HUMNAA JECHOOTAA


√ Rakkinni jira jedhee waanan sitti faarsuuf dirree rakkinaa keessa dhaabattee rakkina ofitti hin faarsiin, akka ati fala rakkinaa kaa'attuufan rakkina sitti faarse! 

√ Jireenya kee keessatti qooda rakkinni na hin mudatu jettee callistee waan hundumaa gootu, rakkinnis akka si mudatu tilmaamaa furmaata rakkinichaa kaawwachaa adeemun kee ejjennoo jalqabaa ta'uu gaba! 

√ Wantoonni jireenya kee mudatan ba'aa ulfaataa ati ofimaa kuffisuu hin dandeenye waan hin taaneef,  jala teessee imimmaan gaddaa dhugaa abjuu kee humna hin dhoowuwatin! 

√ Ati yeroo hundumaa hojiirra jirta yoo ta'e, dhiibbaan waan sitti baay'atuuf namoota dhiibbaan itti hin baay'anne ilaaltee mogoleen si hin bu'iin! 

√ Rakkina ulfaataa akkamii namooti baay'een 'ofirraa qolachuu hin dandeessu' jedhanii ittiin mataa si cabsan atis hin danda'u jettee teessa

taanan atis gargaaraa rakkinichaa akka taate beeki! 

√ Gaafa kufte lafa kuftee kaatee waan itti kuftee fi lafa itti kufte san irraa hin barattu taanan, ammas kufaatiin kee waan oolu miti! 

√ Karaa namoonni akka ati irra hin dabarreef si danquun mogolee kee si jalatti caccabsanitti yeroo adeemtu, humna amantii 'nan moo'adha!' jedhu malee moo'achuu danda'aa laata jettee gaaffii dalgaa of hin gaafatiin! 

Yoo waan qajeelaa hojjechuuhin dandeenye dafii du'i. 

√ Namaaf wanta gaarii yaaduun sitti ulfata yoo ta'e dafii maraadhu.

√ Ija gaarummaan nama ilaaluu hin dandeessu yoo ta'e dafii jaami.

√ Miilli kee iddoo gaariitti nama hin geessu yoo ta'e dafii naafadhu.

√ Qarshiin kee dhalootaa fi biyya hin oolchu yoo ta'e dafii deegi.

√ Beekumsi kee dhaloota ija hin qaru yoo ta'e dafii doofi.

➪ Walumaa galatti,  wanta gaarii hojjechuun sirraa fagaateera taanaan dafii

addunyaa kana gad-dhisii godaani.

√ Walii galtee dachee kanaa wajjin qabdu dafii addaan kutiitii du'i!√ Jechoonni humna cimaa qabu, fayyisuus ajjeesuus ni dandahu. 

1. Dirqama:

 namni kamuu waa barbaade gochuu ni dandaha, namni kamuu garuu wanta nan godha jedheef kutannoon inni

qabu murteessaadha. Waa gochuuf dirqama jennee qabanne galmaan geenya.

Fakkeenyaaf wanta nyaannu yoo hin qabaatiin nyaannu malee waan hin jiraanneef bakka lixnu lixnee waan nyaannu barbaaddanna. Milkaahuu keenya, fayyaa

keenya, nama gargaaruu fi gocha keenya mara dirqama yoo jenne huma milkeessina.

Kanaaf jechi kun, jijjiiraman bor fiduu barbaaduuf wantootan har'a akka dirqamaatti fudhachuu malu na yaadachiisa.

2.Yoo ta'ehoo: 

 Baay'een keenyi fuulduratti tarkaanfachuurraa wanti duubatti nu harkisu

yoo jiraate sodaadha, sodaa baay'ee of keessaa qabna sana karaan itti mo'achuu dandeenyu tokko jedha kanaani, waan

sodaannu sana 'yoo ta'ehoo maalidharee' jennee yaaduun ulfaatina waan sodaanne sanaa salphisuu fi waan sodaannu sana ammumaa itti karoorfannee tarree waanammumaa itti karoorfannee tarree waan

sodaannuu keessaa baasuu dandeenya.

3.Amantii:

 Amantii yennaan jedhu amantii ofirratti qabnu, amantii boru irratti qabnu,

amantii milkaahuu wantootaa irratti qabnu.

Waan itti hin amanne irratti hin milkoofnu, hin dhamaanus. Waan itti amanne irratti garuu

wanti duubatti nu dhorku dhiballee, moo'annallee. Kanaaf ofitti haa amannu, waan gochuu dandeenyu irratti haa amannu,

boru guyyaa gaarii akka agarru haa amannu yennas boru gaarii ta'ee arguu barbaadnu sanaaf kutannoon hojjechuun nuu salphata.

4.Jaalala: 

Marti keenyu waan jaalannuuf dursa kennina, ittis milkoofna. Waan goonu mara jaalalaan gochuun waa mara sana irratti akka gammannu, namoonnis akka gammadan, akka milkoofnus nu gargaara. Mee waan goonu hammam jaalanna?

Hammamoo gocha keenya mara keessatti jaalala calaqqisiisna? 

5.Jijjiiruu hin dandahu: 

Eeyyee waa baay'ee gochuu dandenya, garuu wantoonni nu gochuu hin dandeenyes danuudha.

Fakkeenyaaf du'aa kaasuu hin dandeenyu, gaara dhiibuu hin dandeenyu... isa jirurratti hojjechuu, dhagaa dandeenyu darbachaa garuu gaara biraa hojjechuu dandeenya.

Amantiidhaan waan jedhamu jechaa hin jiru. Kana amannee fudhachuun ba'aa guddaa

humnaa olii of baachifnee akka hin deemneef nu gargaara. Waan jijjiiruu hindeemneef nu gargaara. Waan jijjiiruu hin

dandeenye osoo hin ta'iin waan jijjiruu dandeenyu irratti akka xiyyeeffannuuf, waan hin jijjiiramnerra, waan jijjiiramurratti yoo dhamaane jijjiirama waan fidnuuf. Waan hin jijjiiramnerratti yeroo gubuunillee hin barbaachisu.

6.Xiyyeeffannoo:

 Namni waan baay'ee qabatee deemu tokkollee dhaba, namni waa

tokko irratti xiyyeeffatu garuu waa xiyyeeffate sanarratti namni isa caalu hin jiraatu. Waan kumaatamaan of dhiphisuurra

waan tokko irratti xiyyeeffachuun milkaahoo nu godha.

7.Tokkoffaa (best jechuu barbaadeeni):

Waa hojjennu mara bilcheessinee hunda caalaa gaarii akka ta'u goonee hojiin keenyi akka jaalatamu, sadarkaa qulqullina wanta sanaas akka nuyi dursinuufi, nuun akka hiikkaan qulqullinaa kennamuuf nu gargaara.

Nan fiiga yoo ta'e tokkoffaaf fiiguu jechuudha, nan sirba yoo ta'e sirba namni gurra irraa fageessuu hin barbaanneefi

afaanirraa hin buufanne sirbuu fi kkf.

8.Madaala: 

As kanatti 'balance' jechuu barbaadeeni. Jireenyi gaarummaaf of jaalachuu qabdi, kennuuf fudhachuu qabdi,

adiif gurraacha qabdi, iyyaaf calleensa qabdi, gaddaaf gammachuu qabdi. Hunduu garuu bakkatti nu barbaachisan qabu, bakkattimmoo nu hin barbaachifne qabu. Namni yeroo hunda jaalala namaaf kennuNamni yeroo hundaa jaalala namaaf kennu ofiisaaf jaalala hin kennu taanaan ofii du'aa deema, namni of qofarratti xiyyeeffatu hammamuu milkaa'us gammachuu dhaba. Kanaaf waanneen akkasii madaala qabsiisanii deemsisuun ogummaa jireenya namni hundi barachuu maludhaan jedha… itti fufa

9.Jalqabi:

 Yeroo baay'ee jalqabuun ni cimti, haa jennuutii konkolaataa dhiibuun dirqama

sitti ta'e, jalqabarra humna qabdu maraan dhiibdeemayyuu sochoosuu dadhabuu dandeessaa... erga eegaltee garuu humni ati baastu humna sichii konkolaataa sanaa itti

fufsiisuuf barbaachisu qofadha. Baay'een keenyi waa baay'ee yaadna, garuu hin eegallu, haa eegallu. Eegallii malee itti fufinsi

hin jiraatuhoo!

10.Gurguri: 

Baay'een keenyi waan qabu dubbachuu dhiisuudhaan waan gaarii ta'ee nutti mullachuu mala. Akka amala gaariitti waan fudhatamuuf. Gariin jeenya ammoo hojiin keenyi qofti haa dubbatu malee an waanan qabuuf dandahu dubbachuun of

tuulummaa yookiin of jajuu fakkaata jennee yaadna. Dhugaan jiru garuu nu dubbannees ta'e hojjennee, dibannees ta'e uffannee of hin

gurgurru taanaan wanti gochuu dandeenyu baay'ee xiqishuudha yookiin hin jiraatu. Haalatti nama waaliin walii gallee waan

qabnu gurgurannu beekuun nurra jiraata. Waa'ee gurgursa cubbuutti nu galchuu dubbachaa hin jiru, waa'ee gurgursa waandubbachaa hin jiru, waa'ee gurgursa waan

guddaa akka hijjennu karaa nuuf saaquu malee! Uffata xuraahaallee uffannee namni akka nama qulqullina isaa sirriitti nama eeggatuutti nu ilaalu eeguun fafa waan ta'eef. osoo hin himatiin yookiin hin agarsiifatiinis namni akka nuu baru eeguun gowwummaa waan ta'eef. Har'aaf jechoota kanan qaba. 

✅ Jecha kamtu hiikkaa cimaa isiniif godhate laata?

✅ Jechi cimaan isiniif hiikkaa cimaa baatuhoo maali


No comments:

GAAFAN DU'EE SIIDAA KOO IRRATTI MAAL JETTANI BARREESSITU?

Guyyaa tokko namicha tokkotu daw’iidhaaf gara Amerikaa deeme jedhama. Biyyicha keessa olii fi gad deemee erga daw’atee booda dhuma irratti s...