane.

✔ Too 'adhu : Walqunnamtii saalaas ta'ee gochoota isaan wal fakkaatan kamiifiyyuu yeroo inni si waame, mana inni itti si affeere too'adhu. Bilbila isaas ta'ee waan biraa dursii adda baafadhu. 

✔ Dhiirotaaf : Suura qullaas ta'ee kan isa fakkaatu kan haadha warraa/jaalallee kee ta'ee kan dubartii kamiiyyuu yoo si bira jiraate of biraa guutummatti haqi. Borus naaf ergi jettee goonkuma hin gaafatiin. Sababiin isaas dhiirri biraa Haadha/Obboleettii kee akkas gochaa kee akkas gochaa waan jiruuf.

Gorsa jaalalaa


1: Namni ati jaallattu yoo fuula sitti guure jarjartee hammeenyasaa hin dubbatin. Bor deebitanii gaafa walitti araaramtan gaabbii cimaa seentaatii

2: Nama tokkotti nama gaarii of gochuuf jecha hiriyyaa kee hin xureessiin. Haqni) dhugaan booda si gaafataatii 

3: Yeroo mara dhugaa dubbadhu. Gammachuun sobarraa maddu yeroomaaf malee booda sin fayyaduutii, Dhugaan harra dubbatte bultee si boonsitiitii

4: Baaltii jette jettee hin amanin. Amantees kan biraaf hin dabarsiin. Gaaf tokko si qaaneessaatii

5: Yeroo namni si arrabsu atis hin arrabsiin. Jalaa callisnaan ofiifuu gaabbee dhiisaatii

6: Jaalalleen kee Waadaa waliif qabdan cabsee yoo haala mijeeffate aariif xiiqiin ati waadaa kee hin cabsin. Diinummaas hin yaadiniif. Bor cubbuu waadaa kee lakkuu

kaffaluunsaa dirqamaatii

7: Kan si miidhe haaloo bahuu dhiisuun sodaa sitti fakkaatee xiiqiin haaloo bahuuf hin fiigiin. Haaloo (Ija'aa) dhugaan kee baatutu caalaatii

8: Waan bor darbuuf jaalalaan hin qoosiin. Bor dhala dhabuunis jiraatii

9; Jaalala fudhachuu qofa hin yaadiin. Oolmaa waan gaafatuuf kennii fudhu malee

Sodaan yeroodhan hin kolaafamne taanan humna yaaduu fi waa kalaquu namarraa mulqa.


Sodaan deebii yaada keetiti. Sodaan yeroodhan hin kolaafamne taanan humna yaaduu fi waa kalaquu namarraa mulqa. Inni jabaan sodaachuu dhiisudha,gootummaa. Icitiin sodaa kee injifattuun keessaa tokkoo fi jabaan wanta sodaattu hojjachuudha. 

Maalummaa sodaa tolchii adda baafadhu. Sodaa sumatuu uuma,sammuu kee keessa malee eessayyuu hin jiru. Sammuu kee keessaa dhabamsiisnan eessallee hin jiru jechuudha. Sodaa of keessaa balleesite taanan bakka garaa keetii,bakka abjuu fi Mul'ata keetii ni geessa. Kun immoo jireenya kee keessatti gammachuu fi nageenya guddaa siif kenna.


Galgala keessa abbaa manaadhaaf bilbilli bilbilama. Abbaan manaatis haadha manaatin "Bor firoonnikoo ni dhufna naan jedhan" jedhee waan bilbilaan dhaga'e itti hima.

Haati manaas akka aaruu wayii taatee " maal hojjechuu dhufu" jetteen. Abbaa manaa: maalan beekaree, garuu dhimma wayii qaabachuu danda'u nagaadhaaf dhufna nan jedhaniiru.

✔️✔️✔️✔️✔️✔️✔️✔️

Haadha manaa:isammoo meeqa ta'anii dhufukaa?

Abbaa manaa : isa hin gaafanne...nidhufna naan jennanan tole jedheen malee.

✔️✔️✔️✔️✔️✔️✔️✔️✔️

Haadha mana: ana maal na dhiberee haa dhufanika..

Abbaa manaa: qophaa'uu qabna. Keessummaan yeroo dhufu cal hin jedhamu.

✔️✔️✔️✔️✔️✔️✔️✔️✔️

Haadha mana: Ani wantan qopheessu tokko hin qabu. Silas waa'ee mana keenyaa isaanu ni beeku.

Abbaa mana: akkasimmaa hin jedhamu wanta bibbitamullee natti himiitii biteen waa qoqopheessinee eegna.

✔️✔️✔️✔️✔️✔️✔️✔️

Haadha manaa: waa tokkoyyu hin barbaachisu wanta jiru mi'effatu.

Abbaa manaa: maaltu jira? 

Haadha manaa: bishaanis yoo ta'e... kan biraa wantin qopheessu hin jiraatu

Abbaa manaa: lakkii dhiisi maaf akkas jetta. Namni fira qaba jedheetu nujaallatee mana keenya dhufa mitii...gaafuma ol lixanirre waan afaan kaa'atan haa qopheessinu.

✔️✔️✔️✔️✔️✔️✔️✔️✔️

Haadha manaa: haa dhufani wanta jiru nan dhiyeessafi. Akka kanatti utuma wal mormanii lafti bari'a. Abbaan manaatis ganamaan ka'ee waa'ee manicha yoo ilaalu oomtu hin jiru. Cireenis hin jiru. Haati manaatis cal cal jettee hirriibashi tumaa jirti. Yeroo kana argu abbaan manaatis mana dhiisee deeme. Battaluma inni manaa ba'een haati fi abbaan haadha manaa firoota ishee kan biroo wajjin baay'atani gara manaa dhufani. Yeroo kana rifattee lafa seentu wallaaltee gara abbaa manaa isheetti bilbilte....

✔️✔️✔️✔️✔️✔️✔️✔️

Haadha manaa: Maaliif firoonnikee nidhufu jettee natti hin himtu turte. Maalan sigodhe abbaa fi haadhako duratti na qaanessita Abbaa manaa: sitti himeen tureem 

Haadha manaa: Firoonnikoo ni dhufu nan jette malee fironnike ni dhufu naan hin jenne.

Abbaa manaa: Eeyyee garuu fironnikee firoota kooti jedhee wantan yaadufan akkas siin jedhe.

Haadha manaa: amma maal gochuun qaba? Bitaa natti galeera.

✔️✔️✔️✔️✔️✔️✔️✔️✔️

Abbaa manaa : keessummeessi kan biraa maal gootaree

Haadha manaa: wanti qophaa'e wantii gaarii tokkolle hin jiruum manni duwwaadha.

Abbaa manaa: maal wayyaree??

Haadha manaa: mana nyaatatiyis ta'u wanta nyaatamu fidii koottu malee..

✔️✔️✔️✔️✔️✔️✔️✔️✔️

Abbaa manaa: ani amma hojiirran jira dhufuu hin danda'u. Ati maaltu sidhibe cal jette wanta mana jiru kenniif. Manichafoohaaraa  miti ni beekuu.

Haadha manaa: wanti tokkoyyuu hin jiruuBishaanillee haa ta'u kenniif jedheen jedhama.

Gaarummaa yaaduu fi hojechuun ofumaafi.Rakkinni akkasii kun mana baay'etti ni

mullata.Obboloonni keenya doogoggora akkasii irraa of eegaa.Mee seenaa kana irratti eenyutu balleesse jettu?

Deebiisaa isiniifan dhiisa.

Ati maal akka tatee beeknan inni kan maal jedha hin aariin


Guyyaa tokko Simbirroon tokkoo fi kanniisni haasaa godhu ture.

Simbirroon sun gaaffii akkas jedhu kanniisa sana gaafate. "Erga itti dadhabdee, baay'ee dhamaatee, damma dammeesitee booda namni damma kee si jala hatee nyaata. Kun miira keessa si galchee sin aarsu?" jettee gaafatte.

Kannisni sunis akkas jechuun deebisteef "Waan tokkoyyuu nan aarsu. Sababiin isaa, namni damma koo hatuu danda'a malee ogummaan ittiin damma dammeessu hatuu hin danda'u" jettee deebisteef.

Kanaaf;

➥ Namni waan si keessa jiru, ogummaa Waaqni si keessa kaa'e argee itti fayyadamuu danda'u si qofa dha. Namni biraan gahuumsa dhokataa keessa kee jiru baasee fayyadamuu danda'u hin jiru.

➥ Namni waan ati of keessaa baastee hojjette, itti fayyadamuu danda'a malee, waan ati of keessatti ukkaamsitee irra teesse irraa fayyadamuu hin danda'u.

➥ Kanaafuu, ogummaa keessa kee jiru, gahuumsa dhokataa keessa kee jiru, isa eenyumtuu si jalaa hatuu hin dandeenye kanaan hojjedhu ofiif, dhalootaf bu'aa ta'i!

GAAFAN DU'EE SIIDAA KOO IRRATTI MAAL JETTANI BARREESSITU?

Guyyaa tokko namicha tokkotu daw’iidhaaf gara Amerikaa deeme jedhama. Biyyicha keessa olii fi gad deemee erga daw’atee booda dhuma irratti s...