Showing posts with label gargaaramuu. Show all posts
Showing posts with label gargaaramuu. Show all posts

Kanneen kana beekta lataa?


■ Jireenyi patternii mataa ishee qabdi! Hack gochuun gahee keeti. 

■ Namoonni hedduun osoo eenyummaa kee hin hubatin, jireenya kee karaa hedduutti hiikkatu. 

■ Namni biraa akka si jaallatuuf of hin jijirin, Namni dhugaa akka si jaallatuuf of ta'i. 

■ Gatii osoo hin baasin kaayyoon ati galmaan geessu hin jiru, hin jiraatus. 

■ Ilmi namaa gaafa gad-jettuuf si tuffata. Garuu, Waaqni gaafa ati jilbeeffattuufii ol si qaba.

■ Kan baatu ni ulfaata yoo jedhu. Kan baachiisu salphaadha jedha. 

■ Namoota nu cunqursaniif dhiifama gochuun moo'amuu osoo hin taane, Jaalala barsiisudha.

IDDOOWWAN MIIRA DUBARAA ➥ BAKKEEWWAN QULFIIN ITTI ARGAMTU


➠ Dhiirri tokko sireeratti miira dubaraa erga kakaasee ofii gadi lakkisee booda ishiinimmoo xiqqoo kan hafu ta'e 'maaloo maalif dhaabda raawwadhu malee' yeroo jettu kan isaammoo fedhiin du'ee waan jiruuf waan godhu yoo dhabu, deebii ishiidhaa laachuu yoo dadhabu qaanii guddatu itti dhaga'ama.

➠ Dhiira tokko jiruuf jireenya walqunnamtii saalaa inni raawwatu keessatti kan isa gammachiisu yoo jiraate yeroo wal qunnamtii saalaa raawwatu yoo ishee amansiisedha. Yeroo dubartiin miiran aaddu,hoollattu arguun isa boonsa. Keessattuu dhumarra geessee yeroo ishiin gammachuun waan hasoftuu fi dhiistu walii wallaaltee xibaartu, miiran addunyaa daaktu, hollachaa yeroo diriirtu arguun dhiirummaa isaa akka itti dhaga'amu godha.

➠ Toora kana irra ga'uuf yeroo dhiironni baay'een gola keessaa rakkatan ni mul'ata. Rakkoon kun kan muudatu hir'ina beekumsa walqunnamtii saalaa fi dubaratti siqanii fedhii ishii hubachuu dadhabuu irraan kan ka'e ta'us, baay'een keenya barumsa walqunnamtii saalan wal qabatu baruu hin barbaannu, akka waan badii wayiitti ilaalla; Nama waa'ee isaa nutti himuuf deemus halaalatti baqanna.  Ergamaa seexanaa fakkeessina. 

➠ Dhiironni baay'een fedhiin dubaraa akka dachaa sadi kan warra dhiira ta'e ni dubbatu. Gowwummaan isaani immoo toofta dachaa sadi jedhan kana irra aanuf barumsaa kennamu akka waan safuun cabeetti ilaaluu isaaniti. "Walqunnamtiin saalaa  barumsa maal barbaada?, nafsaala dubaraa yoo ta'e mudhii gadi ta'uu hundatu beeka" jedhee mucaan natti odeesse tokko jaarsa ergee  dubartii fuudhe takka osoo ji'a ja'a hin turin walhiikuu isaanin dhaga'e.

➠ Obboleessa koo mudhii gaditti kan argattu iddoo walhormaatati malee miira kakaastuun achi qofatti kan hundoofte miti. Hidhii ishii laafaa, harma dhaabbataa, dabbasaa luuccaa jigaa,gogaa ishii laafaa, mudhii ishii, sarbaa ishii, daalleeshii, mormashii yeroo laaltu keessa keetti ibiddi boba'u maalif sitti fakkaata? Akka magneetitti kan ofitti si harkisu nafti ishii waan chaarjii faallaa kee qabduufi.

➠ Jaallee koo Intala durbaa sex dhan jilbeeffachiisuu yoo barbaadde qaamota ishii miira kakaasan adda baafadhu. Gara hojiitti seenuu keetin dura bilisummaa kee labsuu qabda. Jidduu keessan sodaan jiraannan hatattamaan cabuu qaba. Walqunnamtiin saalaa sirnaan akka wattaadaraa yookin paarlaamaa sa'aatii eeggatee raawwatamee xummuramu miti. Ishiittis akka itti tolu gochuuf jalqabarratti keessa kee dhaggeefadhu. Hidhiin ishii ofitti nama fuudhaa? Harmi ishii miira namatti kaasaa?

➠  Kutaa qaama ishii sitti tole harka irra oofaa itti himi. Waktii kana miirri kee gaale keessoo ishiitti qaqqabachuu eegala. Akka nama massage hojjatuu qaama ishii hunda yeroo susukkuumtu miira keessa galtee afuufamti. Kana gochuun kee akka ati sex qofaaf ishii hin barbaanne hubatti. Ishii gammachiisufis dhamaatii kee ni barti.

➠  Gochoonni walqunnamtiin duraa dubara  gammachiisuf ogummaa addaati. Dhiironni jaallallee isaanii gammachiisuf ogummaa kanatti dhimma ba'u. Qaama ishii kakaaste walqunnamtii saalatif qopheessuf akkuma radiyoonii durii gurratti of siqsitee xaabiyaa garaagaraa barbaaduf dhaggeefattu san qaama ishii takka takkaan sakatta'aa dhaggeefadhu. 

➠ Jalqaba gaafa dubaraa/niitii/jaalallee kee waliin walqunnamtii saalaa raawwachuuf carraa argatte sireetti hin fiigin yookin iddoo teesson jirutti hin deemin. Dirreedhuma duwwaa wayiitti akkuma utubaa mana dhaabi. Harkaan hin tuqin. Ittuma marsiiti haala qilleensaa hubachaatuma itti siqi.

➠ Erga qilleensa naannoo to'attee itti siqxe ammas utaaltee jala hin bu'in. Harka kee rifeensa  mataa ishiirra kaa'i. Suuta jedhiiti quba keetin dabbasaa ishii fooyi. Akkuma abbaan sangaa isaa didaa san hooqutti atis mataa ishii hooksi. Akkuma haati da'ima hooksitee raffistutti atis hooksii miira dammaqsi.


☑️ Jaalalleen kee si barbaacha mana ati jiraattu dhufte. Si bira buluuyyuu dandeessi. Halkan sex haa goonu jettee gaafatta. Lakki siin jetti. Humnumaan raawwatta. Osuma sitti hin dubbatin ganama kaatee qajeelti. Torbee tokko boodas dhuftee si bira bulti. Akkuma amala kee har'as haa goonu mitii jettee gaafatta. Hin ta'u siin jetti. Humnuma kee fayyadamtee fedhii kee baatee irraa garagalta. Haadha warraa kees yoo taate callisteetuma si ilaalti. Gonkumayyuu ni raawwanna hin jettu, si hin gaafattusi. Ati taa'ituma ishii eegi.

☑️  Erga dhuftee si bira bultee gaaffii kan maal ta'u gaafatta? Ishiinoo erga dhuftee si bira bultee hin ta'uun maalinni? Maal barbaacha dhufteree?

 Erga si jala ciiftee ati raawwachuuf yeroo fiigdu of irraa si darbatti. Ishiin horii miti nama waan taatef si diddi. Qaama adoodee ciisu yeruma tokkoon akkamitti itti seensisuuf fiigda? Muu! Eeletti osoo ibidda hin qabsiifne lixii irratti gadi naquu?  Intala si jala maramtee ciiftu kofa jidduudhaa maal goota? Sa'aatii kana waakanaa eessa si jalaa dhaqa? Osoommoo akka muddamtetti turtee akkam gaarii ture.

☑️  Dubartuma kamiyyuu walqunnamtii saalaa haa goonu jettee gaafachuu si hin barbaachisu. Ati gafannaan niitin keeyyuu tole hin jettu. Waa'ee isaas ta'ee maqaa isaa nama jaallattu kamittuu akka itti hin dhoofne. Yoo haa na baqattuu barbaadde malee. Gaaf tokkoyyuu walqunnamtii saalatti karoora hin baasin. Jaalaluma qofa taphachiisi.

☑️  Dubartiinis midijjaa mataa ishii qabdi. Osoo walqunnamtii saalaa hin godhin midijjaa ishiitti ibidda qabsiisuu qabda. Suuta harka kee mataa ishiirra godhii hooksi. Jaalala qofa itti haasa'i. Addunyaa kanarra namni ishii caala miidhagu akka hin jirree ibsiifitii sobas ta'u garaa guuti. Akka jaalala ishiitif of rarraastu itti himi ofii keetii garuu gufuu xiqqooyyuu eeggadhu. Gurra ishii dhungadhuu hafuura kee itti baafadhuu. Jechoota lafarra hin jirree gurratti xibaari. Suuta deemi sa'aatiin ganaadha. Mormi ishii alangaa ta'uu itti himi waan fedhes ta'u. Karaa duubaa yookin cinaadhan mormatti dhungoo lakkisi. Ishiinis amma ho'aa jirti. Uffata mormaa gadi suutuma gadi siqsaa dhungachaa deemi. Qaama tokko irraa gara qaama biraatti yeroo ceetu of eeggachaa deemi. Deebii ishiin siif laattu hordofaa deemi.

☑️  Harma bira geessera. Suutuma caafii harmaa quba keetin tuttuqi. Fiixee arraba keetitiin arraabi. Geengoo kaasi. Golba harma jidduu arraba kee irra foqoqsi. Gara handhuuratti dhungachaa gadi koottu. Harkaan immoo harma gadi hin dhiisin. Arraba keetin keessoo handhuuraa arraabi. Ishiinis danfaa deemterti. Gara dhabdeet walii gadi waallalti. To'annoo kee jala galuu ishii amanteerti. Garuu afaanii baafattee amma si kadhattutti ati ibidda itti lokkosuu kee ittuma jabeessaa deemi. Amma bakka kaatef geessera. Yeruma uffata jalaa irraa baastuyyuu suuta jedhi. Dakaan ga'iitii itti ol deebisi. Fuula ishii dubbisi. Akka si hin rukunnes of eeggachaa miira ishiitti taphadhu. Yoo barbaadde yeruma xiqqoodhaf addaan kuti. Haa gubattuyyuudha. Of wallaaltee si haa kadhattu. Osoo hin qorrine dafii itti deebi'ii irra marsi. Kana booda fedhiin ishiis mataa koreera waan ta'eef atis intala akka dammaatti baqxee, akka aannaniitti mi'ooftee, akka birraabirroo kochoo baaftee tana fudhuutii balali'i.


Miindaa ofitti amanamummaa dhabuu!


Ofitti amanamummaa dhabuun waan qabatanii jiraan nama harkatti busheessurra darbee gatii hin malleenuu of nama sharafsiisa. Isa kan keettii dugda si gachisiisee kan ormaaf harka si kennisiisa. Harka hin kenniin! Kana yaadatti qabachaama, fakkeenya tokko waliin haa ilaallu. Bara durii.... 

Bara durii namoota sadiitu adamoof manaa bahani. Guyyaa guutuu olii gadi fiigaa turanii homa tokkoyyuu hin arganne. Dadhabbiifi beela hammana hin jedhameen waan hubamaniif fala osooma dhahaa jiranii, namichaa gosaan warra guddaa kan hoolaa salgii isaatti baatee deemu tokko halaalatti argani. Isaan sadan keessaa tokko, "Namicha kana irraa humnaan hoolaa fudhannee qalannee nyaachuu qabna malee hin duunaa?" ittiin jechuun yaada dhiyeesseefii. Yaada kanatti mataa isaa oliifi gadi sochoosuun gammachuun walii galuu isaa ibse inni tokko. Inni hafe immoo, "Hoolaa kana fudhannee akka nyaannu fedha nan qaba, garuu akkamittiin akka irraa fudhannuuf falli jira" jechaa fala sana isaaniif dhiyeesse.  

Akkuma walii galtee isaanii gochuuf ka'ani. Karaa namichi irra darbu irra, fageenya murtaa'aan walirraa fagaatanii dhaabbatani. Inni jalqabaarra dhaabbatu namicha hoolaa baatee deemu sanaan, "Maali namichoo! Ati gosa warra guddaa taatee saree salgiitti baattee deemtaa? Namni biraan si argee osoo nama kolfaa si hin godhiin ofirraa darbi saree kana!" ittiin jedhe. Namichi inni hoolaa baatee deemu sunis, "Namichoo! Hoolaafi saree adda baafatteeyyuu hin beektuu? Maraataa! Kan ani baadhee jiru hoolaa malee saree miti. Ana osoo hin taane situ saree baatee jira" jechuun bira darbee deeme. Hoolaa isaa baatee osooma deemaa jiruu, bakka namicha lammataa gahe. 

Namichi karaarra dhaabbatee jirus hin callisne. Dabaree isaa, "Har'ammoo saree salgiitti baachuutu eegalamee,....safuu! Oollee bullee, waan hedduu arginee dhageenya. Maal taatee jirta namanaa?" yeroo jedhuunii, kan hoolaa baatee jiru sun akka duraa ija jabaatee ifachuu hin dandeenye. Ifachuu dhiisuurra darbee iyyuu nahee jira. Miira sodaa makateen, harka isaan qaqqabachaa hoolaa ofirratti ilaalaa, "Hoolaa mitimoo kanaan baachaa jiru? Hoolaa! Sareen kana hin fakkaattu" jedhee bira darbee deeme. Shakkiin baay'ee humna isa irratti godhatee jira. Hoolaafi saree ta'uu adda baafachuuf ofitti odeessaa deema.  

Isaa akkanaan jirutu nama sadaffaa bira gahe. Kan sadaffaan sunis, "Maaliif maqaa warra kee warra guddaa nyaatta? Saree baattaa? Isayyuu salgiitti! Osoo namni biraan sin argiin lafa buusii badi!" jedheen. Kana dhagahee qilleensa jidduu hin galchine kan inni hoolaa lafa buusee fiigichaa qajeele. Akkanaan hoolaa isaanii fudhataanii galani. Barbaachisummaa waan baatee jiruu dhabuun isaa hoolaa isa dhabsiise. Hoolaa ta'uu isa wallaalchisee salphina sareen salfachiise. Kun miindaa waan qabatee jiru wallaaluu, miindaa ofitti amanamummaa dhabuu isaati.  

Akka hin daganne! Hiree kee sumatu ofiif murteeffata. Eeyyeen sumatu! Gatiin kees madaala keen murtaa'a. Ofitti amanamummaa hir'attee caarrataa ofirratti hin baasiin. Gatii salphaan kan si sharafuuf qophaa'ee jiru hedduu ta'uu mala. Isa manaa baateef duubatti hin deebi'iin. Isa harkatti qabattee jirtus sirriitti beeki. Ofitti amanamummaa dhabdee warqee harka keerra jiru hin darbatiin. Ofitti amanamummaa kee cimsadhu!  

Harka hin kenniin! 

YAA LEENCAA

 


Odoo gatiikee Beeknee

Silaa mukarra hin bultu

Barattii badeef malee

Daggala keessa hin galtu 

Barbaaddu lafaan dhooftee

Mataa gubbaarra teessaa

Maqaan keeyyuu mootiidhaa

Hammuma maqaa geessaa

Silaa ati hoogganaadhaa

Hundumaa ni ergattaa

Siree gubbaarra ciistee

Dammaaf cooma murattaa

Teessoo si jalaan deemu

Bookaf nadhii unnattaa

Aduun dirra kee hin nyaatu

Maasara keessa ooltaa

Kan feetetti hammaattee

Kan feetettimmoo toltaa

Miila keetis dhiqanii

Dibanii si nyaachisuu

Nyaatan barbaadadhaaf

Olif gad sin kaachisuu


~Ilaa.........


Ilaa mee yaa mootikoo

Ajajaa warra Guddaa

Ati ulfeeffamaadhaa

Mootii mootota hundaa

Waan tokko si gaafadhuu

Hundumaa ni dandeessaa

Beekaf wallaalaa hin jettuu

Hundayyuu ni dhageessaa

Garuu hanguma yoomiitti

Roobaf aduun dhaanamtaa

Gogaan kee miidhagaadhaa

Duutullee barbaadamtaa

Otoo guddaa taatee jirtuu

Maalif daggala teessaa

Maqaa kee yoo waaman

Hundumtuu si ulfeessaa

Baankiwwan biyya keenyaa

Maqaa keen moggaafamuu

Warshaalee bebbeekamoon

Maqaa keen oomishamuu

Gamoo babbareedaniis

Maqaa keen ijaaramaa

Warri sodaatamaaniis

Kabaja keen waamamaa


~Akkamiin hin beeknuree....


Akkanan waamamuukee

Dhageenyee quba qabnaa

Maaf hin beekne ni beeknaa

Akkamiin garaa dhabnaa?

Egaa yaa Leencotakoo

Dhaamsa tokkon siif dhaama

Har'aan booda maqaakee

Mootii jedheen si waamaa

Eeyyeen ati mootiidhaa

Daggalli siif hin maluu

Waangoo maasaraa yaasi

Inni daggala haa galuu

Hunduu si'iin of waamaa

Guddisee of dhaadhessuu

Hanga yoom kaa mootiikoo 

Mee kan bosona teessuu

Kabajamoo leencota koo

Addunyaan tun keessanii

Maqaan keessan ulfaadhaa

Hamma Maqaas geessanii

Maqaan kee mootiidhaa

Hooggansas ni dandeechaa

Teessoon kee maasaraadhaa

Baroodii kaa YAA LEENCAA

Yaa carraakoo kanaa

 


Carraakoo barbaacha

Fiigee gaara yaabee

Aduun natti dhiinaan

Karaa bu'aan dhabee


Bohee fala dhabee

Waan falu wallaalee

Agartuunkoos tiifee

Lolaatti na dabalee


Gaara konkoladhe 

Ergan laga bu'ee

Harkumakoon daakeen

Qarqaratti bahe


Huccuukoo qoorfadhee

Ka'ee ol dhaabadhee

Mucaccadhee kufeen bishaan habbuuqadhee


Utuu carraa eeguu

Carraan na dabarsee

Bishaan baay'ee dhugeen

Garaa na bokoksee


Naachi na gototee 

Galaanaa na baasee

Qeensaan na moccoree

Hirribaa na kaasee


Boruukoo abdadhee

Har'a utuun daaddisuu

Mul'atakoo arguuf

Utuu abjuun qaxxisuu

Boruun booruu ta'ee

Borutti na dabarsee

Carraan naf qajeelee

Ganda irra na joorsee

Kosii gandaaf baadheen

Saggookoo na cabsee


Aduu keessa taa'ee

Garaa waaqaa ilaalee

Carariin waaqarra gad na mil'attee

Ifakoo fudhattee dukkana naaf laattee

Ilaaluu hin danda'u

Yaadan nan leela'a

Agartuukoo dhabus

Sammuun na raata'aa


Dukkanicha dheessuuf

Duubatti baqadhee

Namummaakoo dheessuuf

Utaleen naafadhee

Carraan naaf qajeellee

Golatti na galchee

Gurbaa nan nyaadhaatti nyaatame


Konkolaataa keessattidha. Gurbaa duubarra taa'eeru tokkotu ture. Jalqaba erga konkolaataa seenee kaasee ijjisaa mucayyoo tokkorraa hin sochoone. Isheema ilaala! Bareedinni mucayyoo kanaas akkanni ilaalee dhiisu qofaaf isa hin dandeessifne. Kanarraa kan ka'e, of harka galfachuuf fala faluu eegale. Mucayyoon 'T-shirt' bobboca konkolaataafi mobaayila gatii jabaa ofirraa qabu godhattee jirti. Kanarraa ka'uun, fedhashee tilmaamuu eegale. Konkolaataafi meeshaalee gatii jabeeyyii biroon achirraa, wantota isheen qabaachuu hawwitu akka ta'e hubachuun isa hin rakkifne. Namni waanuma jaalatuufi hawwu qabatee deema mitiiree? Kanaafi!

Edda fedhashee tilmaammatee booda, tooftaa tokko falate. Sagalee alaarmii akka sagalee waamicha bilbilaatti dhimma bahuuf jira. Ariitiin alaarmii guuttate. Yeroo alaarmiin iyyitus maal akka jedhu qopheeffateera. Alaarmiinis iyyite. "Heloo! Akkam barfatte? Ana hogganaakeeti! Mobaayila kankoo iPhone chaarjii irratti dhiisee waanan baheefan kan namaan siif bilbilaan jira. Konkolaataakoo isa 'Pickup' dhiqii na eegi. 'Vitz'nkoo kaleessa dhiqame, isa dhiisi. Aariifadhu!" jedhee bilbila giiphiitti deebifate.

Akkumanni akkana jedheen mucayyoon gara isaatti deemuu eegalte. "Kan ani barbaadutu kana,....akkas malee! Kunoo, of harkan galfadhe,....kankoon ishee godhadhe" jechaa jira, keessa isaatti. Akkuma bira geesseen miilla isaa jalatti gadi jette. Gadi jettees ol jette. Isatti bitaa galaa jira. Dhumarratti, dhagaa mobaayilaa lafaa fuutee itti kennite. Edaa   yeroo alaarmiin iyyu sana, ariitiin yeroo giiphii keessaa baasu dhagaan mobaayilaa keessaa bu'ee jira. Inni kana hin beekne. Isheen garuu argitee jirti. Dubbiin inni jechaa tures soba akka ta'e yerooma dhagaan lafa bu'ee kaastee hubattee jirti. Akkanaan dhagaa mobaayilaa itti kennitee itti kolfaa bakka isheetti deebite. Gurbaan nan nyaadhaatti nyaatamee taa'e, nama kolfas ta'e!

Yoo Waaqayyoo jedhe


Gugeen wucoolii ishee waliin baaxii manaa irra jiraatti. Mijateeraaf. Galgala tokko abbaan manaa "Ijoolle bor ganama ka'een baaxii mana kanaa diigee haaressa!" otuu jedhuu dhageesse. Isheef oduu yaaddessaa ture. "Yaa Waaqayyo ilaalikaa! Namichi ganama ka'een baaxii diiga jedhaa! Anii fi wucooliin koo eessa lixna?" jettee Waaqa kadhatte. "Namichi, 'Yoo Waaqayyo jedhe!' jedheeraa?" jedhee gaafate Waaqni! "Lakki hin jenne!" jettee deebisteef. "Yoos homaa hin sodaatiin!" jedhe. Ganama obboroo hiriyyaan isaa dhufee du'a firaa itti himee boo'icha waliin deeman. Manni hin diigamiin hafe.

Ji'a tokko booda ammas namichi waanuma dura jedhe sana dubbate. Gugeenis Waaqatti iyyatte. "'Yoo Waaqayyo jedhe nan diiga!" jedheeraa?" jedhee gaafannaan, "Hin jenne!" jette. Deebiin Waaqaa isuma duraa ture. "Yoos hin sodaatiin!" Ganama barii dhimma atattamaa hojii isaan wal qabatutu isa mudate. Mana diiguuf mitii fuula dhiqachuufuu yeroo hin arganne. Ni qajeele!

Ji'a tokko booda ammas galgala lafaa, "Ijoolle yoo Waaqayyo jedhe barii ka'een baaxii mana kanaa diigee haaressa!" jedhe. Gugeen ni rifatte. Akkuma amala ishee gara Waaqaatti iyyatte. "Ammas kunoo baaxii manaa diiguuf yeroo sadaffaa dhaadataa jira. Yaa Waaqayyo maal nuuf malta?" jette. Waaqni ammas gaaffii isuma dura gaafate irra deebi'ee gaafate. Isheenis, "Miilanahoo 'Yoo Waaqayyo jedhe nan diiga!' jedhe jettee deebisteef. 

Waaqayyo deebii kenneef. "Amma egaa namichi ni diiga. Baaxiin isaa dulloomee waan jiruuf diigee haareffachuu qaba. Namichi kun diiguuf erga karoorsee bubbuleera. Atuu kunoo yeroo sadaffaa na kadhataa jirta. Yeroon siif kenname ga'aa ture. Bakka biroo barbaaddattee man'ee keessa jiraattu ijaarrachuu dandeessa

 turte. Garuu, dhibaa'ummaa kee irraa kan ka'e yerootti hin fayyadamne! Dhibaa'ummaa keef gatii baasuuf jirta!"

Dhibaa'ummaan gatii nama baasisa jechuufan

SAMMUUN DHIPHACHUU (STRESS) HIR'ISUUF maal gochuu qabda?


1- NAMA WALIIN WALITTI DHUFEENYA QABAADHU. 

Namni qofaa jiraatuu fi yeroo gammaduuf gaddu nama waliin haasa’u hin qabne carraan rakkoo dhiphina sammuu qabaachuu isaa olka’aadha. 

2- WANTOTA SI DHIPHISAN ADDA BAASII BEEKI. 

Wantootni nu dhiphisan tokko tokko kan dhabamsiisuu (avoid) gochuu dandeenyudha. Kanneen qaama jireenyaa taa’aniifi dhabamsiisuun hin danda'amne immoo dursinee itti qophaa’uufi of to’achuun furmaata. 

3- HAWAASA KEESSA JIRAATTUUF BU’AA BUUSI. 

Namoota naannookeetti argaman gargaaruufi jireenya isaanii jijjiiruun gahee ati addunyaa kana keessatti qabdu sitti argisiisa. Jijjiiramuu, gargaaramuufi fayyadamuu ollaakeetii, hawaasa keetiif sababa yoo taatu, ofiikeetti gammadda. 

4- FEDHIIKEE NAMOOTA MURAASATTI HIMADHU KAN ISAANIIS DHAGGEEFFADHU. 

Kunis namootni fedhii siin walfakkaataa qaban akka jiran sitti argisiisuudhaan qaama hawaasaa akka taate sii mirkaneessa. Namoonni akka keetii akka jiran sii mul’isa. Qaama hawaasaa ta’uun ammoo dhiphina sammuu hedduu namarraa ittisa.

5- BOQODHU. 

Hammam hojiin yoo sitti baayyate illee boqochuuf yeroo qabaadhu. Yeroo hirribaa akka salphaatti ilaaltee ofirraa hin hanqisiin. Hirribni gahaan fayyummaa sammuu irratti gahee guddaa qaba.

6- WAAN KEESSA JIRTU SIRRIITTI HUBADHU. 

Yeroo baay’ee namoonni dogoggora yeroo darbee yaaduufi rakkoo fuulduratti itti dhufutti yaadda’uu malee waan amma kana keessa jiran hin yaadan, hin yaadatanis. Waa’ee guyyaa har’a keessa oollee, waa’ee aduu har’a baatee dhiitee, waa’ee waan har'a hojjechaa oollee yoo yaadne miidhama keenya nuuf hir’isa.

7- FAYYUMMAA QAAMA KEETIIF OF EEGGADHU. 

Rakkoon sammuufi miidhamni qaamaa kunneenii yeroo baay’ee walitti hidhata. Kanaaf ispoortii hojjachuu, nyaata sirriitti nyaachuu, muuziqaa jaallattu dhaggeeffachuufi waliin shubbisuu, haga dandeessetti fayyummaa qaama keetii eeggachuun sammuu kee nagaa taasisa.

8- WAAN HAARAA HOJJACHUU YKN BARUU YAALI. 

Jireenya kee keessatti yoo waan haaraa bartu yokaan hojjattu, jireenyi kee irra deddeebii ta’ee sin nuffisiisu. Miirri fiixa ba’umsaa, mo’ichaa, gammachuufi ofitti amanamummaa waan haaraa baruu keessaan argamu.

9- GARGAARSA GAAFACHUUF DUUBATTI HIN JEDHIIN. 

Namoonni hedduun gargaarsa gaafachuun mallattoo mo’amuu yokaan kufaatii, dadhabina itti fakkaata. Kun tasumaa dhugaa miti. Kanaaf rakkina kam keessattillee gammachuudhaan gargaarsa gaafachuun mo’amuu osoo hin taane injifachuudha. Rakkoo sammuun dhiphachuu kana illee taanaan gargaarsa gorsaa gaafachuun furmaata guddadha.

πŸ™Fayyaaf nagaa hin dhabiinaaπŸ™

GAAFAN DU'EE SIIDAA KOO IRRATTI MAAL JETTANI BARREESSITU?

Guyyaa tokko namicha tokkotu daw’iidhaaf gara Amerikaa deeme jedhama. Biyyicha keessa olii fi gad deemee erga daw’atee booda dhuma irratti s...